Oduu Haaraya

Buufatni Xayyaara Itiyoophiyaa (Ethiopianairline) ummata Oromoo bal’aa irratti Loogii hammana hinjedhamne hojjataa jira.

Oromoo Dhagahi Gurra keetiin!

Lammii Tigiree qofa qacaruudhaan ummata Oromoo akka achi keessatti hinqacaramne godheera. kunis ragaa qabatamaadhaan akka armaan gadiitti taa’eera.
Dhaabbanni buufata Xayyaara Etiyoophiyaa ji’a fulbaanaa fi ji’a onkoloollessaa 2015 darbe keessa naannoo hundattuu beeksisa baaseen hojidhabdootaa fi eebbifamtoota yuuniversiitii qacaruidhaaf galmeesseera. naannoo hundattuu hoji dhabdoonni kumaatamaan lakkaawaman galmaayaniiru. garuu haala nama gaddisiisuun guyyaa hadhaa 6/1/2016 toora weebsaayitii dhaabbatichaatiin namoonni hojiidhaaf qacaraman lammiilee Tigiraay kan maqalee fi aksuuma irraa galmaahan tahuu ofumaa isaatiif mirkaneesseera.
eddoo hojii banaa (Marketing Trainee) jedhanii baasan irratti:-

1. ffaa Tigraay Maqaleerraa nama 60
Aksuum irraa 15
wolumaa galatti=75 Qacaruuf waameera.

2.ffaa Naannoo Amaaraa
Magaalaa Gonder irraa nama 24
” Bahardar ” ” 5
Dasee. ” ” 7
wolumaa galatti = hojjattoota 36 qacare

3,ffaa Naannoo Oromiyaa
Jimmarraa qofa nama 12 nuuf Qacareera.
Akka ragaan galmee ibsutti hoji dhabdoonni jimma qofarratti galmaahan gara nama kumaa (1000) olii yoo tahan kan qormaata barreeffamaatiif taahan 570 yoo tahu kan qormaata gaaffii afaaniitiif gahanii qormaataman immoo naannoo 400ti. kun hundi maaltahee gatame? Oromoo ykn Naannoo Oromiyaa waan taheefi.

Kun eddoo hojii banaa (Marketing Trainee) Qofa irratti. isaan qacaraman kunis Torbee dhufu 11/01/2016 irraa jalqabanii finfinnee waajjira muummee buufata xayyaaraa deemuudhaan foormii qacaraa guutu. sana booda biyya keessaa fi addunyaa guutuu bakka balaliin xayyaaraa gahu hunda deemuun hojjatu, bashannanu.garuu lammiin oromoo barumsaan isaan caalus loogiidhaan duubatti hanbifamee rakkinaa fi gadadoodhaaf saaxilama. Teknishaanotaafi balaliistotas ji’a dabre keessa qacareera. isaanimmoo ifatti hinbaane waan taheef akkuma jiruun kan qacarame Tigiree qofa tahuun shakkii hinqabu.
OPDON kana hundaa ijaan argaa biyyas tahee lammii oromoo gurguratti.

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …