Oduu Haaraya

Akka waan Oromoof loltanii

Akka waan Oromoof loltanii

Jeneraala isiniin jennee

Diina Oromiyaa irraa kaaftanii

Nu isinii hin-kenninee

Dhaaduu teessan hoongoftuu

Kunoo itti saalfanne!

 

Iyyinee iyya labsinee

Dhiya’rraa haga Bariitti

Kaaba’rraa haga Kibbaatti

Akka Loon boojjii fedhuu

Daanee isin jala yaanee

Lolee lolchiisaa, farra diinaa

Arganne jennee qoma dhiibnee

Adaa wonti kijibaa

Kunoo itti saalfanne!

Dhaamsa gootota teennaa

Yaboo isinitti kenninee

Akka waatii lowwanii

Handarandhee

Dirree keessa gulufnee

Gibaata bantan seenee

Yaboo goototaa nyaattanii

Xophiyaaf dhaabattanii

Lafee goototaa gantan!

 

Tigireen woltaatanii

Sanyii Oromo’o gabaabsitanii

Falmataa fi Falmattuu

Riphee-lolaa rakkiftanii

Cabbiin mataa haaddanii

Akka korbeessa re’ee

Cidhaa isaa tumtanii

Sangoomsitanii

Aradda’aa buqqiftanii

Kosii isaa gubdanii

Biyya isaa irratti

Kadhatee-bulaa

Kajeellataa

Dhokatee-jiraataa

Mataa gadi-qabataa

Gootanii, goosiftanii

Haga funyaanii hidhattanii

Mee malumaan gootan?

 

Oromoo shororkeessuudhan

Abbaa worraa hidhuudhan

Yoo feetan ajjeesuudhan

Durbaa-Dubartii gudeeddanii

Kufaatii Oromootiin

Kabajaa tulattanii

Oromoota miidhuudhaan

Jeneraallummaa argattan!

 

Bakka jirtanii nutti yaatanii

Riphee-lolaa lagattanii

Kuta’aan nu qoddanii

Wol-shakkii  biqilchitanii

Kunillee isin hanqanaan

WBO abdii keenna

Midhaanii bishaan dhoggatanii

Diinatti nurraa galchitan!

 

Ergaa deemtu mo’o baqa dhuftan?

Oromoota  sobdanii

Mallayyoo garsiiftanii

Sabaaf dhukkufataa fakkatanii

imimmaan Nachaa boottanii

Hamileen Oromo’oo cabde seetanii

Gaafa dhaamsa goototaa

Adaa kolfaa turtanii?

 

Ayyaanni Oromoo guddaan

Kakuun isa-kaleessaa

Rabbi dhugaa h’dagatuu

Ammaa isin balleessaa

Waandhi Gurraachii keenna

Dhugaa malee maal tissaa!

 

Aduun dhiitee hinhaftuu

Oromoofis  hinbariitii

Furtuun rakkoo Oromoo

Ginbot 7nii   miti

Saba dhamaasuu yaaltu

Ufii dhamaataniitii!

 

Lafeen gootota teennaa

Uduu isin gaafattee

Akkana jettee:

“ilmaan tiyya isin seehee

Haati tessan bargaafattee

Bakka isiin hinmalle dhaxxee

Diina irraa isin fiddee?

 

Garuu ana hinfakkatanii

Ana taatu wakkatanii

Abashiffoo ajooftanii

Himaa bakka’rraa dhalatani!

Adaa narraa hin dhalannee

Gudeeda kiyya’rraa hinbaane”

 

 

“Badi ati!

Hobbaatii taatee h’haftuu

Qumaantaa ka dhalattu

Kan maqaa kiyyaa nyaattu

Kan mata-gala galtu

Kan biyyaa-biyyee gantu

Akka waan goota taatee

Maqaa kiyyaan awwaattu”

 

“Badi ati!

Sidhalche naffakkatee

Dubartiif sardoo qabnee

Asiif achi utaltee

Bakka hintaane aseentee

Diina’rra si funaannatee?

 

Sanyii Oromoo si seetee

Haati tee ta si dheette

Dhaamsa sitti dhaammate

Akkana jettee:

 

[ ilma kiyya jabaadhu

Zinnaaraan mudhii hidhu

Saba keetiif falmadhu

Oromiyaa Wolaboomsii

Ruufa “UN” kessatti fannisii

Mataa ol nu qabachiisii

Motummoota “UN” kessatti

Barcumaa nu raggaasisi!

 

[ Abbaa kee h’salphisin

Innuu duruu na shakka

Fuulaan isa hin fakkattu

Qumaantaa kankee argaa

Maqaa kiyya na nyaatin

Bakka sifidee h’himin

Diina woliin hin oolin

Diinaaf golgaa hin ta’in

Lallabdee h’saaxilamin]”

 

Akkas siin jette haatee

Haadha dhaltee, si woliin rakkatte

Akka si gootu dhabde

isiin nama si seete

Goota itti fakkatte

Dhalee sii gudunfite

Duulaaf si bobbafatte

Biyyeen ana ha nyaattuu

Dhaamsa jannaa sii dhaamte

Oromummaa sii laatte

Ati uf irratti wollaalte”

 

 

Itiin fuufa

 

Bullo

 

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …