Oduu Haaraya

Dhiibbaa hundeessitoota Wayyaanee(TPLF) kan ta’e Abbaay Tsehayyee Uummata Oromoo irratti gochaa turee fi Gochaa jiru keessaa muraasa!!!

 

Guyyaa Kaleessaa Dubbii obbo Abbaay Tsehayyee waltajjii dhoksaa tokko irratti Waa’ee Maaster Pilaanii Finfinnee irratti dubbate OMN’n qilleensa irra Oolchuu dhaan baayyeen keenya dhageenyeerra. Obbo Abbaay Tsehayyee kan jedhan

“Jallattanis Jibbitanis Maaster Pilaaniin Finfinnee hojii irra ni Oola.Maaster Pilaaniin kun hojii irra akka hin oolleef kan tattaaffii godhan hoggantoota OPDO dabalatee sirriitti ishee galchina…!!!”

Jechuu dhaan tuffii uummata Oromoo fi Hooggantoota OPDO’f qaban ifatti ibsanii jiru.dhimma kanas namoonni baayyee share gochuu dhaan yaada itti laatanii jiru. Dhimmi kun garuu dhimma baayyee nu ajaayibsiisu miti.sababni isaas namichi kun yeroo garaa garaatti bifa wal fakkaataa dhaan hojii wal fakkaataa dalagaa waan tureef!!! bara 1998 dhiibbaa fi tattaaffii guddaa namichi kun taasiseen magaalaan Dire Daawaa Oromiyaa jalaa Baatee Federaala taatee jirti.

Bara 2004 wal ga’ii Magaalaa Baatuu(Zuwaay) keessatti taasifameen obbo Abbay Tsehayyee qo’annoo tokko gaggeessera jechuu dhaan Magaalota Oromiyaa gudguddoo kanneen akka Jimmaa fi Adaamaa keessatti Afaan Oromoo kan dubbatamu Persentaa 30 gadi waan ta’eef Afaan hojii magaalota kanneenii Afaan Amaaraa ta’uu qaba jechuu dhaan qo’annoo isaanii dhiyeessanii turan. Qo’annoo isaanii kanas Miseensonni OPDO cimsanii kan morman yoo ta’u keessumattuu Momiin obbo Suleemaan Daddafoo taasisan Obbo Abbaay Tsehayyee daran kan finiinse ture. Sababa kanaafis Obbo Abbaay Tsehayyee bakka isaan ta’anitti obbo Suleemaan Daddafoo reebuuf gaafa jedhan Gargaarsa namootaatiin addaan baafaman. Mormii yeroo sanaa booda har’a obbo Suleemaan Daddafoo bakki isaan jiran hin beekamu. Akkasumas bara 2008 wal ga’ii kaabinootaa taasifameen qabeenya bunaatiin galii guddaa Oromiyaa dhaaf argamsiisuun kan beekamtu Magaalaan Jimmaa Federaala Jala akka galtuuf carraaqqii guddaa taasise.

Haa ta’u malee Mormii guddaa uummata Oromoo fi Miseensota OPDO irraa isa qaqqabeen fashalaa’ee jira. Erga qawwee dhaan Taayitaa gubbaa ba’ee booda uummata Oromoof rafee kan hin bulle Obbo Abbaay Tsehayyee amma immoo Maaster Pilaanii Finfinnee uummata Oromoo Lafa isaa irraa buqqaasuuf ka’e qabachuu dhaan akka hojii irra ooluuf mudhii hidhatee falmaa jira. Dhimmi Maaster Pilaanii Finfinnee kun Miseensota Giddu Galeessaa OPDO dabalatee Mormii uummata Oromoo hunda irraa ka’een ji’oota muraasaaf cufamee ture. Haa ta’u malee Lafa Oromoo saammachuuf kan hirriba dhaban obbo Abbaay Tsehayyee dhimma kana bifa haaraatiin kaasuu dhaan haasawaa Diktaatarummaa isaanii muldhisu dhimma kana irratti dubbatanii jiru. Dubbiin isaan dubbatan kun akka muldhisutti Miseensota OPDO keessumattuu warra koree Giddu Galeessaa irratti rakkoo uumuuf kan xiyyeeffate akka ta’e ibsa. “Dhimmi kun dhimma Siyaasaa osoo hin taane dhimma eenyummaati” akkuma jedhame Oromoon hunduu adeemsa namicha kanaa sirriitti ilaaluu qaba.

Dhimmi kun Miseensota OPDO’s ta’e nama kam iyyuu kan yaaddessu ta’uu hin qabu.dhimma kana kan Mormaa jiru uummata Oromoo hunda dha. Kanaafuu Dubbiin obbo Abbaay Tsehayyee Araqee isaanii dhuganii dubbatan kufaatii isaanii kan ariifachiisu ta’uu irraan kan hafe Mormii Miseensonni OPDO fi uummanni Oromoo taasisu irratti dhiibbaa gochuu hin danda’u!!! Waa’ee Uummata Oromoo irratti kan Murteessuu danda’u uummata Oromoo fi Uummata Oromoo qofa!!!

Seenaa Abdiisaa

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …