Oduu Haaraya

Bismillaahi jedhaa jalqaba adeemsaa…

Walaloo Gabaabduu
Dubbisuudha Qabdu
Bismillaahi jedhaa jalqaba adeemsaa
Arrahmaanirrahiim ittisinii aansaa
Alhamdulillaahi Rabbi Faaruun kasaa
Kan irra nukaaye Daandii Qajeellumsaa
Osoo nujallisee hin qajeellu tasa
Galata galfachuun baayyee barbaachisaa
Mootii hunda caalu galanni kan isaa
Rabbi haqa Qabda tanaafin sifaarsaa
Rasuula aalamaa nagaa itti buusaa
Jaahiliyyaa irraa kan nubaase isaa
Akkasa hordofnu Rabbiitu nuuf ibsaa
S.A.W jechuu heddummeeysaa
Faaydaa guddajjiraa akkas jechuu keessaa
Rabbi ofiin jalqabee maleykaa itti aansaa
Yaa Warra amantan Nagaa itti buusaa
Hunda caalaa guyyaaf halkan jum’aa keessa
Salaat alannabii jedhaa deddeebisaa
Nidhagayaa baraa nujalaa deebisaa
Siinqii haa godhannu Rabbiin itti geessaa
Haadhaaf abbaan kiyyas haataatu fidaasaa x2
Aselaamu aleeykum ummata barakaa
Śalaama wal fuuna walqabannee harka
Jibbaan haa dhabamtuu jaalala ijaarrakaa
Rabbi nuhaa godhuu Warra afaan takkaa
Sunnaa jala deemnee wal jibbaa dhiifna kaa
Islaamaaf qabsooynee akka geennu bakka
Irraa achi goraa ahbaashaf Mushrika
Jarri diina keenyaa hin jaalattu haqa
Dhara deeggarteetiin awwaaludhaaf dhugaa
Akkasiin dhamaati dhadhaa muuddee dhagaa
Isiif dhugaan dharaa dharrimmooyya haqaa
Yaa obboleewwan too fagootti irraa maqaa
Jaalallee hin godhannu Warra munaafiqaa
Aduwwiidha jarri Rasuulaf kaaliqaa
Nuhaa wal jaalannu muslimtoonni dhugaa
Awliyoonni Rabbii waljaallachuun haqaa x2
Jaalala yoo jedhan tokkoof lamaa mitii
Gosa heddu qaba heddu biftisaatii
Fkn Abbaakee,Haadhaaf ilmaan,Niitii
Hunduu bakka qabaa adduma addattii
Ta Rabbiitu dursa takaaliqa keetii
Ergasii itti aansi ergamaa isaatii
Yoo dhandhamuu feete mi’aa iimaana keetii
Halaawaan iimaanaa mi’aafi Dhandhamtii
Dhandhamii ilaali achi keessa jirtii
Mee hundinuu kadhaa booyaatiin Rabbittii
Akka nu badhaasu jaalala ofiitiin
Ergamaa isaallee akka jaalannuttii
Akka waan hojjannus nurraa jaalatuttii
Hangafti jaalalaa jaalala Rabbiitii
Inni nuuf haa kennu jaalala ofiitii
Ergasii itti aansi Rasuula Rabbittii
Haqa nurraa qabuu Nabiyyurrahmatii
Aleyhissalaamuu aleyhissalaatii
Wa’alattaabi’iin hunda hordoftootii X2
Yaa Rasuula Rabbii yaa jaalallee kootii
An yoon sin jaallanne maali jiruun kootii?
Yaa ergamaa haqaa qabsaayaa amantii
Makkatti dhalattee godaantee madiinatti
Bashannanaafimii sababa amantii
Islaammummaaf jettee baate gattee maatii
Aah!! Yaa Rasuula Rabbii Nabiyyurrahmatii
Osoo nahin argin naaf yaaddofta atii
Jetteetiin lallabda Yaa Rabbi Ummatii
Maqaama kee Rabbiin haa faarsu sirrittii
Seenaan kee hedduudhaa way dubbiidhaan dhumtii
Irraa qoshorataa dabra dhalootattii
Ergaan kee nagayee aniis amane ittii
Baga naaf ergamte gammadeera sittii
Alhamdulillaahi Rabbi Faaruun keetii
Nagaaf Rahmata kee naa buusikaa ittii
Rahmata aalamaa caalaa ambiyootii
Nadhaqqabee jiraa seenan jiruu keetii
Rakkoon simudate ergamuu keerrattii
Waa himameendhumu galmaaye seenattii
Sitti waljijjiirtee aduwwiin Rabbiitii
Dabarsite obsaan Rabbi siif tumseetii
Alhamdulillaahi oltaye diin keetii
Tika Rabbiikeetiin as gaye diin keetii
Fidaa kee haatayan Haadhaaf Abbaan kootii
Anis lubbuun tiyyas Isaan qofaa mitii x2

Ammas faanti hafte kan aduwwii keetii
Yahuudaaf nasaaraan hidhattee walittii
Ahbaashaf wayyaaneen naqattee walittii
Islaama moo’achuuf kijiba labsitii
Warroota diin dhaalan Daa’iif sheeka hiitii
Ashabbaarii jettiin warra sunnaa keetii
Shororkeessaa jettiin hunda muslimaatiin
Areedaaf hijaabas argaasaa jibbiitii
Kaampaasiirraa guurtee hiiti barattootii
Markazaaf madrasaa Masjida Rabbiitiis
Sii magaazana moo wajjiruma seetii?
Wayyaaneen ahbaashaf galma godhuu feetii
Rabbiin dhaba godhuu waan dadhabe seetii?
Obseetiifi malee Rabbi abbaa Qudraatii x2
Usneen teenyu nullee hin callifnu ittii
Diin keenya sarbamee maal faaydan jiruutii?
Masjinni saamamee madrasaan cufamtii?
Ustaaza koo hiitee Daa’ii fi sheekkotii
Aalima tuffattee jaahila nuu mootii
Imimmaan haawwotaa rifaatuu abbootii
Jarri coraan qabduu kana yoom dhageettii
Dhiiga muslimaatiin harkasii dhiqattii

Check Also

abuna sawiroos

Gaaffilee bu’uraa ummata Oromoo fii Sabaaf Sa-blammoota Ortoodoksii

1. Abboota Afaan, aadaafi Safuu ummata keenyaa beekaniin yaa tajaajilamnu 2. Durii Kaasee Manni Kiristaanaa …