Oduu Haaraya

Abbaan Seeraa naaf haa jijjiiramu’ waan jedheef qofa adabbii qarshii 500 irratti murteessee jira..

Dabalataan manni murtii guyyaa har’aa Jawaar Mohaammad Abbaan Seeraa naaf haa jijjiiramu’ waan jedheef qofa adabbii qarshii 500 irratti murteessee jira.

Itti dabaluudhanis miidiyaalen akka hingalle dhoorkamaniiru, Mirgi Wabii Jawaar M kufaa akka ta’u godhamee jira. Galmeen namichuma kana dura Jawaarirratti ‘Wal arganne’ jedhee dhaadachaa ture sanaan akka ilaalamu’ godhameera. Jawaar mirga wabii hinqabu, mirga*”Abbaan seeraa naaf haa jijjiiramu!” Jedhee nagayaan gaafateef “haamilee abbaa seeraa cabsiteetta” jedhamuun adabbiin qarshii 500 Jawaar fi shakkamtoota Jawaar waliin jiranirratti murtaayera!!

Jawaar Mohaammad kan hidhameef qabsoo uummata Oromootif hanga ta’ee jirutti Jawaar kan bilisa baasuu danda’u mana murtii mootummaa cunqursaa kana osoo hintaane uummata Oromoo qofa. Alagaan ijatti nu qoosaa jira, nuti callifnee jirra. Nafxanyaan Jawaarin danda’u ajjeesuf dadhabu dukkanatti hidhuuf ulaagaa hunda xumuree yaalii hunda godhaa jira. Yaa sabaa yoo jirra ta’e kana beeknee, har’uma ammuma haa falmannu!

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …

One comment

  1. Kan yakkame haqa walqixxummaa fi walabummaa Oromoo male Jawaar mit!