Oduu Haaraya

Booson Niitii Fafee

Seenaa koo kaleessaa
Isinitti odeessaa
Gurra naaf ergisaa!
Filannoon koo lama
Filachuun dirqama!
Yaadannoo kaleessaa
Seenatu odeessaa!
Kaamoo mana bulkaa
Boosoo mana curgaa
Kaamon harka hallee
Booson garaa hallee!
Kan kaleessa ta’e
Hardhas mirkanaa’e
Booson niitii fafee
Yeroon irra lufee!
Hojiin isii gidiraa
Ormatu isiin firaa!
Aseennaan na dhuftee
Mana koo dhuunfattee
Gooballee qorattee
Kaamoon ari’attee
Anumatu si koorsee
Anumatu si goobsee
Aadamaan rakkadhee
Duras si simadhee!
Ammammoo murteessee
Filannoof dhiyeessee
Sabni hunduu dhagayaa
Kaamo niitii faayaa
Booson adda bayaa!!!
Gamteessaa Sabaa(Amaan Tolaa)

Check Also

usmaayyoo muussaa

Yaadannoo artist Usmaayyoo Muussaa

Sagantaan yaadannoo Artist Usmaayyoo Muussaa magaalaa Finfinnee Hoteela ILILI INTERNATIONAL tti torbaan dhufu ni qophaawa. …