Abdii Boruutiin
Waayee biyya Itoophiyaa jedhamtu tanaa yoon kaasu, jechaa “Impaayara” jedhamu irraa hanbisee hin beeku. Haa ta’u malee, kufaatii Wayyaanee booda biyyi tun akka impaayaraatti jiraachuu waan hin dandeenyeef, barreeffama kana keessatti otuu jecha kanatti hin fayyadamin dhiise. Yoom akka ta’u beekuun rakkisaa ta’ullee, kufaatiin Wayyaanee waan nama shakkisiisuu miti. Akka Wayyaanotni yaadanitti, akka isaaniif galutti, humni waraanaa jabaan uumamee, karaa kanaan humnaan isaan kuffisuun ammaaf yoo hin danda’amne illee, sochii warraaqsaa uummatootaatiin keessi ishii nyaatamee gaaf tokko akka kuftu ifa dha. Mootummaa abbaa irree kan fiixee hallayyaarra jiru waan ta’eef kufaatiin isaa mamii hin qabu. Gaafii guddaan garuu, kufaatii ishii kana booda biyyattii tana keessatti sirna akkamiitu uumama ykn uumamuu danda’a? kan jedhu dha.
Yoo Wayyaaneen kufte booda biyyattiin tun maal fakkaatti yookaanis sirna akkamiittu uumammuu danda’a kan jedhu otuu hin ilaalin dura, humnoota siyaasaa biyyattii tanaa beekuu fi hubachuun barbaachisaa dha. Gama sochiilee siyaasaatiin yoo ilaalle, yeroo ammaa yoo xiqqaate humnoota garee shaniitu jiru:
Tokkoffaa, humna Wayyaaneedhaan durfamu yoo ta’u sirna Federaalisimii, kan eenyummaa sabootaa irratti hundaa’e waraqaarra kaayee; gara hojiitiin garuu farra-diimookraasii fi shororkeessummaa dalagaa jiru;
Lammaffaa, humnoota bilisummaa sabootaa, kan hiree murteeffannaa uummatootaa mirkaneessuuf qabsaa’aa jiran kan akka Adda Bilisummaa Oromoo (ABO), Adda Bilisummaa Biyyoolessaa Ogaadee (ABBO), Adda Bilisummaa Sidaamaa fi kkf.
Sadaffaa, humnoota siyaasaa kan sirna Federaalisimii amma jiru kanatti amanan garuu Federaalisimii fi diimookraasii dhugaa ta’e mirkaneessuu barbaadan;
Afraffaa, humnoota Habashootaa, kan diimookraasii dhgaa fiduuf qabsoofna jedhan??, garuu sirna Federaalisimii naannolee kan eenyummaa sabootaa irratti ijaaraman kan hin fudhanne;
Shanaffaa, humnoota Habashootaa kan har’allee sirna durii dulloomaa sana deebisanii ijaaruuf abjootaa jiran
Ergan humnoota kana garee adda addaatti hire booda, mee kaayyoo humnoota kanaa ilaalchisee sodaa biyyattii sana keessa jiru tokko tokko ibsuun yaala. Asirratti waayee Wayyaanee ibsuun barbaachisaa miti. Wayyaaneen gabaabumatti faashistii dhiiga sabootaatiin harka dhiqatte; nama qofaa otuu hin taane kan lafti/dacheen isaan jibbite; mootummaa hundeedhaan buqqayee achi darbamuu qabu waan ta’eef, waayee isaanii ibsuu hin barbaachisu.
Akka hubannoo kiyyaatitti, kan biyyattii tana keessatti sodaa uume/uumu humnoota garee lammaffaa fi afraffaa/shanaffaa ti jedheen yaada. Keessumaayuu, kaayyoon humnoota garee lammaffaa fi shanaffaa waan wal faallessuuf, humnoota kana jidduutti waliigalteen waan uumamu hin fakkaatu. Kaayyoon humnoota garee shanaffaa sirumaayyuu waan milkaayuu miti. Kun asumatti jala sararamuu qaba. Kana booda sirna durii dulloomaa sana deebisnee ijaarra warri jedhan abjuu kana yeroo xumuraatiif awwaaluu qabu. Kun projaktii hin milkoofne dha.
Kaayyoo humnoota garee lammaffaa ilaalchisee, sodaan jiru, yoo humnootni kun jabaatani fi ciman biyyattii tana gara garatti hiru kan jedhu dha. Jechi itti fayyadamamus kanuma barame “magganxal” kan jedhu waan ta’eef, isa kanaan walis ta’ee kan biroos sodaachisu jechuu dha. Haa ta’u malee, hiree ofii ofiif/ofiin mureeffachuun uummatootaa, uummata Habashaatiifillee akka hojjetu hubachuus fudhachuus hin barbaadan. Rakkoo guddaan kan jiru asirratti. Sodaa fi shakkii walirraa qaban kanatu akka Wayyaaneen umrii ishii dheereffattee as geessu taasise. Gara fuulduraattis, yoo waliigalteen hin jiraanne, kan rakkoo walxaxaa uumu isuma kana jedheen amana. Sodaan jiru kun har’a Wayyaanee kuffisuu irrattis ta’ee waan sana booda uumamuuf deemu irratti dhiibbaa qaba jechuun ni danda’ama.
Mirgi hiree murteeffannaa sabootaa/uummatootaa kan eegamuu qabu akkuma jirutti ta’ee; akka Heerragaatti (Mathematics) otuu wal’akkeessuun (Average) kan ilaalamu ta’ee, silaa hundaafuu kaayyoo jiddugaleessi Wayyaanee hiddaan buqqisanii erga achi darban booda, sirna Federaalisimii amma jiru kana guutumaa guututti Federaalisimii fi Diimookraasii dhugaatti jijjiiranii; sabootni fedhii isaaniitiin ofbulchuus ta’ee waliin buluu akka danda’an taasisuu ture. Saba Oromootiif kun kaayyoo isa xiqqaa dha (minimum objective- minimum requirement); injifannoolee hanga har’aatti argaman akkuma jiranitti tikfachaa kan caalutti ce’uu jechuu dha. Kaayyoo isa xiqqaa kanarraa wanti sharafamus ta’ee hir’atu jiraachuu hin danda’u. Kuni guutuu baatnan qabsoon kunis waan dhaabbatuu miti jechuu dha. Waayeen kun firaafis ta’ee, alagaa fi diinaaf ifa ta’uu qaba.
Egaa, gara gaafii akka mata dureetti dhiyaatetti deebi’uudhaaf, biyyattiin tun kufaatii Wayyaanee booda maal fakkaachuu dandeessi fi maal fakkaachuu qabdi kan jedhu ilaaluun barbaachisaa dha. Gaafii maal fakkaachuu dandeessi ? kan jedhu yoo ilaalle, haalota (Scenarios) adda addaatu uumamuu danda’u. Haalotni kun ammoo humnoota siyaasaa kan armaan olitti ibsaman sanarratti hundaa’u.
- Yoo humnootni bilisummaa sabaootaa (garee lammaffaan) jabaatani fi ciman, biyyattiin tun ce’umsa tasgabbaayyen uumamtee; sana booda mirgi hiree murteeffannaa sabootaa mirkanaawuu danda’a.
- Yoo humnootni garee afraffaa fi shanaffaa, keessumaayuu warri garee shanaffaa ciman, yookaanis tumsa uuman, biyyattii sana keessatti jeequmsa xumura hin qabnetu uumama. Wayyaaneen umrii bittaa ishii itti fufu dandeessi ykn carraa biraatu ishiidhaaf uumama.
- Yoo humnootni garee lammaffaa fi sadaffaa jabaatani fi ciman; yoo isaan kun lamaan waliigaltee ykn/fi tumsa uuman, ce’umsi ulfaataa ta’ullee, sana booda suuta suuta haala tasgabbaawutu uumamuu mala.
- Yoo humnootni hunduu jabaachuu baatani fi waliigalteenis uumamuu hin dandeenye, Wayyaaneen bittaa ishii ittifufuu dandeessi; garuu duguuginis sanyii sabootaa keessumaayuu kan Oromoo bifa suukkaneessaa ta’een ittifufa.
Gaafii: Biyyattiin tun kufaatii Wayyaanee booda maal fakkaachuu qabdi? kan jedhuuf , humni uumamu danda’u akkuma jirutti ta’ee (humni uumamu garuu murteessaa akka ta’u hubachuun barbaachisa dha), biyyattiin tun jeequmsa xumura hin qabne keessa akka hin seenne fi furmaata xumuraa kan hundaafuu walqixxee ta’e uumuuf, humnootni hunduu waliigaltee uumanii; humna hundaa walitti qindeessanii saffisaan Wayyaanee kuffisanii; sirna hundaafuu bu’aa fidu uumuu dha. Sodaa hanga ammaatti jiru dhabamsiisuu dha. Filannoon kana booda jiru humnootni garee afraffaa fi shanaffaa ofamansiisanii; haal yeroo waliin deemanii; waan biyyattii sanaaf tolu irratti hojjechuu dha. Diigumsa impaayarittii sodaachuurra akka kun hin uumamne, dursanii ittiyaaduu qabu. Sabootni biyyattii sanii hunda dura ofbulchuu danda’uu fi sana booda yoo fedhii isaanii ta’e waliin buluu filachuu danda’uu qabu.
Walumaagalatti, akaa yaada fi ilaalcha kiyyatitti, nagaa fi tasgabbii xumuraa fiduuf, sirni kufaatii Wayyaanee booda uumamuu qabu, xiqqaatee yoo xiqqaate sirna Federaalisimii dhugaa kan naannolee eenyummaa sabootaa irratti hundaaye; kan uumatootni saboota hundaatuu walqixxummaadhaan keessatti of argan; kan mirgi hiree murteeffannaa isaanii keessatti dhugoomuu danda’u ta’uu qaba. Biyya walaba taate ijjarrachuu barbaaduu fi dhiisuun murtii uummatootaa ta’uu qaba. Yoo kuni hunduu hin mirkanoofne, sirni biraa nagaa fi tasgabbii waan uumu natti hin fakkaatu.
Dhumarratti, dhaamsi gabaabaan ani Sabboontota Oromootiif carraa kanaan dabarsuu barbaadu, tooftaa fi tarsiimoo yerootiif jettanii waan dhugaarraa fagaachuu malu; waan boru ittigaabbitan dubbachuus ta’ee dalaguurraa of qusadhaa. Alagaan alaguma, diinnis diinuma. Saboota ykn uummatoota biroo wajjin waan waliin qabnu (hundee keenya??) fi waan waliin hin qabne addaan baasanii hubachuun rakkoo boru uumamuuf malu hanbisuu ykn hir’isuu danda’a. Kaayyoo dhokataa diinaas sirriitti hubachuun murteessaa dha. “Diinni diina kiyyaa fira kiyya” kan jedhu bakkee itti hojjetus; bakkee itti hin milkoofnes qaba. Waaqayyo/Rabbii fi Ayyaanni Oromoo hubannoo nuuf haa kennu.
Galatoomaa!
Abdii Boruu: aboruu@gmail.com