An dhiisee haasawa dhamaayyuu
Osoo dhiifnee nu hunduu bar hayyuu
Ittuma dhiisuu isiniif hin wayyuu?
Kijibdee ammas olii gad dhayuu
Bar kun afaanumaa bushaayuu!!
Bushaayuu hadhaayuu!!!!!!!!!
Raajii waan ajabaa…………….
Waan kana mee taajjabaa
Bineensuu sila waa beekaa
Waas karaa akeekaa
Bullaallaa adi dhufee narra maraa
Sila waan achirraa baru jiraa?
Beekaan bar waa raagaa
Achi laalee waa argaa
Maalimmoo bukeessuu
Eessatti bilcheessuu
Eennullee nyaachisuu
Hollaaltuun laaftuu yuuyyaa
Of buuftii hallayyaa!!!
Moo maali?
Mee atuu maalali
Garuu bullaallaan adiin nagayaa
Araara osoo buufnee maal tayaa?
Bullaallatuu nama caalee
Nami maa of wallaalee?
Raajii ajabaa…………………
Mee isinis taajjabaa!!!
Ani dhiisee bar lola
Lolli ana qofaaf waa tolaa!
Isiniif tola moo balaa????????
Isinis waan kana tolchaa laalaa
Humna qabeessis bar kufuu ni malaa
Jiruuf nagayatuuyyi falaa
Maaf taatuu natti halaalaa
Raajii, ajabaa…………….
Mee isinis taajjabaa!!!
Bineensuu kunoo waa himaa
Kun hundaaf ajabaa, raajimaa!!
Namni maaf tahee hagas hamaa?
Mee maalumas jedhamaa?!
Raajii raajii…………….
Sila hin nyaatee banjii?
An dubbii keessan itti dhiisee
Faallaa hojjachuun maaf na barbaachisee?
Faallaatu kuffisaa dharri haa dhagayuu
An galataa ammas homaa hin tayuu!!!
Dubbii faallaa an ittillee dhiisee
Barariinsi bullaallaattu na hubachiisee!!
Diddanii diddanii, jechi koo hadhaayaa
Isin harcaasaa isin lafaan dhayaa
Balaan isin fiddan isin qilee kaayaa
Bullaalla nama caalee
Namni kunoo of wallaalee!!!!!!!!!!!!!!!!!
Maali namni yaraan, maali inni dharaa
Ofumaa hojjatee gidiraa
Nama ammoo balleesseef abaaraa
An ammas kunoo jedhee araaraa
Garuummoo saba bakka bu’ee iyyaa
Diddan sabni lafaan isin dhayaa!!!!!!!
Raajii raajii…………………………
Kan dharri nyaatee banjii!!!!!!!
Gamteessaa Sabaa