Oduu Haaraya

Iccitii “Master planii” TPLF isa 2ffaa.

Marsaa 1ffaa; Tooftaa magaalaa finfinnee babaldhisuu jedhuun jiddu gala Oromiyaa (Showaa) handhura Oromiyaa keessaa addaan kutanii maqaa biraa itti moggaasuun bulchiinsaFederaala TPLF” jala galchuudha, kana jechuun Oromiyaan jiddu galli keessaa citee inni afe baha Oromiyaa fi Lixa Oromiyaa addaan qoodama jechuu dha. Aadaan Oromoo, afaan Oromoo qabeenyi Oromoo qaama kabiraa tiin dhuunfama jechuu dha. Haalli kun ilmaan Oromoo biyya alaa fi biyya keessa jirtaan mormii guddaa akka kaasan taasisee jira.

Marsaan 2ffaa; Akkuma Finfinnee kana magaalaa Oromiyaa adda addaa akka malee babaldhisuu dhaan bulchiinsaFederaala TPLF” jala galchuu dha. Oromiyaa qofaa otoo hin taa’iin magaalaa sabaa fi sab-lammootaa hundaa keessatti tooftaa dhuma wal-fakkaatu hojiirra oolchuu dha. Tooftaan “Master planii” 2ffaa kun magaalaa sabaa fi sablamootaa hundayyuu bulchiinsa federaalaa jala galchuu dhaa, nannawa albuuda adda addaa qabu bulchiinsa naannolee harkaa fuudhanii bulchiinsa federaala/TPLF jala galchuudha. Akkuma walii galaatti Bulchiinsi Godina Tigiray magaalaa Addis Maqalee jedhuun babaldhatee, hanga daangaa Somalia, Sudan, Kenya fi Djibouti tti fulla’a. Bifuma wal-fakkaatuun magaalaa Asab ammatee hanga Galaanaa diimaa tti fulla’a jechuu dha. Mapiin armaan gadi tti maxxane iccitii “Master planii” TPLF isa 2ffaa kan saaxiluu dha. Egaa dubbiin kun Oromiyaa qofaa otoo hin ta’iin sabaa fi sab-lammootaa Itoopiyaa keessa jiran hunda kan rifachiisuu fi kan mirgaaf isaan kakaasuu dha.

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …