Oduu Haaraya

Sinoodsii haaraa hundeeyfamerratti duulli maqaa balleessiin adda addaa baname.

Gareewwan mana amantaa ijaaruun olaantummaa paartii tokkoo kabachiisuu barbaadan abbootii Sinoodsii haaraa hundeessan irratti duula maqaa balleessii adda addaa gaggeessaa jiru.

Abune Saawiroos kan hin baranne fi daa’ima kan hin qabne yoo ta’u, manni amantaa hin eeyyamu jechuun maqaa Phaaphaasichaa balleessaa jiru.

Yakka bu’uura hin qabnetu ummata biroo irratti raawwatamaa jira.

Gareen mana amantaa dhoksuu fi maqaa abbootii amantaa xureessuu irratti bobba’e kun gaafa lola Tigraay sana Abune Meetiyaasiin homaa hin jenne sababii isaan Tigiraay ta’aniif.

Amma immoo abbaa isaa akka golgaatti fayyadamuun abbootii amantaa maqaa xureessuuf muddamee jira.

sinoodoosii oromiyaa

Abune Saawiroos fi abbootiin amantaa kunneen dhimmoota kanneenii fi wal qabatan irratti miidiyaaleef deebii kennaniiru.

Yeroo lola Tigraay Paatriyaarkiin mana amantaa Ortodoksii Tewaahdoo Itoophiyaa Abune Maatiyaat sababa Tigiraay ta’aniif qofa duula maqaa balleessii irratti baname.

Walitti qabduun duulichaa namoota naannoo tokkoo mana amantaa keessa dhokataniidha.

Garichi yeroo tokko juunta yeroo tokko tigraayif qeeqa.

Gareen mana amantaa keessa dhokatee jiru kun haala Paatriyaarkiin Taabati baqachaa jiru fi Qulqulloonni buufata xiyyaaraa gadi dhiisanii baqachaa jiraniin hin dagatamu.

Eyyega kun garee maaskii biraa kaawwatee fi har’a ka’e namoota biroo irratti.

Garichi namoota sinoodii haaraa hundeessan irratti duula maqaa balleessii guddaa gaggeessaa tureera.

Abune Saawiroos namoota duula maqaa balleessii irratti banan keessaa adda dureedha.

Abunu Ayyale beekumsa mana amantaa fudhatee ani hin baranne jedhee sarbame.

Gareen mana amantaa keessa dhokatee socho’u kun asitti hin dhumu. Waan hin eeyyamamneen uummata komachuuf duula maqaa balleessii biraa qabatanii dhufan.

Abune Saawiroos dhimmicha irratti deebii kennaniin daa’imni jedhamu kun ilma obboleettii isaaniiti jedhanii daa’imummaa isaanii irraa kaasanii guddisan ta’uu ibsan.

Maddii: OMN

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *