Oduu Haaraya

DIKTAATORA DAGGALAA!

Dictaatorri daggalaa
Bakka ciisuu alaan’alaa
Ifirraan garagaggalaa
Kan tuqe ija hamtuun laalaa
Isa maaltu godhe utubaa sibiilaa?

Gurran qabu afaan malee
Gadin bahu goda galee
Kanneen qaroo didee halee
Kan morame maqaa faalee
Kan jajjaboo keessaa haleelee
Kaayyoon isaa naaf hin galle!

Isa mormuun waa hin taatuu
Isa maddiin yoo olkaatu,
Isa diddee yoo falmattu,
Ni jibbamta ayaan taatuu
Sirraa mulqa maqaa keetuu
Si uggura matumattuu.

Usee taa’a ka’ee hin kakaasuu
Erga ciisee garaa kunuunsuu
Ofii beekee dhiibee achin siiysuu
Kan biraattis waa hin dhiisuu
Hujiin isaa addaan faffacaasuu.

Tan harkaa qabu itti konyonyatee
Tan dhuunfaasaa fakkeeffatee
Rakkoo jirtu irraan tarkaanfatee
Ni dhufaadhaaf kan isa abdate,
Gaafa dhufu baruuf rakkatee
Gaafnisaa kun hedduu dheeratee
Dhuftisaa kun haalaan fagaatee
Dhiiroo gaafa Harreen gaafa baaftee?

Diktaatorri daggalaa alattuu akkanaa
Yoo maqaatii isuma yaammannaa
Shakkii fidee akkamiin amannaa?
Kan alattuu gochaansaa tanaa….
Akkam nu godha odoo seenee mana?

Rakkoon teenya itti hin mul’attuu
Madaa teenyaaf hin laalatuu
Eefa garagalee waliin wal nyaatuu
Diina dhiisee waliin wal aloolaa
Itti abboomuuf iratti wal lolaa
Afaan wallaalle diktaatoora daggalaa!

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …