Oduu Haaraya

MURANNOON HAA KAANU!


Rooba keessa dhukkee kaasuun wahi jirtii
Sabaaf kan if kanne lubbuusaa takkittii
Goonni dirree jiraa hin riphne manattii
Kunneen ‘facebook’ gubbaa olola afuuftii
Gurratti hin qicannu lola interneetii
Dubbii tana dhiisaa sossoo’aa qabsotti!

Goota numa garree goottan goota caalu
Kan duratti bahee diinasaa haleelu,
Oromummaa dhugaan kanneen lubbuu dhabe
Yoom deeraa keessaa afaaniin lallabee?

Jajjaboo sabaa gootoowwan Aanolee
Ilmaan Murti Guutoo kanneen guyyaa kalee
Dura dhaabbachuun warreen diinaan lole
Diina girgireeysan sodaaf garan-gallee
Gootummaa isaanii arra ni wallaallee?

Ka’aa wal kakaasaa qabsoon ‘facebook’ dharaa
Lubbuu teenya sabaaf kennuu nurra jiraa
Fakkeenya goradhu akka Waaqoof Jaarraa
Dhugaadhaan hoojjadhu dhiisi dubbii garaa.

Hanga yoom jiraanna jireenya gadadoo?
Onneedhan horadhe tan Haaji Aadam Saaddoo
Gootichan yaadadhee akka Taaddee Birruu
Yeroon teenya amma tokkummaan hiriirru!

Bosona Baaleetiif amnaaf karaa bu’ee
Gaara Mul’ataatti kutannoonin ka’ee
Ekeraa na yaame,tan Hundeef Elemoo
Kutaa kudha tokko yaa ilmaan Oromoo
Maaliif callifna ree sossoo’aa yaa qomoo!

Hanga yoomi dhiiroo kijiba afuufuun?
Afaanuma duwwaa teenyee wal sossobuun?
An tiyyaa muradhee ka’aa haa sossoonuu
Biyya teenya Oromiyaa harkatti haa galfannuu!!
Biyya teenya Oromiyaa harkatti haa galfannuu!!

Check Also

xalayaa

Seenaa gammachuu qamaltii: Kutaa Tokkoffaa

Taammanaa Bitimaa irraa Jaalatamoo fi kabajamoo yaa dubbiftoota barreeffama kanaa, mee kunoo hardha irraa kaaseen: …