Oduu Haaraya

FIILMII AFAAN OROMOO HAARAA “QURXAMA”

Tujubee Kuusaa

Fiilmiin afaan Oromoo haaraan kan mata dureen isaa Qurxama jedhu dhiyeenya kana eebbisamee jira.  Fiilmiin kun seenaa jaalalaa irratti kan hundaa’e si’a ta’u ergaan isaa garuu jaalalli walii yaaduu wal tumsuu fi wal gargaaruu akka ta’e ibsaa jedha directorri fiilmichaa fi fiilmii kana keessattis taatoo ta’uun kan hirmaate dargaggoo Getachew Niguse Gobbuu.Dargaggoo Geetaachewn fiilmiin afaan Oromoo yeroo yerootti ba’uu isaanii qofa utuu hin taane uummataaf ennaa dhiyaatan danqaa isaan mudatu illee ibsee jira. Kanneen fiilmii barreessan hedduun hanqina maallaqaa fi sponora dhabuun fiilmiiwwan Afaan uummataaf  utuu hin mul’atin hafu ykn immoo bakka akeekameef utuu hin ga’in hafu jedha Getachewn.

Gabaasa guutuu armaan gaditti caqasaa

Check Also

usmaayyoo muussaa

Yaadannoo artist Usmaayyoo Muussaa

Sagantaan yaadannoo Artist Usmaayyoo Muussaa magaalaa Finfinnee Hoteela ILILI INTERNATIONAL tti torbaan dhufu ni qophaawa. …