Oduu Haaraya

Rakkoo Mooraa Keessaa Qabnu Yeroodhaan Furachuu Nu feesisa

Gidduu kana baay’een keenya diina mataa irra nu jiru dagannee walii keenyatti dhagaa darbuudhaan qabamnee akka jirru hin haalamu. Kunis lafumaa ka’ee miti. Nu keessaa namni hoggana qabsoo biyya keessaa fakkaataa ergama diinaa nurratti raaw’ataa ture tokko saaxilamuu isaan wal qabatee ti. Gurmuun siyaasa Oromoo tokko gurbaa faltii diinaa baadhatee deemu san irra baala buusuuf tattaafachuutu nu hunda mufachiise. Anis dhimmuma kanaan wal qabatee barruu tokko katabuun kiyya ni yaadatama. Barruun sun mata duree guddoo taatee yoo irraa dubbatamtus hordofeera. Gariin namootaa barruu dheeraa san dubbisanii hubachuu irraa akka rakkoo qabanis hubadheera. Namni barruu fuula 3 hin caalle dubbisee hubachuu hin dandeenye tokko na qeequuf jarjaruun irra hin turre. Wanin hin jedhin gara dabarsee (misquote) na godhee yoo miidiyaatti bahee na yakku dhagaheen deebisee abbichumaaf gaddeef. Warri tahe jedhee ergaa an dabarsuu barbaade osoma hubatuu didee gara biraatti fudhachuudhaan natti duuluu filates ni jira. Dhugaa jiru garuu akka armaan gadiitti irra deebi’ee xaliilessee dhiheessuufan dirqame.

Barruu san keessatti waa’ee Qeerroo Bilisummaa fi Sagalee Qeerroo bal’inaan kaaseen jira. Sababni isaas basaasa saaxilame santu yeroo dheeraaf hoggansa waan kanaa irra ture. Hoggansa namoota akkasii jalatti Sagaleen Qeerroo odeessa garmalee gurra guddifameen ummata kijibaa jiraachuun kaase. Kun dhugaa dha. Dhugaa tahuu isaaf ragaa biraa waamuu nan barbaachisu. Ofii koof bakka odeessi gurmuu kanaa kun kallattiin itti ergamee qilleensa irra oolu SBO irratti gulaaltummaadhaanii fi akkasumas dubbataa dhaabichaa tahee yeroon hojjechaa ture kanin taajjabee dha. Taajjabuu qofas osoo hin taane akka sirreeffamuuf jecha qaama hogganaa dhimmi laalu yeroo hedduu dubbisee itti milkaahuu hin dandeenye. Kanaaf ammoo ragaan koo isaanuma warran dubbisee deebii irraa dhabe sani.

Kana yeroon jedhus dargaggoota Oromoo Qeerroo Bilisummaa keessatti hiriiranii (the rank and file) dalagaa fi akkasumas sadarkaa gadiitti dalagsiisaa turaniif kabajaa fi dinqisiifannoo guddaa akkan qabu barruu koo duraa keessatti ifatti ibseen ture. Warri narraa rakkoo qabu garuu akka waanin warra jaarmaya san keessa hojjechaa ture guutummaatti walitti cagadee gatii dhowwadhe godhanii irraa ololan. Fakkeenyaaf waanin keeyyata 6ffaa irratti jedhe kana haa yaadannu.

“Sochiin maqaa Qeerroo Bilisummaatiin godhamu dabree dabree akka jiru hin haalamu. Dargaggoonni Oromoo sabboonoon kan kumoota kudhanootatti lakkaahaman sochii kana keessaa haqaan qooda fudhachuuf tattaafataa yoona gahuun dhugaa dha. Garuu wanni miidiyaa irratti maqaaQeerroo Bilisummaa’ tiin gabaafamu kun dargaggoota jaarmaya kana jalatti of beekaniifuu waan liqimfamu hin taane….. Dhimma kana irratti gaaffiin ummanni biyya keessaa fi alatti kaasaa yoona gahe beekamaa dha. Maaliif nu gowwoomsuu? Maaliif sobuu? Maaliif gurra guddisuu? Maaliif dhugaa jiru qofa nutti hin himanii? Qabsoo keenya haqaa maaliif sobaa fi gurra guddisiidhaan balfanii diina gammachiisanii? Kunniin gaaffiilee ummataa keessaa hanga tokko.”

Keeyyata dhuma irrattis akkas jedheen ture.

“Dhuma irratti, dargaggoonni Oromoo muratoon kan hoggana diinni mataa keessan irratti jaaree hojjechiisaa ture jalatti hamileen keessan akka malee tuqamaa ture amma baga dhugaan keessan mul’ate. Didhaa sana hundaa jalatti diddanii cichitanii saba keessaniif hojjechaa yoona gahuu keessaniif ummanni Oromoo fi Oromiyaan isin galateeffatu, isiniin boonu, hegereef illee abdii isin irra kaayyatu.”

Kana yeroon jedhus akka dargaggoonni Oromoo kumootaan lakkaahaman hoggansa nama gantummaan isaa saaxilamee san jalatti gammachuu hin qabnee fi gariin isaanii namuma saniin hiisifamaa, reebsifamaa, qaama hir’ifamaa fi barnoota irraa ariyamaa turan joolleedhuma san suduudaan dubbisee ragaa waanin harkaa qabuufi. Warra Sagalee Qeerroo irra dalagaa tures yoo tahe hedduu isaanii dubbiseen jira. Odeessa isinii dhufu madda isaa ni beeytuu jedhee gaafadheen ture. Waa’ee madda isaa akka quba hin qabne, garuu odeessa dhufe qofa qilleensa irratti dubbisuu qofa akka beekan naa himan. Waanuma itti kenname qindeessanii dubbisuu malee waa’ee madda odeessa akkasii gaafachuuf ammoo kan lubbuu isaaniif sodaatan tahuu na hubachiisan. Kanaafuu kijibdummaa fi gurra guddistummaa odeessa Qeerroo yeroon dubbadhu, joollee Oromoo jaarmaya san keessa jirtu hundan walitti qabee cagadaa jira osoo hin taane, warra odeessa alanfatamee namaaf hin liqimfamne san fidee joollee miidiyaa irra hojjettu irratti fe’u qofa laallata. Wanti yeroo dheeraaf gaaffii natti tahaa ture kana duubaan kan jiru nama amma diinummaan saaxilame kanaan kan wal qabatu tahuu tilmaamuun ammoo nama hin dhibu.

Kan na dhibaa jiru garuu waan biraa ti. Rakkoon gurra guddisa oduu kan an Xurunaa waliin walitti hidhee badii ture isumatti jigsee biraa deebi’uuf yaadaa ture ammayyuu bakka isaa kan jiru tahuu isaa ti. Yookiin sirni ittiin oduu qindeessan kan Girmaan diriirsee ittiin hojjechiisaa ture ammas hoggana jiruun dhaalamee hojii irra oolaa jiraachuu isaa ti. Sagaleen Qeerroo gara fuula duraattis akkuma arma dura deemaa turetti deemti yoo taheef rakkoo hanga ammaatti mul’ateef kan quba itti qabnu Xurunaa qofa hin tahu jechuu dha. Mallattoon waakkannaa hanga ammaatti gurmuu sanii fi kan isaa ol jiru irraa mul’ataa jirus yaaddoo kana garsiisa.

Warra osoo hin hubatin na qeeqe keessaa gariin ‘mataa tokkoon arraba lama’ naan jedhe. ‘Hojii Qeerroon hojjette kan baatii shanan dabranii ofii keef galgalaa ganama faarsaa fi ofiifuu qooda gumaachaa baatee deebitee haaltee Qeerroon sobduu dha jette’ jedhanii na komatani. Kun barruu koo hubachuu dhabuu irraa yookiis beekaa gara dabarsuu barbaadamee ti. Ragaadhaaf garuu keeyyata 7ffaa barruu sanii keessatti akkasin jedhee ture.

“Osoma akkasitti ummata sobaa jiraniiti ture kan #OromoProtests dhoowee akka danbalii galaanaatti irraan bahee kijibdoota liqimsuudhaan addunyaatti of labse.”

Jecha koo kana irraa kan hubatamu, dubbiin irraa dubbataa jirruu fi waa’een #OromoProtests adda adda tahuu isaanii ti. Ani kanin itti gumaachaa fi dargaggoota biyya keessaas itti jajjabeessaa ture Oromo Protests malee tarkaanfii maqaa Qeerroo Bilisummaa qofaan himatamuu miti. Komiin akkasii kan dhufu, finicila baatii shanan dabranii (Oromo Protests) sanitti kan abbaa tahee guutuutti hogganaa ture ‘Qeerroo Bilisummaa’ ti malee qaama biraa miti ejjennoo jedhu irraa ti. Kanaafis ragaan qaba. Guyyoota muraasa dura dargaggoon akka hogganaa Qeerroo Bilisummaatti sagantaa Paltalk tokko irratti dhihaatee dubbate dhugaa kana ragaa bahe. ‘Fincilli baatii shanan dabranii fi walumaa galatti qabsoon biyya keessaa guutuutti harka keenya jirti’ dhaamsa jedhu gad jabeessee dabarse dargaggoon sun. Kun ammoo akka hubannoo kootti dogoggora guddaa dha. Qeerroon Bilisummaa fincila addunyaan dhagahe san keessaa qooda hin haalamne akka qabdu wal nama hin gaafachiisu. Haa tahuutii achi keessaa qooda qabaachuu fi ‘guutummaatti nut harkaa qaba’ jechuun adda adda.

Dhugaan qabatamaan garuu, fincilli baatii shananii seena-qabeessi sun fincila ummata Oromoo maraa ti. Hogganummaan isaas kan qabsaayota dhihoo fi fagoo maraa ti. Kan jaarmayni siyaasaa tokko qofti itti mataa tahee hogganee miti. Fincila addunyaan dinqisiifatte san keessaa ummanni biyyaa fi diasporan Oromoos qooda akkaan guddaa gumaachan. Kana keessatti hojiin karaa Facebook fi OMN hojjetame ammoo qooda dursaa qaba yoo jenne dhugaa irraa fagaachuu hin tahu.

Fincila kana babal’isuuf duulli ilmaan Oromoo qaroo fi sabboonoon karaa Facebook guyyaa guyyaatti taasisaa turan, akkasumas, wareegama Oromoon baasaa jiru kana addunyaa dhageessisuuf karaa duula Twitter hojiin hojjetame kan eenyuyyuu haaluu danda’uu miti. Facebook irratti odeessi daqiiqaa daqiiqaatti golee Oromiyaa tokko keessaa bahu battalumatti kutaa Oromiyaa hundatti dhagahamee akka fincilichi guyyaa irraa guyyaatti finiinu godheera. Kanaafuu warri social media kana irratti hanga humna isaanii odeessa daddarbarsuu fi barruuwwan ummata dammaqsanii daranuu fincilaaf kaasan gumaachaa turan hundi galata guddaa qabu. Kana malees biyyoota adda addaa, keessumattuu DC fuuldura White Houseitti hiriira seenaa keessatti mul’atee hin beeyne geggeessuun sagalee Oromoo addunyaa dhageessisuuf duulli godhame gonkumaa kan dagatamuu miti. Fincila Oromo Protests saniifis isaan hundatu abbaa dha. Ifaajii qabsoo dargaggoota kumoota hedduu kan miseensummaa Qeerroo Bilisumma hin qabne galata dhowwatanii nutu itti abbaa dha jechuun balaa guddaa qaba.

Dargaggoon maqaa Qeerroo Bilisummaatiin Paltalk irratti dhihaate sun qunnamtiin Sagaleen Qeerroo qabdu SBO fi Gaaddisa Dhugaa qofa waliini akka tahe mirkaneesse. Lamaanuu arraata ABO Shanee Gumii ti. Kun ammoo dubbiidhumti Qeerroo Bilisummaa kun akka harka ABO Shanee jirtu firattis diinattis labse. Eega ofiin of labsanii ammoo ifaajii qabsoo baatii shanan dabaranii kan guutummaatti saammatee abbaa itti tahuu barbaadaa jiru ABO Shanee tahuu isaa hubanna. Kan nama yaaddessu guddaanis isa kana.

Sochiin ummanni keenya lubbuu isaa qaalii itti wareegee sadarkaa kanaan gahe kun jaarmayoonni siyaasaa Oromoo hundi akka walitti siqanii waliin haasa’an dhiibe jennee amanna. Tumsi qabsoo jaarmayaalee siyaasaa Oromoo afurii kan dhihoo kana labsames kanuma irraa dhufe. Wanni nama gaddisiisu garuu, waytuma tumsi akkasii labsamutti dhaabota san keessaa tokko sadarkaa kanatti of himachuun qooda warra kaanii yoo haalu dhagahamuu isaa ti. Akka gurmuu siyaasaatti fincila san keessatti OFC caalaa kan wareegama baase jira natti hin fakkaatu. Nama lammaffaa paartichaa kan tahan Obbo Baqqalaa Garbaa fi hogganoonni biroon har’a dhimmuma sanaan yakkamanii mana hidhaa jiru. Fincilli baatii shananiif diina raase sun guutummaatti harka keenya keessa ture yoo jedhamu Maandeellaa keenya kan tahe Baqqalaa Garbaa fi warra isa waliin achuma garaacha diinaa keessatti falmachaa bahanii amma ammoo mana hidhaa diinaa keessatti dararaa argaa jiran kabajaa dhowwachuu taha.

Dubbii kana irraa ka’ee waan tokkotu natti mul’ata. Injifannoo ummanni Oromoo ofii isaaf sosso’ee galmeesse kana maqaa itti fuuchuuf hangana yoo wal qoccollu, osoo injifannoon kana caalu tokko dhufeehoo akkam wal goona laata? Akka amma jirru kanatti odoma ka’ee diinni ofumaan quufee nurraa galeeyyuu, caasaa siyaasaa dhaaba isa kamiitiin biyya keenya bulchina? Dubbiin kun waan sirriitti ammumaan itti yaadamuu qabuu dha. Qabsoon keenya abbaa godhachuu qaba. Ummata Oromoo miliyoona 40 olii sossosanii mirga isaaf falmachiisuun jaarmayaa siyaasaa jabaa, murataa, walii isaaf garaa-bal’eessaa fi kan Oromoon hundi achi keessatti of argu tahuu qaba. Jaarmayoonni siyaasaa amma jiran ammoo mata mataa isaaniitti yoo madaalle ulaagaa kana guutaa hin jirani. Ulaagaa kana yoo guutanii argaman malee guddina ummata Oromootiin wal madaaluun ammoo hin danda’amu. Kanaafuu osoo injifannoo kana irra guddaa tahe tokko hin horatin dura rakkoo mooraa keessaa qabnu furachuuf dursa kennuun barbaachisaa taha. Dhaabonni siyaasaa Oromoo kamuu maqaa himachuuf sardamuu dura hojii qabatamaa ummanni ragaa bahuuf tokko hojjechuu irratti wal dorgoomuuf dursa akka kennan hawwii kooti.

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …