Oduu Haaraya

Baqattoonni Oromoo keeniyaa jiraatan basaastoota mootummaa dura dhaabbachuuf murteeffatan.

OMN:Oduu Adol.12,2015 Baqattoonni Oromoo Keeniyaa keessa jiraatan,namoota maqaa diyaspooraatiin daheeffatanii isaan basaasaa turanii fi wayita ammaa gara biyyaatti galnii dirqama basaastummaa Mootummaa Itoophiyaarraa fudhatanii gara Naayiroobiitt deebi’aa jiran dura dhaabbachuuf, Murteeffachuusaanii OMN tti himan.
Koree qindeessituu mormii kana keessaa tokko kan ta’an Obbo Shaggaa Araddoo yaada nuuf kennaniin,namoonnii dirqama addaa mootummaa Itophiyaarraa fudhatanii isaanirratti bobba’uuf deeman kanniin dura dhabbaachuuf, qophiidha jedhan.
Obbo Shaggaan,dabalataan akka jedhanitti namoonni kun baqataa fakkaatanii waggoota torbaaf isaan keessa mandheeffatanii basaasaa turan.Mootummaa biyyatti isaan ajjeesaa turee fi ammas biyya baqaa keessatti Oromoota adamsee qabee gara biyyaatti galchee ajjeesaa fi hidhaa jiruuf warra ergamaan irratti tarkaanfii fudhachuun, mirga isaaniif falamachuu akka itti fufan beeksisaniru.
Haaluma walfakkaatuun Obbo Haji namni jedhamanis yaada nuuf kennaniin ,hawaasni Oromoo Nayiroobii keessa jiraatan yaada walfakkaataa qabaachuusaanii eeranii namoonnii dhiiga ilmaan Oromoorra tarkanfatanii dantaa dhuunfaasaanii fiigan, bakka hundatti dura dhaabbatamuu qabu jedhaniru.

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …