Oduu Haaraya

AQIIDATUL OROMIYYAAH SHEEKH AHMAD WATARII FII AQIIDAA ISAA

 

AQIIDATUL OROMIYYAAH
SHEEKH AHMAD WATARII FII AQIIDAA ISAA
Sheekh Ahmad Usmaan Muhammad Al-Oromii (Oromticha akka jechuuti)
Garuu Sheekh Ahmad Watar Jechuun beekkama. Watar bakka Inni itti dhalate hoggaa taatu, Harargee bahaa Oromiyaa keessatti ganda argamtu tahuu Isiiti.
Barri dhaloota Isaa Xaaliyaan biyya seentee amata 3 keessatti. Xaaliyaan kan biyya kolonii Isii jalatti galchite bara 1936 a.l.f.
Sheekh Ahmad Watar daa’imummaa Isaarraa eegalee Barnoota Islaamaa barachuu fii barsiisutti jiruu Isaa dabarse. Inni Sheekha Ulamaa’oota hedduuti. Hararge, Jimmaa, Arsii, Iluu Abbaa booraa fii naannoo adda addaarraa barattoonni beekkumsa Islaamaa dheebuu bahuu fedhan gama Isaa dhufanii galaana beekkumsaa kan inni walitti qabaterraa waraabbataa turan. Ammallee itti jiran.
Sheekh Ahmad Watar Barnoota Islaamaa waan tahe gosa hin barsiisne hin qaban. Beekkumsa Hadiisa Rasuulaa s.a.w keessatti fakkaataan Isaa hin jiru jechuun Ulamaa’oonni ragaa bahaniifii jiran. Fiqhi barsiisutti hoggaa seene Faqiiha honga hin qabne. Seera Afaan Arabaa (Nahwii, Sarfii fii Balaaghaa) hoggaa barsiisu Seerluuga Afaan Arabaa qofaan nama eebbifame fakkata. Usuulul Fiqhi hoggaa barsiisu Isii qofa kan baratee Isiin honga gahe tahuu hubbatta. Tafsiira hoggaa Barsiisu Mufassira fakkaataa hin qabne akka tahe Ulamaa’oonni irratti baratan ragaa bahan.
Amata 44 oliif barsiisuudhaan beektoota hedduu uumuu dandahee jira. Sheekh Ahmad Watar amata Afurtamii Afuran dabarte keessatti ganama Salaata Subhii irraa hanga Asrii ykn Maghriibaa barsiisun dabarsa. Boqonnaa wanni je’amu hin jiru. Tuutti barattootaa takka barattee hoggaa irraa baate tan biraatu itti aansa, tuutti tun hoggaa baate tan birooti itti aana. Haala kanaan hanga galgalaa barsiisuun dabarsan. Haalli kun Ulamaa’oota biyya teenyaa irra hedduu biratti waan baratame. Haala kanaan amantii Islaamaa bareedduu beekkumsaan asiin gahan Rabbiin Jannataan Isaan haa badhaasu.
Sheekh Ahmad Watar Jollummaarraa barnoota barachuun beekkumsa hangana hin je’amne argatanii jiran.
Sheekh Isaak an duraa Sheekh Muhammad Ahmad Abdullaahi kan jedhamarratti amata 10 oli barate. Kitaaboota Fiqhii jalaa hanga honga Isiitti irra daddeebi’ee Sheekha Isaa kanarratti baratee jira.
Sheekh Muusaa Addeellee jechuun Sheekha Seera Afaan Arabaa barsiisuun beekkamu biratti amata 10 dabarsan. Kitaaba Afaan Arabaatti ijjatuu jalaa hanga honga Isii baratanii jiran.
Sheekkootiin Inni waggaa dheeraaf irra deemee irraa barataa ture hedduudha. Hunda biraa Ijaazaa barsiisummaa akka aadaa Ulamaa’ootaatti fudhatee jira. Sheekkootiin Inni Ijaazaa barsiisuuf irraa argate hedduudha. Sheekh Abdullaahi Tuqoo, Sheekh Aadam Tuulaa, Sheekh Aadam Walloo (kan Makka jiraatu. Sharhii Nasa’ii barreeysuun adunyaa kan ajaa’ibsiise.), Dr. Jeeylaan Kadiir fii heddudha. Ballinaan hubachuuf Kitaaba Sheekh Ahmad Watar “إتحاف القاري بأسانيد أحمد الوتري ”  <<Ittihaafu Al-Qaarii bi Asaaniidi Ahmad Al-Watarii>> dubbisaa.
Kitaaba kana keessatti Sheekh Ahmad Watar Sheekkootii Irraa baraterraa Muraasa ni  ibsa. Kitaabni bali’naan Sanada isaa walitti dhaabbataa tahe hanga Abbaa kitaaba barreeyseetti akkasuma hanga Rasuulaa s.a.w gahutti ni ibsa.
Fakkeenyaaf Sahiiha Muslim Sheekh Aadam Tuulaa, Sheekh Abuu Abdurhmaan Al-Madanii, Sheekh Aadam Walloo fii warra biraarraan siif odeeysa je’ee hanga dhumaa oofa, Sheekh Adama Tuulaa ammo Sheekh Ebalu irraa jechuun oofee Rasuula s.a.w biraan gaha. Jidduu Sheekh Ahmad Watarii fii Imaam Muslim binu Al-Hajjaaj nama 23 jira. Hunda Isaanii bara itti du’an, seenaa Isaanii guutuu himuudhaan oofan. Sheekh Ahmad Watarii fii Nabiyyii Rabbii s.a.w jidduu nama 27 jirra.
Haala kanaan Kitaaba Islaama keessatti beekkamu hunda oofee ebaluurraa, eebaluun ebalurraa, jechuun abbaa kitaabaatti geysa.
Muhaddisni beekkamaan kun Umrii Isaa guutuu Ilmii akkatti haala kanaan baratee barsiisuun dabarsee as gahe. Harargee Bahaa Oromiyaa ganda Watar keeysaa beekkumsa fakkaataan Isaa zamana kanatti bakka takkatti hin argamne facaasaa ture, ammallee facaasaa jira.
Harargee, Jimmaa, Arsii, Iluu Abbaa booraatti Sheekni beekkamaan Ilmiin itti amanan kan Sheekh Ahmad Watar bira hin dabrin akka waan hin jirreeti.
Sheekkootii Inni barsiise lakkaawanii fixuun hin dandahamu Amata 44 oliif nama kumaa meeqaatamaan lakkaawamu barsiisaa jiran.
Sheekh Ahmad Watar beekkumsaa Isaa tan honga geysee fii dandeetti yaadachuu Isaa ibsuuf mee fakkeenya tokko isinitti haa garsiisu.
Seenaa tana darsoota Isaa irraa gurra kiyyaan dhagaye. Gaafa tokko Shekkootii gurguddoo Osoo barsiisaa jiranii tokko “Hadiisarraa Isaan gaafate. Hadiisni akkanaa kan sanadin Isaa eebaluu fii ebaluu kan Sunana Abuu dawuud keessa jiru da’iifa moo sahiiha?” jechuun gaafate. Sheekh Ahmad Watar deebii Isaa deebisun duratti “Hadiisni ati jettu kunii fii sanadni ati jettu kun Abuu Dawuud keessa hin jiru.” Jechuun deebiseef. Sunana Abuu dawuud keessa Hadiisa 5200 olitu jira.
Mee laali! Kitaaba Hadiisa 40 qabu haffazuu dadhabnee jirra. Inni hadiisa Sunana Abuu Dawuud keessa jiruu fii hin jirre addaan babaasee beeka. Allaahu Akbar!
Sheekh Ahmad Watar Kitaaba Ulamaa’iin Islaamaa katabde hunda kan Imaamu Shaafi’ii, Imaamu Abuu haniifaa, Imaamu Ahmad, Imaamu Maalik, Imaamu Bukhaarii, Imaam Muslim, Imaam Ibnu Khuzeeymaa, Imaam Daara Quxnii, Imaam Beeyhaqii, Imaam Nawawii, Imaam Ibnu Teeymiyyaa, Imaam Ibnu Kasiir, Imaam Ibnul Qayyim, Imaam Ibnu Abdul Bar, Imamu Zahabii, Sheekh AbdulQaadir Jeeylaanii, Sheekh Muhammad binu Abdulwahhaab fii Kitaabuma Islaamaa kan beekkamaa tahe hunda baratuu qofa osoo hin taane sanadaan hanga nama barreeysee hidhaa qaba. Ebelurraa ebalu naaf odeeysee jechaa nama 20, 30, 10, eega lakkaawe booda abbaa kitaabaa bira gaha.
Ilmiin Haala kanaan as geeyse! Aqiidaan Islaamaa haala kanaan eeggamte.
Dr. Jeeylaan Kitaaba Sheekh Ahmad Watar irratti dursituu barreeyseen “Sheekh Ahmad Watar irra beekaa Ulamaa’ii teenyaati jechuun” ragaa baheefii jira.
Sheekh Aadam Walloo kan Sunana Nasa’ii Ibsa itti godhee adunyaa Islaamaa ajaa’ibsiise. Sheekh Ahmad Watar waliin qunnamtii Makkaatti godheen beekkumsa Isaanii eega wal dura qabatan booda Kitaaban Ani Sanadaan Odeeysu hunda akka narraa odeeysitu Ijaazaa si kenne jechuun beekkumsa Sheekh Ahmad Watariif ragaa bahee jira.
Sheekh Ahmad Watar yoo argan nama beekkumsa qabu hin fakkatu, namuma nagayaa Islaamaa tokko seeta. If hin guddisu, hin boonu, Adunyaarraa dantaa hin qabu. Adunyaa quba hin qabu, Akhiiraa Isaatiif carraaqatuu qofa dalagaan Isaa.
Sheekh Ahmad Watar Aqiidaan Isaa maal fakkaatti kan je’u Kitaaboota Inni barsiisurraa beeku dandeenya. Anis kutaa itti aanu keeysatti Aqiidaa Sheekh Ahmad Watar kitaaboota Inni barsiisurraa gabaabsee dhiheeysuuf nin yaala.
Sheekhni Bahar Beekkumsaa tahe Oromiyaa Hararghee Bahaa Watar jira. Footoo Isaallee nama kaasee Aalima kanaan wal nu barsiisu dhabuun keenya nama gaddisiisa.
Rabbiin dalagaa Isaanii irraa haa qeebalu. Eenyuu bakka Isaanii bu’uuf arra qophiitti jira yoo jenne deebiin hin jiru.
Ahbaash haala kanaan Ulamaa’ii teenya yoo nuti baruu baanne Filoosoofaroota Isaanii akka Ulamaa’ii godhanii nu daguuf yaaluun Isaanii hin oolu.
Ulamaa’ii akkanaa qabnaa maal dhabnee Ahbaash jala deemna?
Rabbiin nagayaan walitti nu haa deebisu.
Nagayaa fii Rahmanni Nabiyyii irratti haa jiraatu.
Allaahu Akbar!!!

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Vicious cycle of political conflict hindered realization of democracy via development of antagonistic ideologies in Ethiopia (1870 – 2020)

*By Malkamuu Jaatee, June 2020 Introduction  The vicious cycle of political conflict sustained in Ethiopia …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *