Oduu Haaraya

Barataa HAMBAASAN GUDDISAA GALAA kan jedhamu bara kana Yunivarsiitii Finfinneetti digiriisaa xumuraa nama hojjetaa jiruu dha.

Dargaggoon qaroo kun nama abbaa fi haadha hin qabne namoonni gargaaranii barsiisanii fi bara kana qabxii galmeessisee jiruun namoota waliin barataa jiran irratti nama adda duree fi barnootasaan tokkoffaa dha.

Haa ta’u malee utuu inni Waraqaa qorannoo dhumaa (research) hojjetaa jiru Kamisa darbe sa’a booda sa’a 12.00 irratti ‘SECURITY’ wayyaanee maqaansaa Darajjee jedhamu kan Yunivarsiitii Finfinnee keessatti ijoollee Qaroo ta’an irratti ramadamee jiru ukkaamsisee mana kitaabaatii fuusisee ba’uun amma mana hidhaa Maa’ikelaawwii kan Goorgisiin jiru keessatti akka malee gidirsaa fi reebsisaa akka jirantu dhagahame.

Yunivarsiituma kana keessaa eessa buuteen isaanii kan hin beekamne qaroowwan Oromoo qabxii barnoota isaaniitti Adda duree fi fakkeenya ta’an babbaqachuun barnoota isaanii karaatti kan kutan hedduu dha. Qaroon Oromoo Hambaasan Guddisaa nama kitaaba ”AMARTII IMAANAA” jedhu maxxansiisee saba Oromoo biraan gahee fi dargaggoo dhaloota qubee keessatti iji irra jiru, Yunivarsiitii Finfinnee keessatti Gumii Aadaa, Seenaa fi Aadaa Oromoo (GAAO) keessatti akka gulaalaatti hojjetaa jiru dha.

Haa ta’u malee qaroon Oromoo kun du’aa fi jiraansaa waan hin beekamneef Oromoon marti gama dandeessan maraan sagalee ukkaamfamee fi badii OROMOO ta’uu qofaan dargaggoon Oromoo itti dhabamaa jiran kanarratti qaama
barbaachisutti akka nuuf iyyitan kabajaan isin gaafanna.

MADDEEN ADDAA ADDAARRATTI MAXXANSUUTIIN NU CINA DHAABBADHAA!

Suuraan armaan gadii kunis kan barataa Hambaasan Guddisaa Galaa fi qola kitaaba inni maxxansee ti.

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …