Oduu Haaraya

Diddaa dhimma Finfinnee ilaalchise gorsa tarsiimoo jawaar muhaammad irraa barattoota yuniversitiif

Diddaa dhimma Finfinnee ilaalchise gorsa tarsiimoo jawaar muhaammad irraa barattoota yuniversitiif

Falmaa deemsifamaa jiru daran milkeessuuf qabxiilee armaan gadii qalbifachuun barbaachisaadha.

1) Mormii nagaa ( nonviolent resistance) godhuuf erga murteeffattanii, hamma danda’ame hundaan tarkanaafilee hokkaraa ( violence) akka hin jiraanne:

Tooftaalee jeequmsaa kanneen akka dhagaa darbachuufi gamoolee barbadeessurraa of eegaa
Poolisonni yoo haleellaa isinitti aggaaman bifa nagaatin dura dhaabbadhaa malee harka itti hin laatinaa
Basaastonni mootummaa (agent provocateurs) isin keessa seenanii jeequmsa kaasuu waan danda’aniif namoota karoora kaayameen ala socho’an qalbiidhaan too’adhaa.

2) Gaafilee ifaafi gabaaboo ta’an dhiheeffadhaa.

Gaafiin mirgaa Oromoon mootummaa sanirraa qabu hedduudha. Garuu akkuma biddanas kutannaa xixiqqoon fixan, qabsoonis akkasuma. Amma gaafin kaaftan kan Finfinneeti. Gaafile gama biroo ammaaf moggatti kaayuun dhimma kanarratti gaafile muraasa baafatanii socho’uu feesisa.

4) Dhaadannoolee saboota biroo maqaa dhahan, rifachiisaniifi shakkisiisan hin fayyadaminaa. Ammas dhaadannooleen isin qabattan kan gaafilee muummee lafa kaawwattaniin ala akka hin taane. Yeroo takkatti dhimma tokko, diina tokkorratti fuulleffachuu qabna. Milkaa’aa, goobaan galaa!

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …