Oduu Haaraya

Dhabamuun Obbo Dabbasaa Guyyoo yaaddoo guddaa uumee jira .

 

OMN:Oduu Onk.15,2015 Hayyuun Barnoota Argaa dhageettii Gadaa Oromoo bu’uuressanii, aadaa fi seenaa Oromoo yeroo dheeraaf barsiisaa kan turan, Abbaa Liiban Dabbasaa Guyyoo, magaalaa Naayiroobii keessaa achi buuteen isaanii erga dhabamee guyyooya 19 kan lakkofsiisee yoo ta’u, haga ammaatti kan hin argamne ta’uun himame.

Mangoddoonni Oromoo fi waldaan hawaasa Oromoo Naayiroobii, obboo Dabbasaa Guyyoo argachudhaaf barbaacha isaanii akkuma itti fufanitti jiru.

Hayyoonni fi jaarmayaaleen Oromoo gara garaas, yaaddoo itti dhagayame ibsuun, barbaacha manguddichaatiif qaamoolee mootummaa Keeniyaa fi, dhaabbilee addunyaatti iyyataa jiran.

Argaa fi dhageettii seenaa Oromoo yeroo dheeraaf barsiisaa kan turan, Abbaa Liiban Dabbasaa Guyyoo, irreecha bara kanaa biyya Keeniyaa, Nairobi City Park jedhamutti, gaafa Fulbaana 27 bara 2015tti geggeeffamee ture irratti argamuun, akkuma kanaan duraatti, gorsa gara garaa baqqattoota Oromoof kennanii turan.

Abbaa Liiban Dabbasaa Guyyoo sirna ayyaana kanarraa qooda fudhatanii gara manaatti erga deebi’anii booda, achi buuteen isaanii kan hin beekamne ta’uun maatii fi firoottan isaanii ni dubbatu.

Haala dhabamiinsa obbo Dabbasaa Guyyoo sirritti hubachuuf, firoota isaanii fi, namoota gara garaa yeroo dheeraaf isaaniin wal beekan dubbifnee jirra.

Magaalaa Naayirobii kan jiraattu, inatlti isaanii Darbii Dabbasaa Guyyoo akka nuuf himtetti, abbaan isii erga dhabamee guyyoota kudha 19 laakkofsiisee akka jiru nutti himuun, haga ammaatti kan hin argine ta’uullee dubbattee jirti.

Guyyama san bakka biroos bilbila bilbiluun, gaafannee hin argine kan jettu Darbiin, dhimma kana gara waajjiraalee poolisii biyyattiitti iyyachullee nutti himtee jerti.

Soddaa obbo Dabbasaa kan ta’an ammoo, obbo Shaamil Alii gama isaaniitiin, dhabamuu obbo Dabbasaa Guyyoo ilaalchisee, bakka bu’oota waldaa hawaasa Oromoo Naayiroobii fi, qaamota mootummaa biyyattii hundatti iyyannee jirra jedhan.
Akkasumas barbaacha kanaaf akka tumsaniif, manguddoota Oromoo Booranaatti himnee, barbaacha kana haala itti qindeessan irratti marii gochuuf Naayrobitti akka walgahan nuuf eeran.

Waldaan Hawaasa Oromoo Naayroobis barbaacha manguddoo kanaaf, gumaacha danda’u gochuuf tattaafataa akka jiran himanii jiru.

Obbo Dabbasaa Guyyoo erga dhabamanii jalqabee, du’uu fi jiraachuu isaanii hordofaa jirra kan jedhan, dura taa’aan waldaa hawaasa Oromoo Naayiroobii obbo Shaggaa Araddoo, dhabamuu manguddoo Oromoo kanarratti birmatanii, nu waliin akka barbaadaniif, manguddoota Booranaa hedduu dubbifnee marii geggeessaa jirra jedhan.

Manguddoota marii irra jiran keessaa tokko kan ta’an, obbo Waariyoo Aagaa dubifnee akka isaan nuuf himanitti, haala dhabamuu obbo Dabbasaa Guyyoo ilaalchisee, qorannoo gara garaa geggeessaa jirra jedhan.
Akkasumas manguddota hedduu waliin ta’uun, barbaacha itti fufudhaaf qophaayaa jiraachuu dubbatan.

Manguddoon umrii waggaa 63 obbo Dabbasaa Guyyoo waggoota 35f Keeniyaa magaalaa Naayiroobii keessa jiraataa kan turan yoo ta’u, bara 2000 irraa jalqabee argaa fi dhageettii gadaa Oromoo jedhu bu’uureessanii, nama aadaa Oromoo barsiisaa turan ta’uun kan beekkamaniidha.

Waggoota 16 darban irraa jalqabee haala gara garaa irratti kan wal beekan, Ameerikaa kutaa Minisootaa keessa kan jiraatan obbo Lammii Shunaa akka nuuf himanitti, Keeniyaa keessatti rakkooleen nama ukkamsuu, malaamaltummaa fi dhiibbaan adda addaa jiraachuu dubbatanii jiru.
Rakkoolee kanaan wal qabatee, dhabamuun Obbo Dabbasaa Guyyoo haalan kan isaan yaaddesse ta’uullee himan.

Biyya Noorwaay kan jiraatanii fi, bara 2000 irraa jalqabee obbo Dabbasaa Guyyootiin kan wal beekan ammoo, obbo Asnaaqaa Irkoo akka jedhanitti, gaafa argaa dhageettiin gadaa Oromoo bu’ureffamee turetti waliin turre jedhan.
Argaa dhageettii kana hogganaa kan turan obbo Dabbasaa ta’uu nutti himuun, waggaa tokkoo oliif, seeraa fi sirna gadaa nu barsiisaa turan jedhu obbo Asnaaqaan.
Dhiheenna kana ammoo dhabamuu isaanii erga dhagahanii booda, haalaan gadduu isaanii nutti himuun, dhimma kana ilaalchisuun, biyyoota alaa kanatti gurmaahanii marii gara garaa geggeessaa akka jiranillee dubbatan.

Obbo Dabbasaa Guyyoo wayta gara garaatti biyyoota akka Ameerikaa, Awurooppaa, fi bakkeewwan hedduu deemuun, nama seenaa fi sirna gadaa Oromoo barsiisaa turan yoo ta’u, wayta biyyoota kanneen hunda deemaa turanitti, obbo Asnaaqaa fi obbo Lammii Shunaatiin wal qunnamaa akka turan wal duraa duubaan duubatanii jiru.

Obbo Asnaaqaa Irkoo akka jedhanitti, obbo Dabbasaa Guyyoo aadaa Oromoo barsiisuudhaaf biyyoota gara garaa hedduu deemanii turan.
Akkasumas waldaa qorannoo Oromoo ykn OSA irrattis affeeramuun, hojiilee boonsaa fi muldhataa ta’an hedduu hojjataa akka turan ibsaniiru.

Namoonni yeroo dheeraaf obbo Dabbasaa Goyyootiin wal beekan kun akka nuuf himanitti, biyya Keeniyaa keessatti, ukkaamamiinsi baqqattoota Oromoo irratti raawwatamaa ture, haaraa akka hin taane ibsuun, haga ammaatti tana buuteen isaanii wallaalamuun haalan kan nama yaaddeessuudha jedhan.

Mootummaan Itoophiyaa wayta gara garaatti Keeniyaa keessatti dhalattoota Oromoo ajjeesuu fi ukkaamsun waan beekamuuf, tarii hayyuu kanas isaantu gaaga’e shakkiin jedhu deemaa jira.

Fakkenyaaf bara 1992tti, Oromoo beekkamaa obbo Jaatanii Alii, magaalaa Naayiroobii keessatti, guyyaa adiidhaan rasaasan ajjeefamuu isaanii ni yaadatama.

Bara 2007tti Injineroota Oromoo Tasfaahun Camadaa fi Masfiin Abbabaa, Keeniyaa magaalaa Naayiroobii keessaa ukkamfamanii, gara Itiyoophiyatti darbamuun kan hidhaman yoo ta’uu, mana hidhaa keessatti reebicha irratti raawwatameen, Tasfaahun Camadaa lubbuun darbuu isaa kan yaadatamuudha.

Darbii Dabbasaa Guyyoo akka jettutti, abbaan isii kanaan dura waa’ee aadaa Oromoo barsiisuu malee, dhimma siyaasaa kamuu keessa waan hin jirreef, qaamni kamuu waan isaan balleessuu barbaaduuf naaf hin galu jetti.

Ta’us hayyuun Argaa dhageettii Gadaa Oromoo Abbaan Liban Dabbasaa Guyyoo nama maraan kan wal ta’aniifi ollaafi fira cufa waliin nagayaan jiraatan waan ta’aniif namni dantaa dhuunfaatif isaan miidhu ni jira jennee amanuun nu rakka jedhu warri isaan beekan. Waan maraafuu rabbiin hayyuu bakka bu’aa hin qabne kana firoota isaanitifi ummata Oromootif hubaatii takka malee nagayaan akka rgamiisu hawwaa, itti baha dubbii tanaa hordfonee yero yeroon isniif dhiheessina.

Usmaan Ukkumeeti qindeesse.

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Abbaan Seeraa naaf haa jijjiiramu’ waan jedheef qofa adabbii qarshii 500 irratti murteessee jira..

Dabalataan manni murtii guyyaa har’aa Jawaar Mohaammad Abbaan Seeraa naaf haa jijjiiramu’ waan jedheef qofa …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *