04.11.2014 20:50
WASHINGTON DC— Fiilmiin afaan Oromoo haaraan kan mata dureen isaa Qurxama jedhu dhiyeenya kana eebbisamee jira. Fiilmiin kun seenaa jaalalaa irratti kan hundaa’e si’a ta’u ergaan isaa garuu jaalalli walii yaaduu wal tumsuu fi wal gargaaruu akka ta’e ibsaa jedha directorri fiilmichaa fi fiilmii kana keessattis taatoo ta’uun kan hirmaate dargaggoo Getachew Niguse Gobbuu.Dargaggoo Geetaachewn fiilmiin afaan Oromoo yeroo yerootti ba’uu isaanii qofa utuu hin taane uummataaf ennaa dhiyaatan danqaa isaan mudatu illee ibsee jira. Kanneen fiilmii barreessan hedduun hanqina maallaqaa fi sponora dhabuun fiilmiiwwan Afaan uummataaf utuu hin mul’atin hafu ykn immoo bakka akeekameef utuu hin ga’in hafu jedha Getachewn.