Oduu Haaraya

Abbaanis guddisa ijoollee keessaa qooda qaba

Aadaa dhumaan ijoollee guddisuun ga’ee harmoolii ti, garuu Qorannaan hawaasaa kan jabanaA akka jedhutti guddina ijoollee keessatti qoodi abbaan qabaatus barbaachisaa dha.

Ijoolleen abbaan isaanii dhiisee deeme akka kanneen maatii lamaan gidduutti guddatanii hagas milkaa’uu dhiisuu malu.

Jamryaan Washington irraa fageenya km 140 irratti argamu tokko woorkshooppii dhiironni abbaa gaarii akka ta’an gargaaru qopheessee jira. Qophiin har’aa kana irratti fuuleffata. Odu gabaasaa VOA Bak-hti-yar Zama-nov-tu gabaase Tujubetu dhiyeessa.

Text:  Hurlock Maryland bakka River House jedhamu keessatti hawaasi waldaa lammiiwwan Ameerikaa hidda dhalata Raashiyaa tokko abbootiif bashannana bakka isaan gorsa maatii fi bakkuma sanattis shaakala tokko tokko itti agarsiisan qopheesse.

Nama daldalaa kan ta’an Pavel Katse-venko Hagerstown, Maryland irraa yoo ta’an gara bashannana kanaa dhufuun ilma isaanii waliin yeroo gaarii akka dabarsaniif gargaare.

Hojii hojjetaa maatii ofii kunuunsuun ulfaataa dha. Nuti abboonni kan har’a walitti qabamneefi kana mari’achuuf jecha. Hedduun irra hedduu ijoollee waliin yeroo dabarsuu kan qabu harmoolii dha jedhanii yaadu. Abboonni yoo hirmaachuu baatan rakkootti geessa jedheen yaada jedheen yaada jedhan.

Abboota qofaa utuu hin taane ijoolleen jireenya isaanii keessatti abbootiin hirmaatanii hin beekne ykn abbaa waliin hin guddanne illee sagantaa River House kana irratti hirmaataniiru.

Isaaniif kun dhiira fakkeenya ta’uuf waliin maricachuun carraa gaarii dha. Gorsitoonni dhimma maatiis gamas dhaquu dhaan shaakala isa kaamtu caalaa jireenya isaaniif wayya isa jedhu ilaaluuf argamaniiru.

Chris Brigham abbootiin qaama maatii gaarii akka ta’an gargaaruu yaaduu dhaan waggoota shan dura bakka River House jedhamu kana bitan.

Dhimma kanaaf jecha bakka kana bara 2010 keessa bitne. Bara 2011 keessa tajaajilaawwan hawaasa keessaa gargaaruu jalqabne. Hawaasaaleen erga river House-n bitne gargaarre Washington DC, Baltimore, Wilmington fi hawaasaalee dugdee lag agama dhiyaa jiran keessaa ti jedhan.

Qindeessaa sagantaa Sanaa kan ta’an Victor Visotski luba waldaa Kristiyaanaa lammiiwwan Ameerikaa hidda dhalata Raashiyaa “New Life Russian church” jedhamuu fi VA keessatti argamuu ti. Ijoollee dhiiraaf barsiisaan inni jalqabaa abbaa dha jedhu.

Abbaan jireenya ilma isaa keessatti hirmaachuun baay’ee barbaachisaa dha. Ilmis fakkeenya abbaa isaa faana bu’uu dhaan isa irraa barata. Kanaaf qophiin bashannanaa dhiirotaaf qophaa’e kun carraa ittiin boqonnaa argatan fi attamiin haadha warraa koo waliin hariiroon qabu cimsuun danda’a jedhanii akkasumas Ilma koof attamiin fakkeenya gaarii ta’uun danda’a jedhanii ittiin yaadani jedhan.

Visotskin itti dabaluu dhaan akkuma jireenya ijoollee dhiiraa keessaa qooda qabaachuun abbaa barbaachisaa ta’e jireenya ijoollee durbaa keessattis akkasuma ta’uu walii galu.

Ijoolleen durbaa jaalala dhiiraaf qaban jalqaba jaalala abbaa isaanii irraa jalqabu. Abbaan ishee dhiira isheen jalqaba jaalala itti agarsiistee fi isa jajju. Abbaan intala isaaf goota.

Kanaaf abbaan haadha warraa isaaf amanamaa ta’uun maatiin jaalalaan akka guutu gochuuf haala mijeessuun barbaachisaa dha. Sababiin isaas intalli isaa kana mara itti dhiyeenyaan hordofti waan ta’eef jedhan.

Visotskin akka jedhanitti abbaan qooda maatii keessatti qabu akkuma hojii isaa ka biroo cimsee qabachuu qaba. Ijoollee isaa waliin yeroo gaarii dabarsuun bakka jalqaban gaarii ta’uu danda’a.

Check Also

xalayaa

Seenaa gammachuu qamaltii: Kutaa Tokkoffaa

Taammanaa Bitimaa irraa Jaalatamoo fi kabajamoo yaa dubbiftoota barreeffama kanaa, mee kunoo hardha irraa kaaseen: …