Oduu Haaraya

⇝ E I D M U B A R A K!! ⇜

Baga gammannee baga gammaddanii
Guyyaa kabajamaa gammadu muslimoonni
Baga ittiin geenyee baga ittin geeysan
Baga waliin geenye irra deebi’uun!

Iida Arafaa Iida jaalatamtuu
Hawaasni muslimaa hundi kabajatu
Guyyaa fuula gaariin namuu wal simatu
Guyyaa adawwiin diin keenyaa gadditu
Guyyaa muslimoonni caalchisee jaalatu
Eid Mubarak! Muslimoonni martuu.

Guyyaa muslimoonni ittiin wal zihaaru,
Kanneen qabanis kan dhabaa gargaaru,
Walitti dhufuun kan Rabbi gabbarru,
Eid Mubarak! Muslimoonni addunyarra jiru!

Shittoo facaafatee namu u’urgaahee
Kabajaa ayyaanaaf namayyuu wal gahee
Baga ittiin geessan,baga ittiin nu gahe!
Galanni kan isaati khaaliqa oltahe.

Akkaan babbareeduu yeroo walitti dhufan
Hoggaa Dirree Iidaatti walitti qabaman
Jechi tokkichi yeroo takka ja’an,
Akkaani miidhaga sagalee bareedduun

“Allaahu Akbar! Allaahu Akbar! Allaahu Akbar!
La Ilaaha Illallaahu Wallaahu Akbar, Allaahu Akbar Walillahil Hamdu”
Bakka takka je’u muslimoonni hunduu
Muslimni tokkichaan takkan qabdu mamii
Nurraa haa jaalatu mootiin ardiif samii!

Warra baranaa kan bara hegeree
Warra barayyuu adda wal hin hirre
Warra jiraatu sadoo fi qananiin
Warra milkaa’u gammachuu fi dadaan!
Umrii nuuf haa kennu mootichi ol’aanaan
Rabbiin nuun haa gahu baraa fi baraan!
▁▁▁▁▁▁▁▁▁▁
Najiib Zannuun

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …