Oduu Haaraya

Gara Oromoota hunda.

 

 

Lammii keenya nagaan haa gayuu.

 

Hiriira nagaa Hawaasa Oromoo biyya Jarmanii guyyaa 11.07.2014 magaalaa Barliinitti saganteeffame jira – Qeeqanna “ TPLF Master Plan” :

 

Finciila Diddaa Gabrummaa (FDG) kan barattoota Oromoo biyyaa keessatti kaasanin kan ka`e, mootumman Wayyaanee (TPLF-ABUT) uumata keenya irratti rasaasaa roobsuun , dhiiga uumata keenya dhangalaste, kaan hidhaatti guurtee, garii madeesitee kaan ammo biyyaa baqate akka bayuu goodha jirtti.Dhiigni ijoollee keenya biyya keessatti dhangala’ee, waan biyya sana keessatti humnaan ukkaamamee jiru, ifatti baase jira.

 

Hawaasootni Oromoo Biyyoota ambaa jiraatan hundi yeroo tokkotti ijoollee keenya kana waliin dhaabbachuu fi hiriira bayuun,waan wayyaaneen irratti raawwate kana,addunyaa maratti dhageesisa jiru.

 

Gocha suukkanneesa TPLF uumata Oromoo irratti rawwata jirtu hubachuun, Hawaasni Oromoo Barliin hiriira nagaa 3.ffaaAdoolessa 11 bara 2014(11.07.2014) magalaa Barliinitti qindeessaa jira.

 

Kanaaf, uummata keenya isa daraaramaa, dhiignii isaa dhangalaa fi dhumaa jiru, sagalee isa ta `u dhaan, mootummoota addunyaatti beeksisuuf, waamicha hiriira nagaa isinii goone.

 

Dhaamsa kana Oromoota hundatti akka nu dabarsitaan kabajaan isin gafanna.

 

Tokkummaan humna

Tokkummaan waliin dirmanee,

biyya keenya fi saba keenyaaf haa dhaabanuu.

 

Guyyaa hiriira: 11.07.2014

Bakka:Chancellor Office, Bundestag, USA Embassy, French Embassy, Representative of European Union, British Embassy, German Foreign Office and Alexander Square.

Yeroo ( Sa `aa ) : 9:00

 

Nagaa fi fayyaa isini hawwina

Koree Hojii Gaggeessitu-Hawaasa Oromoo Barliin (KHG-HOB)

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …