Oduu Haaraya

Baqattonni garagaraa walitti dhufan 189 Magaalaa Iskandariyyaa Dammee Polisii Aamiriyaa ja,amtuu keysatti hidhaa jiraachuun isaanii bekkamee jira

:Gabaasa dhaabbanni mirga dhala namaa masrii baaserraa akka hubachuun dandeyametti , warreen qabamanii Polisii harkatti hidhaa jiran hundi isaanii Baqattummaan dhaabbata UN .

Cairo jalatti galmaawanii kan jiran tahuu addeyseeti jira. Baqattota kanneen keysatti warreen akka Suriyaa Sodaan Jibuutii Juzur alqamar faan keysatti kan argaman hoggaa tahuu garri isaan ittii sossohaa jiran waan Hin bekkaminiif Dhaabata UN kan dubbisuu barbaadan tahuus dhaabbichi mirga dhala namaa masrii kuni dabalee addeysee jira.

Yoo UN irraa debisaa dhaban ammoo gara Biyya isaanitti ka ergaman tahuus dabaluun addeysee jira . Tanaafu Baqattota Oromo Cairo hundaaf lafa fagoo akkasiirraa akka of Egan dhaamuufii barbaanneeti .

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Murtiilee Konferensi Gurmuu Hayyoota Oromoo (GHO) 15.08.2020

Nuti, kanneen yaa’ii guyyaa hardhaa 15.08.2020 mataduree “Beekumsa hidhachuudhaan Oromoo fi Oromiyaa roorroo diinaa irraa …

One comment

  1. Warri bilisummaa .com heddu galatomaa jechuu barbaanna

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *