Oduu Haaraya

Gochaa suukanneessaa wayyaneen ilmaan Oromoorratti gad gessaa jirtu kan afakkaata

GARA JABEENYA WAYYAANEE!

gaaddisaa shariifMaqaan isaa Gaaddisaa Shariif jedhama. Barataa kutaa 10ffaa ture. Haadha hin qabu. Abbaa isaa obbo Shariif Ahmad waliin godina Harargee Bahaa, aanaa Guraawwaa, ganda Birbirsa Sa’idoo jedhamu keessa jiraataa ture. Jireenya ulfaataa ta’e keessatti obbo Shariif, haadha malee ilma isaa kana guddisaa barsiisaa kutaa kudhaniin gahee ture; hawwii guyyaa tokko ilmi kiyya naaf baratee rakkoo kana keessaa nabaasa jedhuun. Garuu hawwiin isaa kun bakka yaade hin geenye. Bakka gahuu qofaa miti, akka hin taanetti karaatti hafte.

Ilmi isaa Gaaddisaan luubbuu isaa hambisuuf waraana Wayyaanee jalaa fiigee ganda namaa seene. Abbaanis argee ilma kiyya ajjeessuufi jedhee jala seene. Ilma isaa kana Wayyaaneen mana jala seentee abbaa jalaa qabdee gadi baafte. Haala suukaneessaa taheen ilma isaa kana Wayyaaneen isa duratti rasaasa lamaan dhooytee erga kuffistee booda lafattis itti deebifte. Abbaanis, eega ilma kiyya ajjeeftanii anas na ajjeessaa jedheen. Sababa kanaan abbaallee tumaan caccabsanii lafati darbanii biraa deeman. Ilmi isaa garuu hospitaala Harar geeffamee waldhaanamuuf yaalamullee, dandamachuu hin dandeenye. Guyyaa kaleessaa Gaaddisaa Shariif addunyaa kanarraa boqote. Rabbiin jannataan haa qananiisu jechaa, warra isaaniitii fi Oromoo maraaf sabrii haa kennu.

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …