#oromoprotests
Garaan ji.aa 9 sii baadhe anaaf ragaadha…..waggaa dheraf harmaa sii hosise anaaf waabiidha…bishaaniif nyaata sii kennuun ofii kiyyaa dheebuuf beelaan si guddiisuun koo anaaf utubaadha…….jireenya amma jiraatatu akka si hin qunnmanee waaqa sii kadhaachuun koo anaaf gaaddiisa. keessaattuu gaaddiisa gammojjii keessaa…..
…….
Yaa ilmaa koo imimmaan an ijaa keessa buusuu akka dhiigan walmakee hadhooftuun koo na machooftee onneen koo na tarsaatee dhiigaa boohaa jiraachuu kiyyaa argattan waa malee mitii…
Dhala ilmaa kiyyaa dhala gara kiyy Dhala garaacha kiyyaatuu haramuu nyaatee osoo dhallii kiyyaa dura anaaf falmu dhugaaf dhabatu haqni jala maqee osoo deeffatuu deemu obboleessuuman isaa miilaa isaa jalattii rukute riqichaa inni qabsoof hojate jala diigan mana inni sabaaf ijarate jala guban kanaaf qaamni kiyyaa hunduu dhiigaa dhaabee sochii malee malee na hadoodee iyyaa sagalee male iyyee kokkeen kiyyaa na gogdee adhaa na dhagaya jedhe kunoo dubbatara ragaa imimman kiyyaa godhadhe.
Check Also
Murtiilee Konferensi Gurmuu Hayyoota Oromoo (GHO) 15.08.2020
Nuti, kanneen yaa’ii guyyaa hardhaa 15.08.2020 mataduree “Beekumsa hidhachuudhaan Oromoo fi Oromiyaa roorroo diinaa irraa …