Oduu Haaraya

“‪#‎YOOMI_BARIITI_LAATA‬???

Halkan Nutti Cimee
Dukkannis Hammaatee
Dukkana Ulfaatee
Bineensi Nunyaatee
Ifa lafa Yaadnee
Eegganees Nidhabnee
Aduun Calaqqistuun
Irribaa Nuu Hinkaafne
Lukkuun Hin Iyyine
Simbirroonni Hinwacne
Urjiileen Addunyaas
Ruuqa Keessaa Hin Baane
Raachatu Caffee Qoqa
Waraabessatu Yuusa
Kan Rafee Dammaqes
Sodaa Lubbuuf Usa
Duumessi Dukkanni
Yaa’ee Darbuuf Gadde
Halkan Daangaa Darbe
Guyyaan Bahuu Dide
Halkan Lakkuu Taanaan
Qaroon Keenya Baqe
Eenyu Beeka Garuu
Aduun Essa Dhaqe
Dukkana Uffatee
Namuu Summii Biifaa
Maaloo Waaqni Uumaa
Nuuf Abboomi Ifa
Odeeffannoo Kennaa
Bakkee Jirtanitti
Caama Ishee Dharraanee
Aduun Gaafam Baati???

Check Also

xalayaa

Seenaa gammachuu qamaltii: Kutaa Tokkoffaa

Taammanaa Bitimaa irraa Jaalatamoo fi kabajamoo yaa dubbiftoota barreeffama kanaa, mee kunoo hardha irraa kaaseen: …