Oduu Haaraya

Eertraa Dhaan Butamnee Deebine Jedhu Lammiiwwan Itiyoopiyaa

Butamanii gara Ertraatti geessamanii kan turan obbo Habtaay Gebree attamiin akka butamanii fi booda irras gara biyya isaaniitti akka deeb’ian dubbataniiru.

Yeroo sana bakka itti geessamne adda baasnee beekuu baannus bakka fagoo turee jedhu obbo Habtaay Geber.

Sa’aatilee afuriif erga deemnee booda bakka tokko ga’anii bishaan nu obaasan. San booda sa’aatilee saddeetiif konkolaataa dhaan gara ganda isaanitti nu geessanii achuma bulle jedhan. Borumtaa isaa huccuu kaakii kan isaanii fakkaatu nutti uffisuu dhaan konkolaataa dhaan gara Guljii jedhamu booda irras gara Teseneyitti Teseney irraa immoo jal’isii guddaan bakka jiru tokkotti nu geessan jedhan obbo Habtaay.

Bakka kanas gadamoojjiwwan waraanaa bakka qonnaa guddaa kan qaban ennaa ta’u achittis hojii hedduutu jira jedhan. Hojiin keenyas kan akka barbarree funaanuu, xaafii haamuu, boqqolloo quncisuu fi falfaluu kan fakkaatu hanga guyyaa deebinuutti boqonnaa malee hojjetaa turre jedhan.

Loltummaaf isin leenjisuu hin yaallee? isa jedhuuf obbo Habtaay ennaa deebisan mallattoon walitti dudubbataa turan jedhan. Miliquu yaaddu taanaan as turtu. Yoo amala tolfattan garuu yeroo dhiyootti gara leenjii waraanaatti seentu nuun jedhu turan jedhan.

Dhuma irrattis yoomiif akkamiin akka biyya isaaniitti deebi’an ennaa dubbatan Guraandhala 19 waaree booda laaqana akkuma nyaanneen odeeffannoo homaa utuu nuu hin kennin konkolaataatti nu fe’an. Haalli nutti bitaacha’ee eessa naqaa jirra jechuun yaaddofne jedhan.

Naannoo Guljii jedhamu ennaa geeny konkolaataa ka birootti nu dabarsuu dhaan naannoo baadiyyaa ennaa geenyu itti gaafatamtoonni gadamoojjiwwan waraana Ertraatti nu kennan.

Martinuu dhuftanii? jedhanii erga nu gaafatanii booda dhimma keessan mootummaan Ertraa quba qaba biyya keessanitti deebitu nuun jedhan jedhau obbo Habtaay.

Halkan irra konkolaataa dhaan gara Sudaanitti nu geessanii Handaayit bakka jedhamutti geessamnee mootummaa Sudaanitti nu kennanii booda irra mootummaa Itiyoopiyaa waliin dubbatanii biyyatti nu deebisan jedhan.

Check Also

walloo

Witnesses say latest ethnic clashes in Ethiopia kill dozens

NAIROBI, Kenya — Witnesses allege that several dozen civilians and fighters have been killed in …