Lammii koo gahee kaa barrii shanaan
Kan wayyaaneen baraa baraan ittin dhaadataan
Barrii shanaan dabrus kan ittii anuu hin dhufaa
Bara kana kessaa hoo lammiin koo meqaa kufaa ?
Mee qomoo koo nuuf maalii hikkaan filannoo
kun yeroo isaniif hundaa dhaaddannoo
Ilmaan oromotiif godaanisaa yomiyyuu
Mirga hin qabduu bar filachuu dhabuyuu
Kan naa aja’ibuu hunda duratii
Isanoo kan dhufaniin afaan qawetii
Akkamittii injifatamuu jettee eydaa atii
Angoo kalessaa rasasaan dhuftee
Hardhaa maltuu argamee ufiraa ustee
Lammii koo oromo saba koo hin gawominaa
Isaan tasumaa hin lakisaan baranaa
Kan baranaa inuu filamee dhumee
Kan bara shanaan dhufuus qataa karorfamee
Dhagahii sif himaa hin gawwomiin tasumaa
Hin beytuu jarrii malummaa dimokrasii gonkumaa
Osoo bekanii rasasaa ittii hin robsan ilmaan namaa
Filannoo filannoo filadhaa jedhanii maa nu dorsisuu
Isanuu filanii gessani maf sabaa koo gowomsuu
Isanuu filanii gessani maf yaroo nurraa qisaasuu??
Beynaa nuhuu wa’ee filanaa
Midhaaf bu’aasa sirrittii addaan hubaannaa
Namnii tokko mirgaa filuu fi filatamuu qabaa egaa jedhan
Jallawan koo qaqaaliin essattii gidirfamaa jiraan?
Dubadhuu mee qalittii akka sii kessatii uguramaan
Dubadhuu mee qalittii akka sii kessatii uguramaan
Lubbuu sabaa kotii kan si kessatii awaalamaan
Silaa isanuu baraa dabree harkaa 96.8 filamne ja’ni
Baraa kana hoo mequmaan gahanii?
Isaanuu hin bekaan qanyii ijaa ashaboon sukumatanii
Hagaa filamuu fenuu caalaa filamne jedhuu akkuma bara kanii
Nii egnaa kaa baranaa harkaa meqaan ol guddatuu
Isiinuu hin qanfatanii harkaa 99 monee jettuu
Mohuun kessan way harayaa
Maliin egaa way gowumaa kiyyaa
Isanuu qataa murtessanii wa’ee mirgaa kiyyaa
Isanuu murtessanii wa’ee mirgaa kiyyaa
Sabaa koo oromoo kan dhiraa dubaraa barsisaa fi barataa
Filannoo wahituu hin jiruu ka’ii maf gowomtaa
Ayoo fi abboon sinii bilisaa bahuuf abdataa
Nuf haa gahuu wanjoon gabrummaa
Hin bilisomnaa abdii hin kutanuu yomumaa.
Kiya Tesfaye