Oduu Haaraya

Dhimmi Dabbasaa Guyyoo Mana Murtii Keeniyaatti Laallame

Manni murtii Keeniyaa nama Dhabamuu Obbo Dabbasaa waliin walqabatee himatame irraatti ragaa dhaggeeffate. Obbo Dabbasan nama ganna 70ti, keeniyaa erga jiraachuu jalqabanii waggaa 30 ol yoo tahu, fulbaana 27 erga ayyaana Irreechaa miseensota hawaasa baqattoota Oromoo as Naayiroobii jiraatanii waliin kabajanii booda, bakka buuteen isaanii dhabame. Ergasiis maatiin isaanii mootummaa keeniyaaf kan beeksisan yoo ta’u, haga yoonaa garuu maanguddoon kuni eessa akka jiran baruun hin dandaa’amne.

Dhimma kana ka hordofaa jiru Poolisii Keeniyaa yoo ta’u, nama dhimma kanaan wal qabatee shakke jedhu irrattis Mana Murtii Naayiroobii Makadaraatti bitootessa gaafa 16/2016 ragaa dhaggeeffattee sanaan booda ammas ragaa hafe dhaggeeffachuuf beellama onkoloolessa 13, bara 2016 tti qabatee jira. Haa ta’uyyuu malee hawaasni baqattoota Oromoo Naayiroobii jiraatan, Obbo Dabbasaa Guyyoo barbaachuudhaafsochii gahaan hin godhamne jechuun komatu.

Obbo Dabbasaan mana obbo Shaamil Aliyyiitii bahanii dhabamani, Dhaddacha kan-irrattis akka ragaatti uffanni fi meeshaaleen aadaa Obbo Dabbasaan gaafa ayyaana irreechaa uffatanii fi qabatanii turan ka dhiyaatani yoo ta’u, dhimma kanaan wal qabatee abukaatoo obbo shaamil yoo gaafannu ‘meesholiinkuni mana obbo Shaamilitti argamuun ragaa guutuu ta’ee Obbo Shaamiliin yakkamaa hin taasisuu’ jechuun waraabbii sagaleetiin ala nuuf himanii jirani. Maanguddoon kun Lafa Keeniyaa keessa waggaa 30 ol jiraataniiru, irra caalaas baqattoota Oromoo as Naayiroobii jiraatani duukaadha baayyee walitti siqu turani. Hawaasa baqattoota Oromoo Naayiroobii jelatti gumii aadaa fi seenaa Oromoo baqattootabarsiisu tokko kan maqaan isaa isaa Argaa fi Dhageettii jedhamu keessatti, barsiisaa fi gaggeessaa akka turan miseensi gumii kanaa kan maqaan isaanii akka dhahamu hin feene tokko nuuf himaniiru.

Dhaddacha bitootessa 16 taa’ame kana irrattis, maatiin Obbo Dabbasaa Guyyoo argamanii jirani. Mucaan isaanii ka taate Darmii Dabbasaa Guyyoo akka jettuttii, dhimma mana murtii jiru kana irraa tarii abbaan koo argamuu…. argamuu dhabuus danda’aa anigaruu hamman danda’e kophaa koo ta’us deddeebi’ee gaafataan jira jetti. Poolisii Keeniyaas sadarkaa barbaachi maanguddoo kanaa maal irra akka jiru baruuf gaafannus, dhimmi kuni mana murtii jira kanaaf yeroodhaaf yaada itti kennuu hin dandeenyu deebii jedhu nuuf kennan. Onkoloolessa dhufus dhaddachi waa’ee dhabamuu obbo Dabbasaaf taa’u kuni kan inni walitti deebi’u, ragaa nama dhuunfaa tokkoo fi kan poolisii tokko dhaggeeffachuudhaafi.Visit website

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …