Oduu Haaraya

Gaaffilee bu’uraa ummata Oromoo fii Sabaaf Sa-blammoota Ortoodoksii

1. Abboota Afaan, aadaafi Safuu ummata keenyaa beekaniin yaa tajaajilamnu

2. Durii Kaasee Manni Kiristaanaa mandhee siyaasaa tatee turteetti. Keessattuu lafa Ummata Oromoo adda dureen saamaafi saamsisaa turteetti. Kanaaf manni Kiristaanaa siyaasarraa akka bilisoomtu, warri siyaasaa mana Kiristaanan ala gad bahanii akka siyaasa gaggeeffatan

3. Caasaan Mana Kiristaanitti caasaa sirna nugusaatin baheedha. Caasaan kun sirna amma jiruun walgitee tajaajilaaf akka mijatu taasisuu

4. Kitaaba Qulqulluu Afaan Oromoo hanga yoonatti hin jirre maxxansiisuu

5. Qabeenya mana Kiristaanaa tajaajila Afuuraaf ooluun irra turerraa murni tokko miliyeenaraafi biliyeenera tahaa jira. Kun hafee qabeenyi mana kiristaanaa tajaajila amantaa Ortodoksiif akka oolu, qabeenyi mana Kiristaanaa audit tahee harka hattootatii akka deebihu

6. Manneen Amantaa Ortodoksii diigaman ijaaruu, haaraa baayyisuu. Oromiyaafi sabaaf sablammoota maallaqaaf qofa gareen barbaadu bataskaana hudhee qabeera. Gareen kun manni Kiristaanaa akka baballatu hin barbaadu. Kanaaf garee kana qulqulleessuun manneen Kiristaanaa baballisuu

7. Qabeenya ummata keenya Ortodoksiirraa funaanamee naannoo biraa deemu hambisuun tajaajila ummataaf oolchuu. Keessattuu manneen Kiristaanaa gurguddaarraa maallaqa argamu funaannachuun firootafi saba isaanii duroomsaa jiru. Qabeenya Oromoo karaa kana saamaa jiru. Kun hafee qabeenyichi tajaajila afuuraf akka oolu gochuu

8. Afaan Oromootin Oromiyaa guuturratti qiddasee gaggeessuu. Tajaajiltoota Afaan Oromoon tajaajilan baayyisuu

9. Kitaabilee gara biroo Afaan Oromootti jijjiruu. Kitaaba qulqulluu dabalatee kitaabilee biroos afaan Oromootti jijjiiruu

10. Mana Kiristaanaa mandhee meeshalee waraanaa taatee hanga yoonatti garee tokko tajaajilaa jirti. Kanammoo kaleessayyuu Shaashamanneetti agarreerra. Kun gonkuma fudhatama hin qabu. Manni Kiristaanaa mandhee siyaasafi waraana humna Finxaaleyyii Amaaraa tahuu hin qabdu

11. Mana Lubummaa Waliigalaatti %99 saba tokkoon qabamee jiru saboota biroofis yaa kennamu.

12. Magaalaa Finfinnee Mana Kiristaanaa 250 ol jiru keessaa %99 saba tokkoon dhuunfatamee jira. Kun dhaabbachuu qaba

13. Qabeenyi mana Kiristaanaa %100 garee tokkoon qabamee jira. Kun dhaabbachuu qaba. Tajaajilaaf qofa Ooluu qaba

14. Sinoodosiin amma jiru sinoodosii seer-maleessa waan taheef of caasessuu qaba. Akkasumas of qulqulleessuu qaba. Sinoodosii dur ture %95 ol saba tokkoon dhuunfatamee ture. Kun fudhatama hin qabu.

15. Abboota saba biroo tahan lakkoofsan xiqqoo tahan irratti dhiibbaa gaggeeeffamaa tureef Bataskaanni dhiifama gaafachuu qabdi.

16. Kitaabilee saba arrabsan, namoota sabaaf sablamoota maqaa amantaan arrabsan seeraaf dhiyaatanii gatii isaanif malu akka argatan. Kitaabileen sunneen ifatti kan Mana Kiristaanaa akka hin taane beeksisuu, Yookanimmoo dhiifama gaafachuu

17. Alaabaa sirnaafi siyaasa saba tokkoo mana Kiristaanaa keessa baasuu. Manni Kiristaanaa Alaabaan Isheen fayyadamtu Fannoo qofa akka tahe beeksisuu

18. Maqaa tokkummaa Bataskaanaa jedhuun aadaafi duudhaa saba tokkootin qofa manni Kiristaanaa hudhamtee turte. Mana Kiristaanaa mana aadaafi ummata hunda kabajju taasisuu

19. Maqaa Mootota dur ummata Itoophiyaa weeraraa turanii akka cubbamtootatti fudhachuun mana Kiristaanatti maqaan isaanii akka hin kaane abaaruu.

20. Namootni Muraasni aangoo qabatanii jiran qarlamee tahuun karaa bataskaanaa siyaasa gaggeeffachaa jiru. Namoota akkasii bataskaanarraa foohuun namoota dhimma amantaa qofa gaggeessaniin bakka buusuu.

Jabaan Waaqa

Finfinnee, Oromiyaa

Check Also

sinodoosii haaraya

Sinoodsii haaraa hundeeyfamerratti duulli maqaa balleessiin adda addaa baname.

Gareewwan mana amantaa ijaaruun olaantummaa paartii tokkoo kabachiisuu barbaadan abbootii Sinoodsii haaraa hundeessan irratti duula

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *