Oduu Haaraya

Iyyata Lammummaa L.K (2) (TBHOY.)

Akkuma Kana Dura iyyata Lammummaa Gara Hawaasa keenya kanneen Biyya Ambbaa keesa Jiran ammallee Miidiyaalee Dhimma Hawaasa Baqattoota Oromootiif Dhaabbatan akkasuma Walii gala Warroota Rakkina Baqattoota Oromootiif dhaabbatan nitti Maqaa Baqattoota Oromoo Biyya Yamaniin Koreen Waajjira Kominiiti Tokkummaa Baqattoota Hawaasa Oromoo Yaman, iyyata lamummaa Dabarsinetti,
akkasuma Yaroo ammaa kana Sababa Haala biyyattiin tun guyyaa guyyaatti keesa jirtu kanaaf Biyti Yaman tan Mootummaa hinqabne yootaatu,Kuniis Fuldureen Nageenya Baqattoota Oromoo biyya Yaman kan Balaaf kan Saaxilame tahuun Hawaasa Baqattoota Oromoo Haalaan Yaachisaa jira.
akkasuma Yaroo ammaa Sababii Haalli Biyyaattii Gara Lola Lammiilee Yaman Jidduutti Nitahamaa Kanja’uun Sodaatuu irraa kan ka’een (Embassy) leen Biyyoota Gurguddoo akka angafaatti (Embassy Biyya Ameerikaa-Faraansaa) Cufuu saanii kan labsan Yootahu  akkasuma Tan biyya Engiland Tajaajila Kannuu irraa Rarraasuu isii Beysifte Kanta’eef, Haalli Kuniis Yaroo ammaa keesa jirruu fi Fulduree Nageenya Baqattoota Oromoo biyya Yaman keesa jiraatan kan Balaa gurguddoof Lubbuusaanii Saaxilu tahuun Hawaasa Baqattoota Oromoo Haalaan Yaachisaa jira,
Kanaaf Waajjirri Tokkummaa Baqattoota Hawaasa Oromoo Yaman, iyyata Lammummaa Oromummaa Gara Hawaasa keenya kanneen Biyya Ambbaa keesa Jiraatan maraa fi ammallee Miidiyaalee Dhimma Hawaasa Baqattoota Oromootiif Dhaabbatan akkasuma Walii gala Warroota Rakkina Baqattoota Oromootiif dhaabbatan Maraahu akka Haala Rakkoo Baqattootni Oromoo Biyya Yaman yaroo ammaa Keesa Jiraataa jiran Kana Hubattanii Gocha barbaachisu Hojjachuun Lubbuu Baqattoota Oromoo Kumaantamaan lakkaawamu Balaa kana jalaa baraartan, Maqaa Baqattoota Oromoo Biyya Yamaniin Kabajaan isin gaafanna,

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …