Oduu Haaraya

Barattoonni Yunivaristii Haromaayaa gaaffii mirgaa finiinsuu eegalan.

OMN

Barattoonni yuuniversiitii Haramaayaa kaampaasii Teekinoloojii halkan kalleessa hiriira bahuun sagalee isaanii dhaggeessisuun cinatti basaastoota mootummaa TPLF mooraa isaanii irratti tarkanfii fudhachuun himame.

Barattoonni yuuniversiitii Haramaayaa kaampaasii Teekinoloojii, eda galgala caamsaa 12, 2016 dhitamiinsa mirga namoomaa, sabaa Oromoo irratti  rawwatama jiru dhaabbachu qaba jechuun, mormii isaanii dhaggeessisa bulan.
Barattoonni kunneen wayta hiriira bahanitti, mootummaan namoota isaaf amanamoo ta’an itti bobbaasuun akka mormiin kun bifa jijjiratu yaalaa ture.
Barattoonnis basaasota mootummaan bobbasee ufirraa  dhoorguun karaa nagaan mormii isaanii geggeessan.

Sochii fi mormiin sabaa Oromoo akka hin dhugoomnef, warreen gufuu tahan, ufirraa ittisuun bilisummaa ummatichaa dhugoomsuu keessatti shora olaanaa qabas jedhaniiru.
Barataan yuuniversiitii kana akka jedhutti, dhadhannoo gara garaa dhaggeesisuun cinaatti, barreeffamoonni miidha sabaa Oromoo irratti gaha jiru, irratti fulleeffatan,// mooraa kana keessatti bal’inaan rabsamuus hima.
Itti dabaluun, barataan kun, namni tokko kan baratu, roorroo sabaa isaatti dhufu fuldura dhaabbachuun dhugaaf falmudha malee, sabaa isaa dabarsee alagaaf kennuu hin qabu jedheera.

Kana males ummanni Oromoo tokkummaan waliin dhaabbachuun, Oromiyaa keessatti mirgi wal qixxummaa ummattootaa akka kabajamuuf irratti hojjachuu qaban jedha.

Barataan kun dhuma irratti saboonni fi ummattoonni cunqurfamoonni biyyatii hundi, mormii sabaa Oromoo tumsuun sirna bulchiinsa miidhaa dhaqqabsiisaa jiru umurii gabaabsuu akka qaban dhaamsa dabarfatee jira.—–sb——
Achuma yuniversiitii Haramayatti ji’oota shan dura mormii geggeeffamee tureen abrattoon afur gara jabeeyyii loltoota mootummaan bobbaaseen ajjeefamuun kan yaadatamuudha.

Itichaa Guddataatiin.

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …