Oduu Haaraya

‪#‎OromoProtests‬ Godina H/bahaa Aanaa Fadis tti, hiriira guddicha guutuu Oromiyaa irratti godhame irraa qooda kan fudhatan

fadis20160801 fadis20160802 fadis20160803

“Kunoo manguddoos ta’ee bulchoonni aanaalee hundi wayyaanee biratti kabajaa tokkollee akka hin qabnee of-haa baran. Godina H/bahaa Aanaa Fadis tti, hiriira guddicha guutuu oromiyaa irratti godhame irraa qooda kan fudhatan dargaggoonni fii jiraattonni aanichaa, erga manguddummaan harkatti galfatamanii kaasanii hanga har’aatti waajira poolisii magaalaa Bokkoo tti hiraarfamaa kan turan, halkan edaa sa’aa 8:00 irratti fee’amanii yeroof bakki isaan geeffaman hin baramne. Dargaggoonni kun hanga har’aatti kan turuu danda’aniif bulchoonni aanichaa tokko tokko itti mallatteessuu irraa kan of-qusatan yeroo ta’u, garuu biyyattii kan hoogganaa jiran isaan ta’uu dhaba irraa kan ka’e, dirqamni command post irraa itti kennamu kan manguddummaas kijibsiisu hojii irra oolfamuu isaati. Haala kanaan dargaggoota 7’n maqaan isaanii tuqame kanneen dabalatee gara namoota 23 ol kan ta’an dabarsamanii jiran.

1. Fiqaaduu Kaasaahun( bara kana HO’dhaan university Awaasaa irraa kan eebbifame)
2. Caalaa Abdullaa Bakar(barataa statics waggaa 3ffaa university H/maayaa)
3. Guutuu Fu’aad.
4. Jamaal Mohammad Abdiyyaa.
5. Ahmednajaat(barsiisa)
6. Jamaal Alii Anniyyoo.
7. Qaadiroo Bulee Bakar(hojjataa dhunfaa).”

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …