Amala wayyaaneen waggoota 25n darbaniif irra deeddeebiin muldhasaa
turtee fi jirtu keessaa inni tokkoo fi kan gadhummaa ishii caalatti
muldhisaa jiru yakka malee nama hiitee, darartee, addabaabaayyitti
dhukaaftee ajjeeftee haaludha.Hin goone jettee kakachuudha. Wayyaaneen
ija jabeettii nama nagahaa dhukaaftee ajjeeftee boo’icha
dhaqxuudhasi. Ykn murna ofii ajjeeftee akka nama dhimmicha quba hin
qabneetti deebitee gadda maatii nama du’ee waliin taa’uuf yaaltudha.
Wayyaaneen kan ajjeese osoo ishii ta’uun ifatti beekamuu murna
quuqamaa fakkaattee boochee nama bochisuuf tattaafattuu dha. Garuu
itti hin milkoofne. Ajjeestee haaltus, hiitee, darartee hin goone
jettee kakkattus ummattoonni impaayeera itiyoophiyaa keessumaa ummanni
oromoo ni beeka. Har’ammoo galanni kan qabsoo, FXG qeerroon Oromoo
finiinsaa turee fi jiruu haata’uutii wayyaaneen maaliis jettee
kijibduu eenyummaan wayyaanee addunyaarratti saaxilameera. Kanarraa
ka’uun ajjeesanii boo’uun, ykn qulqulluu of-fakkeessuuf dhu’a gahuuf
tattaafachuun Wayyaanee Oromoos ta’e saboota cunqurfamoo biyyattii
qabsoorraa daguu ykn gowwoomsuu hin dandeenye. Funduraafillee hin
dagu.
Wayyaneen ilmaan saboota cunqurfamoo hedduu dharaan yakkitee hiitee
darartee jirti, dhukaaftee ajjeeftee jirti, ajjeesaas jirti, keessumaa
waggoota 25n darbaniif yakki ummata Oromoorratti murna tanaan
raawwatee fi raawwataa jiru hamaa fi sukanneessadha. Kan hidhamee
dararame, kan ajjeefame, Kan eessa buteen isaa hidhattoota sirna
kanaatiin dhabame manni haa lakkaawuu.
Ajjeechaan hidhaa fi dararaan sukanneessaan akkaan hamaa ta’ee fi
dhagahuufuu nama sururu kun ummata Oromoos ta’e saboota cunqurfamoo
impaayeera itiyoophiyaa keessa jiranirratti raawwachaa turee fi jiru
ammoo saboonni kun waa yakkaniitii miti. Dubbii ijoon maaliif mirga
umamaa fi dimookiraasii keessan gaafataniidha, maaliif yoo qabeenyi
keessan saamamu dubbataniidha. Nuti hin nyaannaa, ni saamnaa isin
garuu garbootuma keenya ta’aatii callisaa nutajaajilaa jiraadhaa
sababa jedhuuni. keessumaa ilomaan Oromoo ajjeefamaa kan turanii fi
jiran Oromummaa isaanii qofaan yakkamanii akka ta’e waluma
yaadachiisuuf yoo ta’e malee kan quba hin qabne hin jiru.
Wayyaaneen abbaa irree, murna ajjeechaa, hidhaa fi dararaa akkasumas
saamicha malee hin beeknee dha. Haata’uutii ajjeechaa fi dararaa
ifatti raawwachaa jirtu; kan addunyaa gutuun irratti ragaa bahaa turee
fi jiru kana yoo haaltu agarra, dhageenya. Sobduu, hattuu fi saamtuu
waan taateef takkaawuu akka mootummaa sirna qabuu fi biyya bulchuutti
waan balleessiteef itti gaafatama dhugaa fi sirri fudhattee hin
beektu. Eeyyee balleesseera, hidheera, dararareera, ajjeeseera
akkasumas saameera jettee gaafii ummataa mirga ofiin of bulchuuf yoo
deebii sirri kennuuf yaaltu hin agarre. Fuunduraafis wayyaaneerraa kun
hin eegamu.Hojiin ishii yakka osoo namni arguu addabaabaayyitti
raawwatte haaluu,Ykn sababa gongumaa fudhatama hin qabnee fi gaafii
ummataatiin wal hin fakkaanne tarreessitee, afarsitee, afanfajjii
uumtee, bara bittaa fi saamichaa dheereffachuu dha.
Mee ajjeechaa sukanneessaa wayyaaneedhaan baroottan bittaa waggoota
25n darbaniif raawwatan cinaatti dhiifnee isuma as dhihoo dhoohinsa
FXG qeerroo Oromootin walqabatee haa kaafnu. Wayyaaneen FXG finiinaa
turee fi jiruun dhiphattee barattoota dabtaraa fi qalama malee homaa
of harkaa hin qabne meeeqa Aga’aazii itti bobbaaftee ajjeefate? Nama
meeqa ayyaana Irreechaa irratti ajjeefte? Lakkoofsa isaa hunduu waan
quba qabuuf irra deebi’uun barbaachisaa miti jennee mee haadhiifnu.
Wayyaaneen gantuu, kijibduu fi saamtuu waan taateef lakkoofsa amanuu
mitii ajjeechadhuma waraanni ishii addabaabaayitti raawwatee fi
addunyaan quba qabu kana haalaa turte, haalaas jirti. Lakkoofsa
irratti walii galuu dadhabuu achi haa hafuutii dhumaatii barattoota
Oromoo fi ayyana irreechaa ijakoo haaqabu ani hin agarre jettee yoo
kakkatu argine. Inumaawuu Oromoo waliin gadda taa’uuf yoo uffata
gaddaa uffattee boochee boochisuuf yaaltu argaas turre. Guyyoota
gaddaa jettees labsuun ofumaa ajjeeftee ofumaa gaddituu taatee as
baate. Kana bira dabartees karaa ergamtoota ishii kanneen akka Lammaa
Magarsaatin “Dhumaatiin barattoota Oromoo na gaddisiiseera” jechuun
Oromoo garaa laaffifachuu fi bara bittaa fi saamichaa dheereffachuuf
yaalii godhaa turtee jirti. Ajjeesanii, ija ashaboon dhiqatanii
haaluun , halaniis du’a gahuu jechuun kunoo akkasi.
Murni qaanii hin qabne tun tibba kana ammoo kunoo namoota imaammata
saamichaa ishiin ummattoota impaayeera Itiyoophiyaarratti diriirsteen
hiyyummaa hanga hin qabneef saaxilamanii ala bulaa ta’uun kosiirraa
funaananii nyaatanii jiraatan amma isaan dhumanaiitti eegdee, erga
dhumanii booda kan gaddi itti dhagahame taatee as baatee jirti. Bochee
bochisuufis marxifattee ka’uun labsii gaddaa kan guyyaa 3f hojiirra
oolu labsitee jirti. Qoosaa jechuun akkasi.
Dhumaatii magaalaa Finfinnee keessatti iddoo addaa Qoshee jedhamuun
beekamutti osoo gataa ykn kosii keessaa funaananii nyaatanii fi keessa
jiraatanuu lammilee hiyyeeyyirra gahe kanaaf itti gaafatamntuun duraa
wayyaanee dha. Bulchiinsa ishiiti. Imaammata saamichaa ishiin
diriirsteetu ummata beelaaf, daaraa fi hiyyummaa bara baraaf saaxilee
akka kosii ykn gataa keessa jiraatanii fi kosii keessaa funaananii
nyaatan taasise. Yoo Koosiin magaalaa Finfinnee garaa walakkaa
keessatti Tuulamee sadarkaa jigee nama fixuu gahu Wayyaaneen biyya
bulchaan jira jettu eecha dhaqxe? Maaltu ilma namaa osoo biyya abbaa
isaa keessa jiruu akka saree abbaa hin qabnee kosii keessa bulche?
Deebiin isaa karaa wal nama hin mormisiifneen ifaadha. Innis itti
gaafatmaan balaa kanaa sirna saamicha diriiristee of malee isa kaan
dagatte Wayyaanee fi wayyaanee qofaa dha. Dhumaatii kanaafis wayyaanee
malee kan biraa kan itti gaafatamu hin jiru. Kanarraa ka’uun hololli
amma Wayyaaneen kan gaddi itti dhagahame fakkaattee afarstus fudhatama
hin qabu. Kun qawwee harkaa qabna yeroon nuuf kenne jedhanii dhiiga
namaa, lubbuu namaatti qoosuudha. Roorroo dachaadha. Lama nama
ajjeesuudha. Waan ta’eefuu wayyaaneen dhumaatii sukanneessaa kanaa fi
kana dura raawwatamaniif karaa kamiinuu itti gaafatama seenaas,
seeraas jalaa hin baatu.
Nammoonni du’an kun 100 ol ta’uu fi kan miidhaan gurguddaan irra gahe
ammoo dhibba 300 ol ta’uun gabaafamaa jira, kan eessa buteen isaanii
dhabamees kkasuma lakkoofsa hin qabani. Akka gabaasa bahaa jiru
kanaatti lammiilee osoo koosii keessa jiraatanii fi kosii keessaa
funaananii nyaatanuu dhuman kanneen keessaa irra jireessi isaanii
Oromoota motummaa Wayyaaneetiin lafti saamamee qayee fi qabeenya
isaanirraa buqqa’anii fi yeroo adda addaatti akka hojjetanii hin
jiraanneef maqaa shororkeessummaatiin hojiirraa har’atamaniidha.
Kanneen du’anii fi miidhaa guddaan irra gahe kana keessatti
Haadholiin,ijoolleen,
miidhamtoonni naannoo kana iddoo jireenyaa fi madda nyaata itti
argatan godhatanii jiraachaa turan miidhamuun yoo gabaafamu; kan du’ee
fi essa buteen isaa dhabame kan eegamaa jiruu olitti dabalaa
jiraachuunis himameera.Osoo sirni lammiif yaadu, kan aantummaa ummataa
qabu biyya san keessa jiraatee fi bulchaa jiraatee dhumaatii
sukanneessaan kun hin gahu. Kan biyyattii bulchaa jiru garuu murna
saamichaaf qawwee qabattee dhufte wayyaaneedha. Wayyaaneen ammoo kan
tuullaan kosii irratti jigee ajjeesee mitii kan waraanni ishii
Aga’aaziin dhukaasee fixe ilmaan Oromoo dhibbootaan lakkaawwamanuu hin
ajjeefane jettee haalaa jirti. Kun baayyee nama gaddisiisa.
Tuffiidhasii, gochaan akkasii kun ammoo yeroo kamiyyuu caalaa qabsoo
bilisummaaf nama kakaasa, nama onnachiisa.
Sirna diina ummataa ta’e sirna mootummaa TPLF/dhalattoota Tigraayirraa
ijaarame kun; sirna saamicha malee aantummaa ummataa hin qabneedha.
Sirna akkanaatiin amma yoomitti dararamaa jiraachuun danda’ama? amma
yoomittis sirni kun lubbuu ummataattis qoosaa jirata? Kun karaa
kamiinuu dacha’uu ykn dhaabbachuu qaba.
Wayyaaneen ajjeefatee kan gaddee fi naatoo ummataa qabdu fakkaattee
boo’icha fakkeessii, boo’icha sobaa boo’aa jirti, boo’ichi akkasii
ammoo qoosa dha. nama fixanii gadda labsuun lubbuu umataatti
qoosuudha. Waliin dhahanii bara saamichaa fi ajjeechaa
dheereeffachuudhaf tattaafachuudha. Kun oolee osoo hin bulle
qabsoodhaan dhaabachuu qaba. Sirnchi haala kanaan itti fufnaan
miidhaan kana caalu Oromoos ta’ee saboota biroo muudachuun waan hinn
oolleedha. Miidhaan itti aanee dhufu ammoo kan ammaa caaluu mala,
kanaafuu harka walqabatanii wayyaanee ofirraa ittisuu fi kuffisuun
kan yeroon kennamuufii qabuu miti.//
Check Also
OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA
Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …