Oduu Haaraya

‪#‎OromoProtests‬ HUBACHIISA: Baatii afran ummannii keenya qabsoo finiinsaa jiru kana qalbii ummataa facaasuuf yaaliin garagaraa godhamaa turuun ni yaadatama.

Shira bifa jijjiirataa as bayaa tures dammaqinaan irra aanaa as geenya. Dhiheenya kanas dubbiin atakaaroon alaabaatin wal qabattee eegalte shira kanaan addaatti hin laalamtu.

Yeroo ummanni keenya humnoota isa diiguu fedhan qaanessee tokkummaa ajaa’ibaatiin diinarratti duulee jiru kanaatti; yeroo diinni sochii ummataatin baarage ilmaan Oromoo golee Oromiyaa cufatti fixaa jirutti, alaabaan ijoo dubbii taate wal nama falmisiisuun qaanyiidha. Dhimma kanarratti ergaa laman qaba.

Yeroo ammaa kana keessatti alaabaa haarayaan gadi bayanii ummata keenya atakaaroo akkanaa keessa galchuun yookin gowwummaa takkaahuu gantummaa irraa madda. Gowummaa hoggaa jennu; kaka’uumsa ummataa kanatti fayyadamnee murna siyaasaa tokko dhaadheffanna ilalaacha jedhuun warra deemu. Kun gowwummaa tarsiimoo siyaasaa ( strategic naivety) hamaadha. Yeroo ammaa kanatti ummanni Oromoo waan Oromummaafi tokkummaa lalisaa malee dubbii murnaa dhagayuu hin fedhu. Murni tokko hamma fedhes sagantaan isaa osoo nama hawwattee yeroo Oromoon jumlaan dhumaa jiruufi tokkummaan falmataa jiru kana keessatti ajandaafi asxaa murnaa dhaadhessuu wallaala tarsiifmoo hamaa agarsiisa. Waan gabayaan bittu magaalaa geessan.

Gara biraatiin warri beekaa qalbii Oromoo adda facaasuuf waan akkanaa godhaa jiru ammoo ergama diinaatiin qabsoo gufachiisuuf akka wixxifataa jiraniitti laalamuu qabu. Akeekni isaanii waldorgommii murnaa uumuun miira naannummaafi gosummaatin ummata wal afaan kaayuudha. Tarsiimoon kun amma duras dalageefi jira, ammas ni milkooyna jedhanii yaalaa jiran. Beekaa diinaafi silmiin bakkuma laaffatu laaltee ciniintii. Kan dogongoraan waan kanatti jiru akka nurraa dhaabu diiga ilmaan Oromoo diinni jigsee har’as hin qooriniin itti waywaanna. Kan ergama diinaa qabatee dubbii kana owwiisee itti fufuu barbaadu humnaa barbaachisaa ta’e hundaan dura dhaabbanna.

Namoonni gochaa alaabaa haarayaan as bayuu kana dura dhaabbachuun atakaaroo seenanis kara lamaan laalamu. Irra jireessi jaalala alaabaa qabsoo bilisummaa Oromootifi qabaniifi aariin warra yeroo kana qalbii namaa facaasuuf yaalu irraa qabaniin dutan. Warri gariin ammoo kanuma diinni ergee dhimma kana fuudhanii Oromoo adda qooduudhaaf socho’an akka ta’e shakkuun barbaachisaadha. Diinni kales taatu murnoota Oromoo gamaa gamana jiran keessa lixee ibidda shiduun beekama. Warri jaalalaafi aariin kaka’eef, dubbii kana oowwisuun fedhii warreen haraaraa murnaatin maraateefi ergamtoota diinaa guutuu akka ta’ee beektanii of qabbaneessuu akka qabdan gorsina. Dubbataa salphisuun jalaa caldhisuudha. Warra ergama diinaatin hiree kanatti fayyadamee qabsootti gufuu ta’uu fedhu mala isaanin malu itti baafna. Hin milkaayan, ni hoongayan malee.

Wanni hubatamuu qabu, qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti barri ibsa ejjannoo, maqaa dhaabaatifi alaabaan itti waldorgoman dabree jira. Har’a murni ummata Oromoo biratti fudhatama argachuu barbaadu alaabaa tuuluun osoo hin taane hojii qabatamaan as bahuu danda’uu qaba. Warri hojii nuffee ykn wallaalee maqaa, asxaafi sagantaa dhaabaa akka jijjiruun ummata keenya gooluu barbaadu hin milkaayu. Daranuu jibbamuudhaan ummata keessaa bahuudhaaf deema. Maallaqa chaaynaa irraa alaabaa dila kana ittiin guuran osoo joollee rasaasa diinaatin dhayamtee qoricha malee raammayaa jirtu saniif erganii rabbiifi Oromoo birattis galata argatan. Alaabaa dila kana baadhatanii atakaaroo uumuuf hiriiraafi walgahitti bayurra dhaadannoolee ciccimoo barreeffatanii osoo amba agarsiisanii qabsoo tanaaf bu’aa diplomaasii qaba

Dhumarratti kan ummanni keenyaafi addunyaanis Oromoo ittiin beekan alaabaa lamatu jiran. Alaabaa Gadaa Oromoo tifi tan Qabsoo Bilisummaa Oromoo. Kunis waan har’a ta’eemiti. Alaabaan Gadaa Oromoo,halluu ummannii keenya waggoota kumaatamaaf akka mallattoo sirna siyaasaa, hawaasafi diinaggee isaatti itti fayyadamaa tureedha. Alaabaan tun kan biyya Oromiyaati fuulduraa jaaruuf deemnutiisi. Alaabaa tana halluu wal jala dabarsuunis taate asxaa garagaraa itti dabaluun kan murnaa gochuuf yaaluun hin ta’u. Ummata birattis fudhatama hin qabu. Osoo ta’ee OPDOtu mikaaya ture. Alaabaan Qabsoo Bilisummaa Oromootis tan gaafa dura qabsoon eegaltu, waggoota shantamaan dura, qabsoo’onni tolfataniidha. Alaabaan tun seeraan jaaramuu ABOtu ni dursiti. Achirraa kaasee hamma har’aatti qabsaa’ota qaqqaalii kumaatamatu alabaa tana jalatti wareegame. Qabsoma ji’oota afran dabran kanaatuu osoo fudhannee, osoo nutuu yeroon hin geenye jennuun, barrattoonnifi qonnaan bultoonni, harkaan tolfatanii, qabatanii diina dura itti dhaabbatan, akkuma qabataniin hedduun wareegaman, warri irraa hafe geerare reeffa isaanii ittin maree awwaalate. Sooduu wareegamtoota alaabaa tanaan faayee seenaadhaaf dabrse. Tun alaabaa murna tokkooti miti. Kan qabsa’ota bilisummaa saba Oromootitti amanan maraati. Tun alaabaa murni tokkoo waan biraatin gadi bahee busheessu miti. Kan mi’aan isii dhiiga goototaatin mirkaneeffame malee. Adaabbatti, Baddannootti, Beegiitti, Baabichatti, Bulee Horaafi Ammayyatti ilmaan Oromoo alaabaa tana olkaasanii yoo diina dura dhaabbatani kufan, murna tokkoo jaalatanii ykn ittiin ajamanamii miti. Oromummaafi Oromiyaadhaaf jecha malee.

Kana hoggaa jennu murnoonni siyaasaa asxaa mataa isaanii hin qabaatinii miti. Qabaadhaa. Har’aaf hojii jaaramaya keessatif walgahiilee murna keessanii irratti fayyadamaa. Yeroo waltajjii ummata Oromoo bal’aaa dhuftan ammoo ummata fakkaadhaa. Waan ummata hin fakkaanneen as bayuun ummatuma keessaa isin fageessa. Boru erga Oromiyaan bilisa baatee ummanni keenya mirga filee filatamuu goonfatee booda as baafadhaa imaammata keessan waliin dhaadhessaa ummataan filatamaatii Oromiyaa bulchaa. Hamma achi geenyutti waaqa Oromootiiniifi lafee-dhiiga obboleeyyaan keenyaatiin isin qabnee nurraa taa’aa jenna.

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Ollaa: Oromo Legacy Leadership And Advocacy Association

IMPORTANT UPDATE: OLLAA is always seeking for opportunities to engage with Oromo communities around the …

One comment

  1. #OromoProtest Hubachiisa

    Mee Xiqqoo uf duuba deebinee yoo ilaalle, gaafa omnii tvin dhaabbate oromoon akkuma jirutti gammade. Gammachuu kana irraa ka’uudhaan dhiiraa dubartiidhaan, xiqqaa fi guddaan miidiyaa kana jebeessuudhaaf jecha diinaggee isaa gadi naqaa ture ittis jira. Garuu akkuma oolee buluun, akkaataan miidiyaan kuni haala diinni ummata oromoo naannoo adda addaatti irraan gahuu jiru, bifa walfakkaatuun ibsuu hanqachaa dhufuu garsiisa. Fakkiif, namni lama naannoo tokkotti yoo ajjeefamu yookaan hiriirri yoo bahamu, kan naannoo tokkoo irra deddeebi’ee daqiiqaa hedduuf yoo ibsu, kan naannoo biraa second 20 qofaa ibsaa ture. Second 20 sanuu iyyaansa ummanni itti godhu irraa qaanfatee godhaa ture malee akka fedhii isaatitti maqaamaahuu kaasuu hin fedhu. Fakkiif, hiriira naannoo oromoota arsiititti ta’u irra yoo butu kan naannoo biraa irra deeddeebi’ee ibsaa ture. Garuu gumaachaa diinaggee yoo gaafatu oromoonni arsii naannoo kamuu ol baasanii argamu. Hujiin obboo Johaar kan mootummoota habashaatiin kan walfakkatuudha. fakkiif Mootummoonni Habashaa yeroo oromoo duulchifatanii fi gibira irraa guuran oromoonis itoophaa jedhu. garuu gaafiin mirgaa fi abbaa biyyummaa yoo oromoo irraa dhihaatu kuni xabbaabummaadha jedhu. obboo Johaar Muhaammad jibbansa ilmaan arsii irraa qaban ifatti bahanii ibsatuun waan itti hin tolleef jecha karaa ummata kana itti waraanan barbaadatutti seenan. Sunis

    Guyyaa Lama dura Alaabaa Kallacha Walabummaa Oromiyaa irratti nama yaada isaanii kennatu uf fakkaassanii oromoota arsii waraanuu eegalan. Yaada isaanii keessatti jechoota akka kuni Gowwummaadha, Gantummaadhaa, Diinatuu erge, yoo dhaabbatuu didan mala itti baafna jechuun dhaadatuu fi Ummata afanfaajjessuudha waan jedhutti fayyadamuu isaanii agarre. Akkuma gubbatti kaasuu yaale, Ummanni oromoo kan Miidiyaa Omnii ittiin beeku, miidiyaa dhaaba Polotikaa kam irraahuu qulqulluu ta’ee fi dhaaba kamuu kan hin leellifnee fi hin abaarre kan jedhu ture. Garuu yeroo ammaa kana Oboo Johaar Muhaammad nama dhaaba tokko faarsuudhaan gama biraatiin Kallacha Walabummaa Oromiyaa Olola Sobaatiin Cilee dibu ta’ee argamuu isaati. wanni ummanni oromoo beekuu qabu, Omni tvin kan dhaaba polotikaa ummata oromoo irratti ifa bahee duulu ta’uu akka hubattan.

    waanni hubatamuu qabu, alaabaan dhaabbonni oromoo qaban hundinuu kan dhaabuma saniiti malee kan ummata oromoo akkan ta’in beekamuu qaba. obboo Johaara kana hubatuu dhabanii kallacha walabummaa oromootiin goowwaadha yoo jedhan hubannoonn isaanii maal akka ta’e naamf hin galu. namni yeroo ammaa kana diina wayyaaneetiin waa jechuu dhiisee alaabaa oromoo qabaatuun gantummaadha jedhu ufii isaatiin maal jechuu barbaada kan olola sobaa dhaaba oromoo irratti oofu. Obboo Johaar isin kan dhaaba oromoo miidiyaa irratti baatanii abaartan diinaa ergaa geessaa akka jirtan maaf arguu dadhabdan? yeroo ammaa kana diina wayyaanee kan ilmaan oromoo lafa irraa fixaa jiru dhiifte Kallachi Walabummaa oromiyaa yoo dhaabatuu baate mala itti baafna jettee dhaadatuun kee oromummaadha moo diinummaadh? Ummata afanfaajjessuu isa jedhu laalchisee, Kallachi Walabummaa oromiyaa jala qaba irraa kaasee diinni isaa Wayyaaneedha jedhee lafaa kaayee ture. akkuma san ummanni oromoos afaan tokkoon diina isaa irratti xiyyeeffachaa jira.haala oromoon afaan tokkoon diina irratti dhagaa darbaachaa jiru kana keessatti jabaadhaa jechuu dhiifte dhaaba oromoo irratti jechoota diinaa darbachuun kee ummata afanfaajessuu hin ta’u?

    inni biraa dhaaba ganda tokkoo jettee abaaraa jirta. Kallachi Walabummaa oromiyaa kan inni hogganamuun Bergaader Jeneraal Kamaal Galchuu akka ta’e beekamaadha. nama arsii irraa dhalate tokkoon dhaabdi hoogganamuun dhaaba ganda tokkoo jechisiisa? obboo Galaasaa fi Daawud ibsaa oromoota dhalootaan Wallaga irraa dhufaniidha. Garuu abo bara dheeraaf hogganaa turan ittis jiru gariin isaani. kana jechuun abon kan ganda Obboo Galaasaatii fi Daawudi jechuudha. Ati haala polotikaa oromoo kamiifuu salbaa yookaan qacalee waan taateef tarii waan dhaabaa akka fakkiititti yoo siif kaayan hubatuu dhabutuu mala. mee Omni miidiyaa ati dhaabde yoo siif kaafne, Omni kan hoogganu si waan ta’eef, omniiin kan naannoo ati itti dhalatteeti jechuudha. Garuu kan nama rakkisu, ati arsitti yoo dhuftu abbaan kiyya arsi jetta.Harargetti yoo dhuftu Harargee ufiin waan jettuuf, naannoo kami jedhanii sitti murteessuun rakkisaadha. namichatuu waraabessatti dhufee yaa waraabo ati gosa tami jedheen, waraabessi waan jedheen waraabessi daaraa malee gosa hin qabu jedheen. Ati oromoota arsii irraa jaalala waan hin qabneef, horii isaaniillee akkasumatti lagadhu. Obboo johaar dhiheenna kana opdon haasawaa jirta jedhama. horiillee akka si badhaasuu yaalan dubbatama. tarii wanni amma ati oromoota arsii dhaaba Kallacha Walabummaa Oromiyaatti erkattee isaan waraanuu fi dhaadattuuf, guummaata oromoo irraa guuraa turte yoo kan dhabdus taate abdii diinaa irraa argatuuf yaalamaa jiru san waan onnetta fakkaatta. si nama tokko dhiisii, dhaabbonni oromoo kan ilaalchaan garaagarummaa qabanuu walitti dhaadatanii hin beekan. ati tarii amma wayyaanee wajjiin haasawa garaa jalaa godhaa jirta jedhamu kana waan abdatteef dhaadannoo kee lallabachuu barbaadde.

    Gara biraatiin tokkumaa oromootaa akka nama jaalatutti haasawuu feeta. waan gaafa Austuraliaa fi Awrophaa deemte haasofte ni qabaattaami? sunis dhaabbota oromoo tokkomsee kallacha walabmummaa orommiyaa diiguu qaba jettee kakachuu keeti.

    Haalli ati bakka diinaa buutee oromoota addaan qooduu fi olola sobaa ofuu dandeetteef, kan duraa muuxannoo irra hedduun nama biyya alaa jiru qabuu fi bu’aa fi cehii isaan keessa qxxaamuran waan hin arginiif. inni biraa bilchinna umrii dhabuu irraa kan ka’e dubbii odoon laallanne darbachaa deemta.

    Dogoggora goote kana irraa uf eeguudhaa, 1, haala diinni oromoota irratti hojjachaa jiru itti dabaluu fi dhir’isuun maletti ibsi. 2, olola sobaa kan alaabaa kalacha walabummaa oromiyaa irratti oofte kana gadi bahii bifuma barreessite saniin dhiifama gaafadhu. 3, ati miseensa abo ta’uu keellee ummanni siif hubatuu sammutti qabadhu.

    Yaa ummata Oromoo namoonni Obboo Johaar Muhaammad fakkaatan baha dhiha, kaabaa, kibbaa fi eddu galeessaa fi kuni gosa akkasiiti jechuudhaan ummata oromoo lagaa fi amantaan bu’aa mataa isaaniittiif adda qoodaa turanii fi itti jiran hedduudha. kana hubatuudhaan ummaanni keenna namoota yaada ummata keenna addaan fageessuu fi hujii diinaa keessa keennatti hojjatu irraa uf eeggannoo taasisa. Haga Johaar Muhaammad gadi bahee alaabaa oromoo abaare deebi’ee arraabutti namni horii itti kennitan isaan garaagarummaa hin qabdan.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *