Book name/Maqaa Kitaabaa: HADHOOFTUU
Author/Barreessaan: CAALAA HAAHILUU
Address /Eddoo: Lillhagsvägen 30 i Hagsätra, Stockholm, Sweden
Time/ Yeroo: 14:00 – 18:30
Organizer/Qopheessaan: Gurmuu Hawaasa Oromoo Sweden
Contact: gurmuuoromoo.swidin@gmail.com; http://gurmuoromosweden.com/
Yaadachiisa: Qophiin Bashannanaa nijira (sa’aa 19:00 irraa eegalee)
Kitaaba asoosama HADHOOFTUU kan Caalaa Haahiluu tiin bareeffame kana magaalaa Stockholm/Sweden itti gaafa Guraandhala 28, 2015 sirna owwadhaan eebbisiisuuf qophiin xummuramaa jira. Sagantaa kana irratti haala guddina Afaan fi Og-barruu Oromoo ilaalchisee seeminaarri beektota adda addaa kan biyyoota Sweden, Norway, Finlandii irraa hirmaataniin nidhiyaata. Akkasumas sarara ONLINE ta’een Oromiyaafi biyyoota adda addaa irraa nihirmaatu. Akkasumas barreessitootni fi gaazexeessitootni biyya Sweden kan akka Martin Schibbye akka kessuummaatti qophii kana irratti argamanii faayidaa Og-barruu ilaalchisee dhaamsa dabarsu. Qophiin akkanaa kun guddina Afaan, Og-barruu fi Aadaa Oromoo akkasumas oromummaan akka dagaagu gochuuf gumaacha guddaa waan qabuuf Oromoonniifi froottan Oromoo biyya Sweden fi ollaa Sweden jiraattan akka hirmaattan kabajaan affeeramtanii jirtu.