Oduu Haaraya

FXG Boolee Bulbulaa Keessatti Ka’e Itti Fufeen Namootni 3 Waraana Wayyaaneen Rukutamuu Lubbun Wareegaman n Madaa’an, Haramaayaatti FXG Itti Fufeera.‏

Qeeyroo

Caamsaa 18,2016/ Magaalaan Boolee fi naannnoon ishee humna waraana Wayyaanee komaandoo jedhamaniin marfamtee jirti. Mootummaan Wayyaanee uummata Oromoo doorsisaan qabeenyaa isaa saamaa fi lafa isaa irraa guurratee gurgurataa ture amma kun hafee uummanni oromoo meeshaa diinni ittiin doorsisuuf utuu hi jilbeenfatin lafa isaa dura dhaabbatee falmii fi FXG gaggeessaa jira.

Yeroo ammaa mootummaan Wayyaanee maqaa ijaarsa seeraan alaa jedhuun manneen uummata oromoo naannowaa Finfinnee diigsisee abbaa qabeenyatti gurguratuuf yaalii taasisuun isaa ammaa kaasee kan itti hin milkkoofne tahuu FXGn feshelataa dhufeen uummanni naannoo Boolee Bulbulaa jiraatan mana isaani yeroo dheeraa irra jiraataan Wayyaaneen waraana isheetiin dirqisiistee diigsisuuf yaalii taasistee turteen har’a FXG uummata naannichaan dhoween dhukaasni uummata lafa isaaf bahee falmate irraatti dhuka’een namootni 3 wareegamuun kaan madawanii akka jiranii fi tarkaanfiin uummataanis waraana Wayyaanee irratti fudhatamuudhaan lafa keenya nurraa fudhachuufuu miti aangookeerrayyuu si gaggeessina jechuun uummanni FXG galgala kana finiinsaa jira. Kanneen du’an yeroof maqaa isaanii kan hin arganne dhukaasni yeroo dheeraa uummata iratti dhuka’een magaalaan Boolee fi naannon ishee Garji fi Boolee Bulbulaan walumaa galatti FXGn hudhamtee waraanni Wayyaanees keessa bololi’aa jira.
Gama biraatiin yuuniversiti Haromayyaatti dhukaasni barattoota irratti banamee jira. Mooraa yuuniversitii keessaa tarkaanfin diina fi waraana
irratti fudhatames jabaatee itti fufeera. FXG Haromayyaatti marsaa 5ffaa dhowee jiruun kan duubatti hin deebine tahuu diinnis hubatuudhaan soda guddaan wayyaanee qabatee jira.

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …