Oduu Haaraya
tboa german

Gabaasa Marii hatattama Hawaasoota Oromoo Biyyaa Jarmanii-Magaala München

Marii hatattama hawaasoota Oromoo Biyyaa Jarmanii Magaala Munichtti Milkiin Raawwatame
Sagaleen ”…dhangalaa dhiigaa ilmaan Oromoo hatattaman dhaabbachu qaba!…“ isa jedhu irra deddebi’e dhagawaama ole.

Munich Ebla 03.2014
Gochaa Abba irre Motummaa Wayyaanee ummata Oromoo irratti raawachaa jiru, mormudhaan tarkaanfii waloo fi hatattama fudhachuuf Marii waamame ture milkaawe jira.
Qophiin kuni, akka aadaa Oromootti Ebbaa Jaarsoole Oromoon dungoo qabsiisuudhaafi yaadannoo Gotoota Oromoo nuf waregamnin jalqabame.
Marii kana irratti namoota dhibban lakkawaaman kan argaman yemmu ta’u, bakka bu’oota Hawaasa Oromoo Berliin-HOB. ev fi Hawaasa Oromoo Munchen fi Nannoo-HOMN e.V, Murtii isaani ummataaf ibsani gaaffii ka’eefis deebi kennaniiru.
Waluma galatti Hirira nagaa gaafa Caamsa 9.2014tti geggeffamu ilaalchisanis haalli qindaawee akka jiru ibsame, hawaasonni biro fi Jaarmooli siyaasas misensoota isaani kan hirmaachisan ta’u isa akkasumas, Warri yakka kana ummata kenya irratti rawwatan haga Seeraan Gaafatamani murtii isaani argatanitti fi gaaffin Saba Oromoo deebii hamma argattutti utu giddutti hinkutiin qabsoo kana kessa hirmaachuuf waada galaniiru. Jarmooleen Siyaasaa Oromoos gargarummaa ilaalchaa siyaasaa qabaan dhiphiifataa diina irratti xiyeeffachuun akkataa dantaa ummataa Oromoo kabajchisuu fi tiksuu irratti garaa fuulduraa maarii bal’aa kan hawaasni keenyaa ifatti qoodaa irraa fudhaatuu akkaa yabboo(Forum)n tolfamuu hirmatoonii walgahii kanaa dhammatnii jiru.

Tokkummaan Humna!
03.05.2014
Munich

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …