Oduu Haaraya

Arsii Lixaa fi Harargee Bahaa Keessatti Uummataa fi Humnoota Mootummaa Gidduutti Walitti-bu’insa Uumameen Lubbuun Namaa dhabame, jedhu – Jiraattonnii fi Ogeeyyiin Fayyaa

Haarargee gama Bahaa, Gaaraa Mullataa, aanaalee adda adda keessatti har’a hiriirri mormii geggeessamuu isaa, jiraattonni naannoo ibsanii jiran. Aanaa Guraawwaa, magaalaa Oromituu keessatti hiriira mormii geggeessame irrattti humnoota mootummaa fi hiriirtota gidduutti walitti-bu’insa uumameen, lubbuun namoota lamaa dhabamuu dubbatu – jiraattonni. Kanneen du’an keessaa tokko dubartii umuriin waggaa jaatamaa Juhaaraa jedhamanii fi dardara waggaa digdamaa Mohammed Abdallaa jedhamu ta’uu illee ibsanii jiran.

Dhimma isaa qaama walaba irraa adda-baafachuuf jecha, gara Hospitaala reeffi namoota lameenii itti gessame – gara Hospitaala Gaaraa Mullataatti bilbillee, ogeessonni Fayyaa sodaa nageenya isaanii irraa kan ka’e akka maqaan isaanii himamu hin feene du’a Aadde Juhaaraa fi Dargaggoo Mohammed mirkaneessanii jiran. Namoonni lameenuu rasaasa humnoota naga-eegumsaa  irraa dhukaasameen ajjeesaman – jedhu – jiraattonni. Bulchaan magaalaa Oromituu Obbo Mohammed Kamaal garuu, magaalattii keessatti hiriirri geggeessame hin jiru. Magaalaan keenya Nagaa dha – jechuun Raadiyoo Sagalee Ameerikaaf ibsan.

Gama biraatiin immoo, Dilbata dabre kana, amaamotni Misirroo fudhatanii naannawa Ajjee, lafa Korbeessa jedhamu irraa gara Shaashemanneetti ennaa konkolaataan deemaa turanitti sirba Caalaa Bultum sirbsiisaa waan deemaniif poolisonni magaalaa itti dhukaasanii, gommaa konkolaatichaa dhoosan, ka jedhan – jiraattonni magaalaa Ajjee, itti fufanii dhukaasanii namoota afur, ka maqaan isaanii Shuumii Nageessoo, Roobaa Jiloo, Habtaamuu Fayisaa fi Guddataa Tashitee jedhamu illee rasaasaan dhawanii madeessuu isaanii dubbatu.

Aarii kan irraa ka’uudhaan uummatni boorumtaa isaa gaafa Guraandhala 16 meeshaalee harkaa qabuun magaalaa Ajjee  marsuu isaa, humnoota mootummaa federaalaa wajjiin walitti-dhukaasuun lotoota mootummaa irraa shanii haga ja’aa ajjeesuu fi kudha-tokko madeessuu Raadiyoo Sagalee Ameerikaaf ibsan – jiraattonni. “Ummata irraas namoonni lama ajjeesaman. Uummatni akkuma gara Gaaraatti baqatetti jira. “Yeroo ammaa magaalaa Ajjee keessas tahe magaalaa Shaashemannee keessa namni asii fi achi socho’uun rakkisaa dha. Humnoota Federaalaa hidhataniin guutamanii jiru” jiraataan magaalattii, Raadiyoo Sagalee Ameerikaaf ibsee jira.

Gabaasa guutuu armaan gaditti dhaggeeffadhaa

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …