Oduu Haaraya

Baatiin tokko Ministira Mummeetiif jijjirama eegamu galmeessuuf gahaadha?

BBC afaan Oromoo

Ministirri muummee Dr. Abiy Ahimad erga aangoo biyya bulchuu qabatani ji’a tokko ta’eera. Ji’a tokko kana keessattis bakkeewwan addaa addaatti imaluun qaamoolee biyya keessaafi biyya alaa waliin marii taasisuusaaniiru.

Keessattiyyuu biyyaa keessatti bakkeewwan mormiifi komii cimaan irra dhagahamaa tureetti argamuun gaaffiiwwaan deebiifamu qabaatan jedhan irratti qaamolee hawaasa garaa garaa waliin mari’ataniiru.

Haa ta’u malee qaamooleen adda addaa turtii Dr Abiyi kan baatii tokko kana haala adda addaatiin akka ilaalan ni beekama. BBCnis har’aaf dhimmi kanarratti Atileet Fayyisaa Lalisaa dubbieera.

Fayiisaan erga Olompika Riyoo irratti mootummaa mormuuf mallattoo harka walqaxxamursuu agarsiiseen booda biyyatti hin deebine. Biyya alaatti dhimmoota mirga namoomaa biyyatti cabaniiru jedhu irratti miidiyaalee adda addaaf ibsa kennuun beekkamtii guddaa argateera.

Ilaalcha bulchiinsa amma aangoo jiruurratti attamiin ibsiitaa jedhamee ”Lammaa Magarsaa fa’I waan qabatamaa dubbatan hojiitti jijjiruun ummata illeen jijjiruu danda’aniiru. Akkasumas sadarkaa naannootti siyaasa biyyattii jijjiraniiru.

Gara mootummaa federaalaatti yoo dhufnuus ministirri mummichaa haaraan Dr Abiyi waan baayyee namoonni irraa jaalatuufi gara sirna dimokraasiitti biyyatti geessu dubbataniiru. Waanti isaan jedhan kun hundi qabatamaan hojiitti hiikamaa kan jedhu akkuma jirutti ta’ee, garuu yaadni isaan qaban gaariidha,” jedheera.

Waan jedhan hojiitti hikusaaniis yeroo gabaabaa kanatti osoo hintaanee adeemsa keessa kan ilaatu ta’a jedheera Fayyisaan.

Haa ta’u malee haasaa guyyaa mudamasaanitti taasisaniin mata dureewwan garaa garaa kaasan illeen waa’ee hidhamtootaafi ka’e komaand poostii kan dhimmoota mummee rakkina ummata Oromoo ta’anii osoo hindubbatiin dhiisusaanii baay’ee naaf hinfudhatamne jechuun komiisaa caqaseera.

Haa ta’u malee waan isaan hojiitti hiikan yeroo kennuun ilaalu wayya jechuun obsaan eegachaa jiraachusaaleen dabaluun BBC’tti himeera.

Baatii tokko darnee kana keessatti jijjirama guddaa irraa eeguun akka hindanda’amne kan hime Fayyisaan, yeroon xiqqoo kennamuufii qaba amantaa jedhu akka qabu hima.

Kanaafis sababa isaa yoo eeru, ”Nama kana gufuuwwan hedduutuu isa fuuldura jira. Kanaafuu gufuuwwan kanneen akkuma barbaaddeetti irra hinutaalamu. Qaamooleen mudama isaatti baay’ee hingamadiin illeen jiru.” Jedheera.

Kanaafuu hanga sadarkaa gutummaatti biyya bulchuu danda’urra hingeeny namni kun. Ammalleen biyyattii irra caalaa harkuma warra duraa jirti waan ta’eef ani namoota xiqqoo yeroon haa kennamuuf jedhu keessan jira jedheera Fayyisaan.

Kana malees lafa dorgommiif figuu hundattu gara fulduraas mallattoo harka wal qaxxaamursuu Fayyisaan ittiin sadarkaa addunyaatti beekameen agarsiisu akka itti fufuus himeera.

Kunis osoodhuma gutummaatti Oromoon bilisomeeyyuu mallattoon kun akka yaadannoo namoota bilisummaaf weeragamaniitti turu qabaata jedheera.

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …