Dhaamsa kana hatattamaan Waliif dabarsaa!!
Waraanni Wayyaanee Guddaa karaa Gambeella Konkolaataa gurguddaa 15 Guuramee Magaalaa Mattuu Seenaa jiraachuu maddeen Keenya ijaan Argan nuuf dhaaman. Warannii kun dhalootaan Gambeellaa, Anyuwaak; Nuweer; Gumuzitti Kan heddummatan ta’uu maddeen himaa jiru. Kanaafu gama Gidduu Galeessa Oromiyaatti Kan Socho’aa jiru Waan ta’eef , Amma Magaalaa Mattuu keessa jiru Oromoo naannoo Mattuu Yaayyoo, Hurrummuu, Cooraa, Baddallee, Gachii , Dhidheessaa, Geeraa, Toobbaa, Aggaaroo , Gembee, Maannaa , Jimma, Bulbuloo, Asandaaboo, Dannabaa , Sokorruu fi Hanga Hidhaa Laga Gibeetti jirtaa Halkan kana guutuu Wal Dammaksuun Daandii akka Cuftan.Mukkeen Gurguddaa Daandii irratti akka guurtan akka jijjiksitan Waamicha Oromummaa fi dirqama Dhaloota Isiniif Dabarsina. Adaraa Lafee Gootota Oromoo, Adaraa Lafee Fattansaa Iluu Gootota kaleessa fi Kan har’aa hin rafiina Daandii ka’aa itti cufaa Riqicha kutaa!!