Oduu Haaraya

BAQATTOONNI SHORORKEESSITOOTAA MITI!

 
Ummanni Oromoo biyya isaa badhaatuu,quuftuu fi tan waan hundaan guuttamte Oromiyaa keessatti if tahee jiraachuu dadhabuun;mirga namummaa isaa mulqamee dararaa,hidhaa,tumamuu fi gidiraa adda addaa argaa jiraachuun beekkamaadha. Biyyaaf biyyoo isaa tan Oromoo bira tartee alagallee quubsitu irratti abbaa biyyummaa dhabee lubbuu isaa baasuuf erga baqachuu eegalee baroota dheeraa lakkoofsisee jira.Biyyoota ollaa garaa garaa keessattis lubbuun baqatee kolu galtummaan jireenya wabii hin qabne jiraachaa jira. Yeroo garaa garaatti biyyoota akka Kenya,Somaaliyaa,Suudan,Jibuutii fi tan biraa keessattis rakkoo deddeebi’uun irra gayaa jirtuun dararamaa,ajjeefamaa fi hidhamaa jiru.Biyya isaa irraa lubbuun biyyaa bahee biyya ambaattis kan lubbuun isaa mootummaa biyya itti baqateen qisaas tate lakkoofsa hin qabu.

Ergaramni baqattoota Oromoo irratti gahaa jiru kun kan yeroo takkaa fi lamaa osoo hin taane,irra deddeebi’uun kan godhamaa jiru.Qaamni isaaniif dhimmamus hanga arraatti waa hin argamne.Dhaabbiileen dhimma Baqattootaaf falmina jedhanis furmaanni isaan kennan tokko hin jiru.Yeroo gochaan suukanneessaan baqattoota irra gahu harka maratanii taa’uu malee isaanii dhimmamu hin agarre. Baqattoonnis carraa biraa waan hin qabneef jiruu qarree afaanii tan wabii hin qabnetti harka ifii kannatanii jiraachuu itti fufan.

Addatti garuu dhimmi baqattootaa kan biyya Keeniyaa(Kenya) kan hammaachaa deemu malee kan furmaata argatuu miti.Keeniyaan biyya baqattoonni Oromoo kumaatamaan lakkaawwamu keessatti argaman yommuu tahu;Baqattoonni Oromoo biyya san jiraatan jiruu garam-gorraa jiraachuun jiruu if jiraachisan. Garii dhoortoo namoonni biyyoota sadaffaa irraa isaaniif erganiin jiruu ifii ooffatu.Sanumaanuu nagaya argatanii jiraatanii hin beekan. Poolisii fi waraana biyyattiin saamamaa,dararamaa fi hidhamaa jiraatu.Poolisiin Keeniyaa Baqataa tokko yeroo qabu kan maallaqa qabu yoo kafale gad lakkisan.Kan hin qabne garuu kiishni isaa sakatta’amee yoo keessaa argatan fudhatanii gad lakkisu. Yoo hin qabaanne mana hidhaa geeffamuun himannaa inni irraa quba hin qabne itti banuun hidhama.Yeroo hidhaman kanneen maallaqaan bahan maallaqni isaan qaban kan dhortoo isaaniif ergamu,kan harkaa fi afaan bira hin dabarre irraa agabanii poolisii biyyattiin saamamu.

Gochaaleen akkanaa kun kan irraa addaan citu osoo hin taane kan jabaachaa deemu.Kana hunda obsanii waan godhan dhabanii jiraatu.Mootummaa biyyattii irratti yoo gochaan shororkeessitootaa tokko raawwatame;jalqaba kan isaan irratti fuulleeffatan baqattoota.Baqattoonni shororkeessitoota osoo hin taane, roorroo alagaan irratti raawwatamte tan lubbuun jiraachuu isaan kutte dheefa warra baqate.

Yeroo ammaan tanaa garuu rakkoon mootummaan Keeniyaa(kenya) baqattoota irraan gahaa jiru,kan ifaan ifatti jibbinsa baqattootaaf qaban mul’isuudha.Kan hidhamanii hidhaa jiran hanga hin qabu. Kan harka lafa jalaan mootummaa biyya irraa baqataniif dabarfamee kannames hedduudha.Kanneen osoo hin hidhamin hafanis manaa gad bahuu dadhabanii mana keessatti beelaa fi dheebuun agabuun jiraachutti jiru.Dhaabbanni Dhimma Baqattootaa (UNHCR)maqaaf baqattootaaf haa dhaabbatuu malee gara saniin furmaanni laatame tokkolleen hin jiru.
 
  • Xumura irratti haalli baqattootaa kun kan daran hammaachaa kan jiru waan taheef,Oromoonni biyyoota garaa garaa keessatti argamtan yeroo callisanii laalan waan hin taneef,namuu bakka jiruu gurmuudhaan bakka imbaasii KENYA argamtuu fi qaama dhimma baqataaf falmutti akka iyyattan kabajaan isin gaafadha.Galatoomaa!

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …