Oduu Haaraya

BIYYALAATTIS NU QOCHISIIFACHUU FEDHUU?

HUBACHIISA: yaa dubbiftoota walaloo kanaa jaalatamoo fi kabajamoo, inni amma isiniif dhiyaate kun waggaa kurnan harraa, gaafa 28. 06. 2004 mandhe ONA irratti baafamee ture. Ennaa san nafxanyoonni fi ilmaan isaanii kanneen magaalmataa biyya USA-a, Waashingitan Diisii fi naannoo isaa jiraatan, akka “Raadiyoon Sagalee Ameerikaa, VOA“n) Afaan Oromootiin hin dabarsineef, akka sa’aan hin dabalamneef faa hiriira bayuun dura-dhaabatan san walaleeffame. Jarreen kun kunoo amma waggaalee 10 boodas numatti ka’aati jiru. Kunoo, bardheengaddaa irraa kaasee dhibeen isaanii inni, uummata Oromoo jibbisuu fi saba Oromoo irratti isaan kakaasu sirumaa itti-hammaachaa jira. Minilikoonni bardhibbee 21-ffaa kun alaa-manaa nutti duulaa jiru. Gita-bittee Tigraay, kan Wayyaanee jedhamu cinaa goruun qonnaan-bultoota Oromoo qeyee fi araddaa isaa irra buqqisaa jiru. Oobruu fi caffee Oromiyaa kaan summeessaa, kaan onsaa, kaan Oromoota buqqisanii manneen irratti ijaarrachaa jiru. Dabrees uummatoota Kibbaa: Gambeellaa, Beenishaangul, Somaalota Ogaadeniyaa, uummatoota Sulula Laga Omoo faa akkuma qonnaan-bulaa Oromootti qawwee fi tiraaktaraan buqqisaa, buqqisiisaa jiru.
Kunoo, ijuma teenya duratti barri Minilik faashistichaa sun deebiyaa, uummanni keenya fi uummanni Kibbaa buqqifamaa, awwaallan abbootii fi haadholii isaa wajjin gurguramaa jira. Harra akka durii, akka hoolotaatti gabaa dhaabanii nu gurgurachuu daddhabnaan, lafa lafee keenya tahe irraa nu buqqisanii ittiin-daldalchaa, warreen akka isaanii warra baargamaatti gurgurachaa jiru. Siidaawwan Minilik qeyee fi gandeen keenya keessatti akka ijaarruuf nu abboomaa jiru. Uummata Oromoo isa naannoo Finfinnee Shaggar, isa buqqifama Minilik irraa mimmilqee hafe san amma lafarraa-duguugaa jiru. Bakka aadaa fi Afaan Oromoo, aadaa Amaaraa fi Afaan Amaaraa isa qawween nutti dhufe kana buusaa jiru. Afaan isaanii kana, akka waan afaan addunyaalessaa taheetti nutti gurgurachuuf aggamu. Oromiyaa keena keessatti afaan biyyaa, Afaan Oromooti. Namni barabaraan achi jiraatu isa barachuu qaba. Namoonni Oromoo mootummaa jiddu-galeessaa keessattis, paarlamaa Toopphiyaa keessattis, manneen seeraa fi manneen baankii Toopphiyaa isaan Oromiyaa keessa jiran keessattis, Finfinnee mataa ishii keessattis Afaan Oromootiin hojjachuu qabu. Nuti Oromiyaa keessatti Afaan Oromootiin baranna. Dhugaa dha; Afaan Ingiliziis akkuma duriitti baranna. Gaafa Gondor faa, naannoo Manjii faa dhaqinee barabaraan jiraachuu barbaanne callaa Afaan Amaaraa baranna. Garuu, nuti wanni Biyya Amaaraa nu geessu sababni tokkollee hin argamu.
Yaa Oromoo koo, isin harra mandhee Oromiyaa isa: “gadaa.com” jedhamu irratti, waayee ijoollee teenyaa isaan Unibarsiitii Wallaggaa irraa hiriira nagaa, nagaan bayanii warra nagaa hin beeknee fi nagaa hin taaneen reebaman arguun keessan hin oolu. Mucayyoo foolisoota Wayyaneetiin reebamtee, funyaan ishii faa madayee san agartanii jirtu. Mee maaltu isinitti dhagayame? Yaa uummata koo, egaa hamma yoomiitti Habashoota qawween biyya keenya seenan kanaan reebamaa, hidhamaa, waxalamaa, garafamaa, ajjeefamneeyyuu Gaara Suufii faatti waraabessaan nyaatamaa jiraanna? Abboo gayeen gayee dhaa, waltaanee, karaa maraan hidhannee ol haa kaanu! Kunoo, Dhaloonni Qubee hamma harraatti unibarsiitota shan: Unbarsiitii Jimmaa, Unibarsiitii Mattuu, Unibarsiitii Wallaggaa, Unibarsiitii Amboo fi Unibarsiitii Haramaayaa irraa hiriiraaf gayaa’anii jiru. Isaan kaanis akka isaan duukaa-bu’an ni beekama. Dabreeyyuu barattoonni Oromiyaa guutuu, isaan manneen barumsaa Oliyyalee (“secondary schools“) irraas, akka fakkeenya hangafoota isaanii faaneffatan ni eegama. Egaa, warri qawween biyya keenya seenee nagaa nu dhoowwuun nu unkuru kun akka nagaan hin teenya, nagaan rafee hin bulle innumtuu ni beeka, Nagaa booressani nagaan jiraachuun eessumayyuu hin jiru. Leencota madeessanii, qeyee qeerransootaa bubuqqisanii taa’uun yoom jiraree? Mee waan hundaafuu, walaloon kiyya kun barattoota Oromoo diina uummata Oromootiin madeeffan, reebaman, hidhamanii fi daggala keessatti dhokataniif: raajefannoo, biradhaabannoo, jajjabeessii fi mararfannoo haa tahuufi!
________________________________________    //    _________________________________________
                          28. 06. 04

BIYYALAATTIS NU QOCHISIIFACHUU FEDHUU?

                Taammanaa Bitimaa irraa

Raajii dha, raajii dha

Fardatu baajii dha

Gaangeen gaafa baaftee

Re’een foon albaaftee

Kan baranaa raajii dhaa

Ijji maal na argaa

Fardatu baajii dhaa?

Duubatti kan deebi’e anaa

Duubatti kan deebi’e baraa

Duubatti kan deebi’e jaraa? 

Ana moo

Bara moo

Jara moo?

Baran irraanfaddhee-laa

Jaran irraanfaddhee-laa

Barri kun isa kami

Jarri kun isaan kami?

Bara Aannoleetii?

Bara Minilikii?

Bara Raas Daargetii?

Ani nan wallaalee?

Saayinsiitu na takaalee?

Nattimi yaa beekaa

Kurfaayeen si eegaa?

Nafxanyoonni bayyalaattis,

          Nu qochisiifachuu fedhuu?

Egaa asittoo qawween,

          Harkan jirruu maal ta’uu?

Harki taa’uu bare hin qotuu

Sammuun gabroome hin loluu

Harki qotuu jibbe

Isa qotu tuffataa

Sammuun loluu dide

Isa lolu arrabsaa!

Harki hojii jibbe reeffaa

Sammuun tuffii barees reeffaa

Maarree reeffa du’ee dubbatuu

Harka isaa laate dhiisee

Harma isa! hoosisee dhiisee

Sheexana-faa kan dhungatuu!

Ilaa biyyalaattis

          Nu lolchisiifachuu fedhuu

Ammas Ogaadeen dhaqaa

Ertiraatti achol ba’aa

Haadha teessaniif mitii

          Tan teenyaaf du’aa jedhuu!

Erga haadha ofii jaalatanii

Erga Tooppphaan dhaadatanii

Maan duuneree dhaqanii
Yoo haqa qabaatanii?

Isaanis haadha qabuu

Nutisoo haadha qabnaa

Haawweeen lameen addaddaa

Kan ta’an gaangee fi fardaa!

Yoo du’aa du’aan dhufe

Gabrummaan itti fufee

Nu haayyoo teenyaf duuna

Harcaanee gadi buuna!

Ammoo otoo harcaaneen bu’in

Ilaa otoo lafarraan dhumin:

          Waliso Roggee Ammayya

          Kutattuudhaa-chi wayyaa

          Jibbaat keessi bosonaa

          Qeerransa keessa sonaa

          Dalloo keessi daggalaa

          Leencatoo itti galaa

          Carcar keessi hurrumaa

          Gichillaatoo guungumaa

          Gibee keessi limixaa

          Kan gameef achi lixaa

          Mogor keessi shimalaa

          Birmaduuf achi malaa

          Achittoo deemnee duuna

          Harcaanee gadi buuna!

Yoo duune haayyoo ergisaaf mitii

Seenaa isa sobaatiif mitii

Haadha nu deesseef duuna

Seenaa dhugaa gaffuuna!

Biyyalaattis nu sirbisiifachuu fedhuu?

Gaayila keenya irrattillee

Keenyawoo isiniif jira jedhuu

Ragada haadhareggae” hin sirbinaa nuun jedhu

Jamaayikaas dhaqanii dhoowwuu fedhuu?

Beneensummaa mootummoota saanii

Gara-jabeessummaa gita-bittee sa! anii

Baqannee baanee

Garaa waaqaa jala faffacaanee

Kunoo oliifii-gad tatamsaanee

Biyya raajii-raagaan keenya

Maqaa-saallee hin beekne

Takkaayyuu hin dhageenye

Awustaraaliyaa-llee geenye!

Humma Somaaliyaa lukaan murree

Bosona Sudaan qaxxaamurree

Kaan irbaata leencaa

Kaan dhiyaana hummaa

         Ta’ee nu biraa achitti hafee

Kaan akka sheek Saphaaloo

Akkas otoo dhaadatuu

Biyya ofii waammatuu

         Biyyee amabaa keessa rafee

ijoolleen hummatti dhalattee

Ishiin kaan caakkaatti guddattee

Karaa“, “Karee” jedhamtee moggaafamtee

Hammachiisaa Amboo mitii

Harsadii Bishooftuu mitii

Waashingitan-faa geeffamtee

Amma kunoo shororkeessituu jedhamtee!

 

Seenaan keenya dhiigaan kitaabamee

Seenaa hortee Kuushii

Seenaa hortee Afrikaa

Qaccee fara’oonotaa jedhamee!

 

Nuti biyya saaniit! tin duullee

Daangaa-saaniin dabrinee

Gaarran-saaniin qaarinee

Odaa-saaniin mummurree

Galma-saaniin guggubnee

Biyyum keenya dhufanii

Gandeen teenya gubanii

Hawween-teenya hudhanii

Baar gamatti gurguranii!

 

Kan Omaan-Iraaq geeffame hin deebinee

Kan Jamaayikaa-Teeksaas geeffame

Seenaa-saallee hin arginee

Kan Jarman dhufe hin gallee

Akkafe’ee, Aagaa, Bililleen-faa

Boolla cabbii keessaa ammallee:

          Yaa biyya-koo

          Yaa harmee-to o

Jedhanii wawwaatuu

Ilmoo gabra durii hundaa

Hortee Kuush-Afrikaa hundaa

Kunoo akkan garaa nyaatuu!

 

Bar gateettiin abbootii keenyaa

Kan waanjoon madeesse hin fayyinee

Dugdi haayyolee teenyaa

Kan ba’aan jajallise hin qajeellee!

 

Harmi haayyolee Aannolee

Harki aabbolee Aannolee

Boolla keessaa dubbataa

Hortee Kuush-Afrikaatti iyyataa!

 

Bar nu seenaa Afrikaa malee

Eekaa seenaa Kuushotaa malee

Seenaa ergisaa homaa hin qabnuu

Mootii Afrikaa Shaakaa malee

Kan Solomoon jedhan barbaachan dhaqnuu!

Qaroominnis asumaa

Qacceen teenya Afrikumaa

Gibxii fara’oonotaa

Nuubiyaa jagnootaa

Simbaawee gamnootaa

Biineen-Timbuktuu qarootaa

Kana qaroominni keenya

Kana ayaan teenya!

Himachuu daddhabne malee

Hin hukkaamamne malee

Aksum kunu! u kan keenyaa

Agawo diroon Laalli balaa

Duguugamee maal himnaa?

Maqaa jibbaa nutti babbaasanii

Arrabsoo barabaraan yayyaasanii:

          Walaamoo fi Gudeellaa

          Gaallaa fi Shaanqillaa

          Guraagee kulii kulii

          Adareen tunii tunii

Jedhanii arrabsoo Kilimaanjaroo fakkeessanii

Dhugaa dhara-dharaan addeessanii!

Bar Gaallaa jechuun “Nigger“-ii

Bar Shaanqillaa jechuun “slave“-ii

Lachuu gabra jechuu-dhaa

Ilmoo namaa horii godhee hudhaa

Afaan keenya keessallee

Sagaleen “gabra” jedhamun turree

Afaanuma-saanii Gi’iisii-rraa as-furree!

Bar nuti warri isaan akkan godhan kun

Uummatoonni isaan gaddhiitan kun

Biyya-saanii hin dhaqnee

Abbayya achiin ceenee

Gondor-Tigraay-Manjeen seennee

Biyyoota keenya dhufanii

Gandoota keenya gubanii

Namummaa keenya madeessanii

Aadaawwan keenya barbadeessanii

Afaanota keenya bubbusheessanii!

Bar nuti! saboonni Kuushii

Kan Oromi yaa fi Kibbaa

Karchalleetti walbarree

Manneen hidhaa isaan tarree:

       Shaamaa kenninee

       Booda dirra garafame

       Nafa isa waxalame

       Sukkuumnee walii qoorsinee

       Imimmaan dhiigaa waliif gogsinee

       Bara dheeraa wajjin turree

       Sansalata walirraa furree

       Bittee-saanii hidduu qaxxaamurre!

Hayyee hayyee ijoollee Kuushiyaa

Hayyee hayyee jabbillee Oromiyaa

Nafni Gaambellaa nafa keenyaa

Dhiigni Benshaangul dhiiga keenyaa

Walitti haa iyyannu

Waliif haa birmannu!

Walaayitaan Kuush lixaatii

Kafichoonis Kuush lixaatii

Omotic” jettanii maqaa lagaatiin hin waaminaa

Namas lafas kiristinnaa hin kaasinaa!

Hortee Kuushotaa

Qaccee Afrikaanotaa

Ukkaamamnee iyyachuullee daddhabnee

Harki nu hidhamee isa kaaneef hanqannee

Addunyaan dibbee-saanii rukuttii

Haayyoon teenya Afrikaanillee

Soba-saanii fudhattee urguftii!

Kunoo sobni mootomee

Dhugaan awwaalamee

Ilaa shororkeessituu jedhanii

Akka Teediroos isaanii

Akka Minilik isaanii

Gargaarsa ammas gamaa kadhatuu

Shorokeessituu maaf hin-hiine jedhuu

Karchallee gara Diisii fiduu fe’uu?

Kunoo sobni-saanii farda koree

Addunyaa keessa garmaamaa

Balali’aatoo dhabamee ma! lee

Ji’arra olbawuuf wal-waamaa!

Appartaayidi-llee sirni bineensummaa

Naqarsi diinni ilmoo namaa

Maandellaa leenchicha Afrikaa

Bakkalcha addunyaa

Mandhee keessatti hidhee teessisee

Ginni bittee Habashaa

Barsiisaa-saa Taaddoo Birruu

Leenca Kuushiyaa

Urjii Oromiyaa

Hudhee boolla seensisee!

Hayyee ijoollee Kuushiyaa

Hayyee jabbilee Oromiyaa

Isaan jibba dhugaa guddatanii

Aannanii-damma keenyaan akkan furdatanii

Jibbatu moora ijaa-saanii cufee

Bara Teediroos kaasee itti fufee!

 

Nuti ijoolleen Oromoo jibba

Luugaa hin guddannee

Tuffii sanyii namaatiin hin furdannee:

         Aadaan keenya aadaa gadaa-tii

         Jibba hin faffacaasuu

         Afaan keenya afaan abbaa gadaa-tii

        Oftuulummaa hin tatamsaasuu

        Amantiin keenya Waaqeffannaa-dhaa

        Ilmoo namaa gurguruun laguu-dhaa

        Uumaa WAAQA gurraachaa

        Salphisuun kakuu-dhaa

Nuti ammas jibba hin hafarsinuu

Wallaalummaa hin labsinuu

Sanyiin hunduu qixxee-dhaa

Afaan hunduu qixxee-dhaa

Addunyaan buburree-dhaa

Kanaaf sonaan miidhagduu-dhaa!

 

Asxaan walaabummaa dubartii siiqqee

Ateetiyyoon haadha maraaf qixxee

Coqorsi, ejersi-faa lubbuu qabuu

Massaa malee hin ciramanii

Oromiyaan jiituu bosonaa turitee

Daggala bunaa gobbuu

Caakkaa mukaa yabbuu

Sheexannillee qawwee duukaa gaddhufee

Caakkaa gubuu, aadaa gu buu itti-fufee!

 

Nu wallaalummaa

          Dhaloota boruuttin dabarsinuu

Ammoo gabrummaaf
Dugda gadin cabsinuu

Roorrootti harka hin laannuu

Bilisummaan Oromiyaa

          Akka du’aatii hin hafuu

Hammasittis garaan keenya

          Homaa hin raffuu

Ollummaa boruutiif qopphoofnaa

Uummata cunqurfame

Saba waanjoon gad-qabame

Warra namummaan itti dhagayame

Hundaattuu namummaaf iyyannaa!

 

Hayyee ijoollee Kuushiyaa

Hayyee jabbilee Oromiyaa

Isaanis namumaa

          Namummaa-saanii hin tuqinaa

Garuu harqoota gabrummaa-saanii

Caccabsuu irraa hin deebi’naa

Gabraan daldaltuu fi uummata-saanii

          Addaan baaffaddhaa

Firummaa uummatootaa eessattuu

          Guddisaa cimsaddhaa!

 

Biyya keessatti kan isaanii baatu

Addunyaa irrattis kan isaanii kaatu

Bara-baraan kan isaanii laatu

Manneen hidhaallee kan isaanii jaaru

Sharafa alaa kan isaanii argamsiisu

Callaa ofiitiin  kan isaan barsiisu

Siree tolchee kan isaan raffisu

Warra Mosolonii-llee kan irraa har’e

Otoo mee hojiitii silaa yoona nuuf bari’ee!

 

Nuti ijoolleen Kuush Toopphiyaa keessaa

Akkuma abbootii Martin-Luther King-ii

Gabroota manaa fi gabroota alaa turree

Hammallee sansalatatu geeddaramee malee

Roorrisaan homaa nuttiin furree

Egaa amma ka’a harka walqabaddhaa

Gabrummaa jalaa bawuuf kakaddhaa

 

Isaan kun alaa nutti ka’uu

Isaan sun manaa nutti alb—-

Harra Shaggar irraa nu hari’anii

Handhuura keenyarraa nu kaasanii

Boru Jimma-rraa n! u hari’uu

Iftaan gobba-rraa nu ka asuu

Buqqisiin akkanum jedhee itti fufaa

Rooroon ija baasee Oromiyaa teenya cufaa!

 

Mangee“-n saanillee

Kaleessa ilmaan Agawoo Kuushii

Gabaa hoolotaa isa Kolfee Shaggarii mitii

Gabaa Yarusaalem dhaabee gurguratee

Horoo sanaan allaattii sibiilaa bitatee

Ertiraa fi Oromootti summii garroobsee

Mucha dinagdee biyyaas doomsee!

 

Eekaa gita bittee Israa’el

Isa bulguutti of jijjiiree

Falastiinaa liqimsurraa

Majaa sibiilaas fudhatee
Nu duuguuf kakatee!

 

Bar Falastiinaanis numaa

Nutis Falastiinumaa

Dhiigni saba miidhamee

Foon uummata cunqurfamee

Hunduu tokkichumaa!

 

Hayyee jabbillee Oromiyaa

Hayyee ijjoollee warra Kibbaa

Jarri hudhee nu jibbaa

Mee isin wal-marafaddhaa

Adaraa wal-kabajaddhaa

Obbolummaa Taaddoo Birruu faa buusan

Isa dur diroon Xoonaa faa nuuf kuusan

Gagabbisaa cimsaa, jabeessatii tiksaa

Sansalata gabrummaa walirraa ciraa harkisaa

Impaayerittiin tun Karchallee-dhaa

Karchalleen Alambaqqaa-dhaa

Caccabsaa keessaa ba’aa

Galma bilisummaa keessan ga’aa!

 

                       Barliin, Amajjii 2004

 

*************    //    **************

 

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …