Oduu Haaraya

Barattootni Oromoo Walga’iin Wayyaanee nu hin ilaallatu jedhu

Godina Lixa Shaggar keessatti goototni barattootni Oromoo manneen barnootaa sadarkaa 2ffaa fi Qopha’inaa Amboo walga’ii afaan fajjeessa mootummaa abbaa irree Wayyaanee irratti iyyannoo gaaffii mirga abbaa biyyummaa qabxii 11 qabate galfachuun diddaa guddaan walga’ii wayyaanee dura dhaabbatan.

Mootummaan Wayyaanee waan qabee gadhiisu dhabuun maqaa Walga’ii jedhuun Dhiphachaa jiru, yeroo amma kana barattoota Oromoo manneen barnoota sadarkaa 2ffaa fi Qopha’inaa keessatti humna poolisiitti fayyadamuun walitti qabuun dirqamaan walga’ii dirqamaa teesisaa utuu jiru barattootni oromoo manneen barnootaa Amboo fi naannoo isheetti argaman kanneen akka:

1ffaa M/B Liiban Maccaa Amboo sadarkaa 2ffaa kutaa 9ffaa fi 10ffaa
2ffaa M/B Amboo sadarkaa 2ffaa fi Qopha’inaa Amboo, keessatti barattootni wayyaaneedhaan dirqamaan walitti qabamanii teesifaman walga’iin wayyaanee walga’ii uummata keenya garboomsuuf teesifamu waan ta’eef hin fudhannu jechuun mormii itti qabsiisuun Iyyannoo dhiyeeffachuun guyyaa kaleessa walga’iin wayyaanee utuu hin teesifamiin mormii kanaan ugguramee jira,
Haaluma walfakkatuun Barattootni Oromoo sadarkaa 2ffaa fi qopha’ina barachaa jiran manneen barnootaa kanneen akka:
3ffaa M/B Giincii sadarkaa 2ffaa fi Qopha’inaa,
4ffaa M/B Dandii Sadarkaa 2ffaa
5ffaa M/B Gudar sadarkaa 2ffaa fi Qopha’inaa,
6ffaa M/B Xuuqur Incinnii sadarkaa 2ffaa fi qopha’ina Dirree Incinnii,
7ffaa M/B Midaa Qanyii sadarkaa 2ffaa fi Qopha’inaa
8ffaa M/B Jalduu sadarkaa 2ffaa fi qopha’ina
9ffaa M/B Geedoo sadarkaa 2ffaa fi qopha’inaa keessatti
barattootni Oromoo Walga’iin Wayyaanee nu hin ilaallatu, Wayyaaneen waraana nutti bobbaasee utuu nu ajjeesaa jiruu walga’ii wayyaanee taa’uun bu’aa hin qabu jechuun mormii fi gaaffii mirga abbaa biyyummaa ergamtoota wayyaanee irratti qabsiisuun waan qabdee gadhiiftu dhabuun ergamtootni Wayyaanee wawwachaa jiraachuun ibsame jira.

Barsiisotni hogganootni manneen barnoota kanneenii akka leenjii barattoota kana dabballoota wayyaanee waliin gaggeessaniif dirqisifaman illee nuti gaaffii barattootni nutti kaasaniif/gaafachaa jiraniif/ deebii deebifnuuf hin qabnu waan ta’eef hin hirmaannuu jechuun manneen barnoota akka Gincii sadarkaa 2ffaa fi qopha’inaa fi mana Barumsaa aanaa Dandii sadarkaa 2ffaa fi Qopha’inaa keessatti mormii waan kaachiisaniif walga’ii wayyaaneen mannee barnoota sadarkaa 2ffaa mormii guddaan walga’ii wayyaanee dura dhaabbatan. Ergamtootni dabballeen wayyaanee mormii barattoota kanaan waan qabanii gadhiisan dhabuun dhiphina guddaa keessa seenanii jiraachuu mudachaa maddeen keenya Godina Lixa shawaa irraa nuuf gabaasa jiru. gabaasaan kun itti fufa!.

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …