Oduu Haaraya

Bidiruu seer-malee baqattoota Itiyoophiyaa 80 oli fa’atee deemu Somaalee gama Kaabaatti qabamee reeffa nama torbaa keessatti argan

Akka bulchootii Somaaliilaandi jedhanitti bidiruun kana, Ammajii 7,2016 Somaalee gama Kaabaatti qabanii silaa naannoo Gulfitti godaanuutti jiran. Somaaliilanditti  bulchaan godina Sanaag,Ahmed Abdi Falay waraanii isaanii bidiruu sun keessatti, ”reefa nama torbaa argee jedhee VOAtti hime.”Jarii kun beelaa fi dheebuun dhume.”

Kana malee akka jecha Abdiitti eegii bidiru keessaa baasanillee nama Itoophuyaa sadiitti du’e.

Somaalota sadii ka seer-malee bidiruutti nama fahanii hujii wanjalaa hojjatanillee sadiitti qabame akka gabaasa bulchoota Piintilaandiitti.

Bidiruun sun Bosaasoo gara Garba Diimaa deemuuttti jiraachuu hin oolu.

Somaaleen hariyummaa Iraan waliin qabu dhaabdee diplomaota isiillee saatii 72 keessatti biyyaa isiitii  baasuuf hajaje.

Akka misniteri haajaa alaa Somaalee Dr.Abdulsalma Oomar VOAtti himetti diplomaatii Iraan Somaalee jiran hujii seera alaa hojjachaa turan.Rakkoo sun isaaniilleetti himanii deebii dhaban.

Saudii Arebiyaa fi biyyootii Jidduu-Gala Bahaa hedduun hariyummaa Iraan waliin qaban qaata diqqeeffachuu jalqaban.

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …