Oduu Haaraya

DHAAMSA ARTIST FALMATAA ROORROO.

Maqaan isaa kan dhalootaa Mahammad Muussaa Roobaati, maqaan ittiin beekkamu ammoo Falmataa Roorroo’ti.
Falmataan, Baha oromiyaa, ona Ituu, aanaa Mi’eessoo, anannoo ganda sheek hassan bakka jadhamutti dhalate. Akkuma nama kamiitti fayyaa guutuun dhalatuus, balaa akka tasaa isa mudatteen waggaa 7’tti qaroo ija isaa dhabe. Agartuun isaa tan hamileefi gammachuun lafaa ka’een san hanga xumuraatti waliin imaltee, harmee Oromiyaa daawwachiiftee, suga gammachuu kan fooddaa ijaatiin seenee surrii sooru san hanga dhumaatti akka ifiin hadhaadhiyyu tan hayyamtuuf hin taane.
Falmataa Roorroo bara 1982’ti gara oggummaa aartii seene. Albama isaa kan jalqabaa bara 1986 maxxansuun gurra ummata isaatiin gahe. Achirraa jalqabee osoo dadhabe, hifadhe hin ja’in aartii, afaaniifi seenaa saba isaa guddisuu qofa osoo hin taane qabsoo sabaatiif finiinsuuf kufee ka’aa as gahe. Addunyaa aartii keessattiis waan baayyee hojjatee, arraas hojjachaa jira.
Wellisaa Falmataa Roorroo dhugumatti akkuma maqaa isaa qabsaawaa biiblee aartiitiin roorroo alagaa falmatu akka tahe himana caalaa hojiin isaa dhawwaayxee dubbatti. Dandeettii rabbiin badhaase kanaaniis albamoota baayyee baasee, sirboota qabsoo finiinsan hedduu hojjate. Walaloo barreessee, yadaloon qindeessee artistoota lafaa dhufan baayyeefiis kenneeti jira. Dhiiga dhala oromoo tahee kan Falmataa hin beeyne ni jira ja’ee hin tilmaamu. Yoo jiraatees dhageyaa didaa qofa.
Kan nama fayyisu rabbumaa ilmi namaa ni sababsata. Yoo yaalamee fayyuun dadhabamellee jala muree sabree taa’a. Garuu amma akkamitti qalbiin isaa tasgabbooyti mee? Yaa oroomoo, lammii tiyya duraanuu numaatu waliif qoricha, numaatu waliifiis riqichaa mitiiree? Jibriin wal gargaartee arba hiiti, ja’an abboottiin keenya.  Xiqqaafi guddaan keenyaa dhiiraaf dhalaan akkuma hooda keenyaa ammaan duraatti wellisaa keenya jaalatamaa, sabboonaa, qabsaawaa Falmataa Roorroo cinaa haa dhaabbannuu. Isiniin qaba jachaa jiraa, siif jirra haa jannuun. Kun dirqama walitti laachuu osoo hin taane waamicha oromumaati!
Falmataa Roorroo walleeleen isaa akkuma afaan keenyaa garba. Garuu aartiitu aartii teenya, aartii oromoo tahe malee silaa aartii saba biraa taatee, Falmataaniis wellisaa saba biraa tahee arra qabeenyaafi beekkamtiiniis sadarkaa kam irra akka jiru tilmaamuun waan nama rakkisu natti hin fakkaatu.
Sirboota isaa keessaa tokko isin yaadachiisuuf, Sirbi kun hawwiifi fedhii keessa isaa kan ittiin calaqqifatee dha. Sirbi kun yadaloo bucbuccee namatti kaaftu saniin akkuma rabbiin guyyaa tokko ija isaa baneefii harmee oromiyaa agarsiisu itti kadhateedha. Walaloon sirbichaa hangi tokko akkana jatti:
Addunyaa tanarraa
Waaq taniin si kadhee,
Osoon lubbuun jiruu
Ija too banadhee ,
Harmee Oromiyaa guy tokko daawadhee,
Du’u sheenaan qabu, sheenaan qabuu,
Hawwiitoo guyyaa san guttadhee…
 
Sirratti dhaladhee sirratti ababee,
Osoon ifin barin qarayyoo too dhabe,
Si dawachuun gaabbee….”
=> Guutuu sirba kanaa link kanaan argachuu dandeessan: https://youtu.be/Ncal1vFWri0
Falmataa gargaaruuf:
Lakkoofsa akkawuntii (account number): Baankii Daldala Itoophiyaa (Commercial Bank of Ethiopia) acc. No: 1000140839907 kanaan gara akkawunt isaa erguu dandeessan.
Warri kallattiin gargaaruu barbaaddan ammo bilbilli isaanii: +251911835292
Artist Falmataa Roorroo,
Dirmannaa sabaatiin rabbiin haa banuuf qaroo!”
Attachments area

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …