“Siif ammallee fagoodha”
Sababni Wal qixxummaaf qabsaa’uun ajandaa ta’eef haalli wal qixxummaa dhabuu waan uumameef. Wal qixxummaan dhabamuun immoo qaamni (qaamonni) wahii kan biroo caalaa fayyadamaa ykn abbaa carraa ta’eera jechuudha. Haala kana keessatti wal qixxummaa fiduuf immoo qaama gadi jedhe ol qabuu ykn qaama ol jedhe gadi qabuu gaafata.
Qaamni ol jedhe bakka ol jedhe irraa gadi akka jedhuuf yeroo gaafatamu ol aantummaa aadeffate irraa gadi bu’uu diduun waan baay’ee nama ajaa’ibuu miti. Garuu yeroo kan gadi jedhe sadarkaa wal qixxummaatti ol haa jedhu jennaan kan mormu yoo jiraate “fayyadamummaa addaa fi ol aantummaan kaleessa aadeffadhe itti fufuun qabaa na dhiisaa” jedhaa jiraa jechuudha. Yoo qaamni kun ijjannoo isaa jijjiiree gara wal qixxummaafi haqaatti hin dhufne hanga ati ol aantummaa isaa fudhattuufi qeebaltuufitti si hin dhiisu.”Biyya sirni haqa hin taane ture keessatti rakkoolee ummataa daawwitii wal qixxummaa qofaan furuun waan hin danda’amneef haqummaa diriirsuun dirqama” bara jedhamu keessatti “wal qixa ta’uu hin barbaadu; ol aantummaan kiyya naaf eegamu” jedhee ifaan falmuun waan nama qaanfachiisuudha.
Waan kana ta’eef warra yaada kana gegggeessu keessaa haxxeen “yoo fedhii keenya kana mul’ifne nu qeeqsisa, kan nu qaanfachiisuufi nu saaxilu” waan ta’eef jedhanii fedhii isaanii kan dhugaa dhoksanii waardiyyaa haqaa, bilisummaafi wal qixxummaa fakkaatanii dhihaatu. Sirnaafi imaammata kaayyoo isaanii mirkaneessu ijaaruuf gurmaa’anii adeemsa isaanii jechootii babbareedoodhaan bareechanii fudhatama argachuuf carraaqu. Warri sadarkaa barri irra ga’e hin hubanne, ykn of tuultonni wal qixummaa fudhachuun isaan hudhu, akkuma jidduu kana argaa jirru ijjannoofi fedhii isaanii osoo hin dhoksin dirree baasanii dubbatu.Warri haqummaa dhiisii wal qixxummaan hin liqimfamneef, sirna haqa dhabeessa kaleessa tureen ol aantummaa argatan eegsisuuf fedhii cimaa qaban caasaalee mootummaafi miidiyaalee to’atanitti fayyadamanii hacuuccaa ture san “seenaa kijibaa” taappeellaa jedhu itti maxxansanii mormuun, kan mormuu dadhaban immoo ‘tokkummaafi olaantummaa biyyaatiif waan yerichi dirqama goonaan hojjatame’ jedhanii sababa dhiheessuun sirna hacuuccaa kaleessaa “sirna gaariifi hawataa” ta’uu isaa akka ati isaaniif fudhattu carraaqu.
Yoo kana fudhachuu didde immoo kallattii miidiyaafi qacaramtoota isaaniitiin kijibaan si yakkanii himatanii afaan si qabachiisuuf duula sitti banu. Yoo kun isaaniif hin milkoofne shira sitti xaxu. Qaamolee kanatti rirriitamuun, jara jala deemuufi kadhaadhaan wal qixxummaas ta’ee haqummaan hin argamu. Gaaffii wal qixxummaafi haqummaa ati qabdu burjaajessanii fedhiifi kaayyoo kee xureessuudhaan dhiibbaa sirratti baay’isuu yoo danda’an itti fufu. Nageenyaafi haqaan waliin jiraachuudhaaf warra wal qixxummaafi haqummaa barbaaduu wajjin dhaabatanii warra “olaantummaa koon itti fufaa na dhiisaa” jedhu boolla keessaa ol baasanii sadarkaa addunyaan amma itti dhaqqabdeen ga’uuf bu’uura yaada isaaniitii kaasee hanga ilaalcha isaaniitti, mul’ata isaaniitii kaasee hanga ijjannoo isaanii waan jiru beekumsaafi ogummaadhaan ittiin qabsaa’uu malee filannoo hin qabdu.Namni yaadaafi fedhii isaanii boodatti hafaa kanaan qabsaa’uuf maal jennuun isa qabu, ykn qaanfatu yoo jiraate inni nama isaan akka inni hacuuccaa isaanii simatu godhanii hacuucan, ykn jarri kun hin danda’aman jedhee harka kenne, isaaniif gugguufee yoo ‘garaa naaf laafan’ jedhee abdate, ga’ee isaatiin alatti qabsoo warra birootiin bilisoomuu kan barbaadu ykn “kanarra hamaa hin fidin” jedhee osoo ga’ee isaa hin bahatin harka isaa maratee taa’ee Rabbirra furmaata eegu ta’uu danda’a…Ahmedin Jebel-አሕመዲን ጀበል