Oduu Haaraya

Bu’aan Obaamaan Toophiyaa dhaquuf maali?

Oromo girls for Oromo boys ,do not mix habasha!

Ani gama kiyyaan Mr. Obaamaan waa 9 kanaaf itoophiyaa dhufaa jiran nattifakkaata

1-Sirna sagalee ummataa hateen baga itti milkooyte jechuuniifi

2-Warra ummataaf qabsooyna jedhuun dandeettan uf bilisoomsaa yoo dadhabdan ammoo ameerikaan warra isin gabroomsuuf meeshaa waraanaa dabalataa arjoomuu fiif qophiidha ittiin jechuudhaafi

3- Warra bilisummaa barbaannaa ameerikaan nucinaa haadhaabattu jedhaniin
Bilisummaan afrikaaf hinbarbaachusuu adabbadhaa taa’aa ittiin jechuu dhaafi

4- Warra mana hidhaa keessa jiraniin
Mana hidhaa keessa hanqinni nyaataa yoo jiraate
Ameerikaan nyaanni mana hidhaa keessaa dachaan akka dabalamu dhiibbaa ni gooti ykn gargaarsa ni’arjomti jedhanii waadaa seenuufi

Warri mana hidhaa jibbanii ykn hifatanii bayuu barbaadan yoo jiraatan badii ufii fudhatanii ufirratti mallatteessanii akka bayan gorsa kennuufi.

5-Warri aangoo qaban seeraafi heera gubbatti buluun mirga isaanii akka ta’e ummata itoophii barsiisuufi

6- Manni hidhaa itoophiyaa afaan oromoo qofa haasawa waan ta’eef kuni ammoo hidhamtootaafi mootummaa fedraalaa
akka wal hubatuu hin dandeenne waangodheef hidhamtoonni kun waaan isaan mana hidhaa keesaatti walitti haasayan hubatuu dadhabuun mootummaa fedraalaa waan yaaddesseef hidhamtoonni guutumatti amaaranyaa baratanii afaan mana hidhaa gama afaan biyyattiitti akka jijjiiramu haala mijeessuufi.

7- Guddina toophiyaan gama hundaan galmeessite dinqisiifatanii keessattuu karaa ispaaltii babal’isuufi dirree xayyaaraa kan sadarkaa addunyaa eeggate tolfachuun ammas manniin hidhaa bifa kanaan suphuufi haarawas itti dabalanii ijaaruun kan nama dinqisiisu ta’uu erga ibsanii
Toophiyaan daandii sirrii ta’e waan qabatteef haaluma kanaan akka jabaattee itti fuftu jajjabeessuufi

8- Mootummaan itoophiyaa warra mootummaa dura dhaabbatu warra waan misoomaa dhiisee waan mirgaa dubbatu hidhuufi ajjeesuun mirga isaa qofa osoo hintaane itti gaafatama isaati
Erga jedhanii mootummaan itoophiyaa akkuma asiinduraa waan ameerikaan itti ergattu hundumaa tole jettee niraawwatti taanaan
Ufdura Muummicha ministeeraa itoophiyaa Obbo Haylamaaramiif
ija isaanii doktoroota ameerikaatiin ameerikaa keessatti tolaan akka yaalaniif mirkaneessaniifii daawwannaa isaanii xumuruufi

9-Dhumarratti yeroo nagaya dhaammatan dimokraasiin itoophiyaa Xayyaara malisia kan asiin dura achi buuteen isaa dhabame san keessa waan tureef
Dimokraasiin itoophiyaallee daaraa bubbeen fuute ta’ee jira
Kanaafuu itoophiyaa dimokraatessuu jechuun harree qaata duuteen kur jechuun walfakkaata jedhanii
Ummanni itoophiyaa kana hubatee abjuu hin fakkaanne ufirraa dhiisee obsumaan akka jiraatu dhaamaaf jechuun
Anis tokko kan dhufeef ta’aziyaa/booyuma dimokraasii itoophiyaa kanaaf akka ta’e naaf hubatamuu qaba
Thankyou jedhanii xayyaaricha ufii olkoranii bye bye jechuufi natti fakkaata.

isin’hoo maal jettu?

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …