Oduu Haaraya
voa dargaggoota

Dargaggoonni Biyyoota Afrikaa Gara Kuma Tokkoo Waashingten Keessatti Prezidaant Obaamaa Waliin Mari’atan


As Yunaaytid Isteets keessatti, dargaggoota biyyoota Afrikaa adda addaa irraa dhufanii torban leenjii hoogganummaa fudhataa turan waliin kan marii geggeessan – Prezidaantiin Yunaayitid Isteets – Baaraak Obaamaa, “Ardittii abdii ifaa qabdu – Afrikaaf qoodni dargaggoonni qaban guddaa dha” – jedhan.

Kaleessa as Waashington DC keessatti, kanneen Sagantaa leenjii hoogganummaa “Mandela Washington Leadership Initiative” – jedhamuuf biyyoota Afrikaa adda addaa irraa dhufan – dargaggota gara kuma tokkootti dhihaatan waliin marii bal’aa geggeessan – Prezidaant Obaamaan. Yeroo prezidaantichi gara galmaa seenanitti, dargaggoonni galmicha guutanii hawwii guddaan eeggataa turan — harka dha’uudhaan, prezidaanticha guyyaa dhalata isaanii – waggaa 55ffaa ayyaaneffataa turaniin “Ayyaana Dhalataa Gaarii!” jedhanii simatan.

Dagaggoonni Afrikaa sun, uffata aadaa isaanii uffatanii, tokko tokko immoo – alaabaalee biyya biyya isaanii hafarsuudhaan ture ka prezidaanticha simatan.

Sagantaa bara kanaa irratti – dargaggoota Itiyoophiyaa 51 tokko qooda fudhate. Mana-barnootaa Addis Katama, ka Finfinnee jirutti, gorsa kennuun ka tajaajilu, namni hir’ina dhageettii qabu Seyifuu Yilmaa karaa turjumaanotaa Afaan-mallattoo hiikanii gaaffii dhiheessee jira.

Gabaasaa guutuu dhaggeeffadhaa.

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …